Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa: Daandii Xiyyaaraa Afriikaa isa guddicha
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balaa dheengadda mudate kan lubbuu namoota 157 galaafate booda naasuudhaan raafameera, garuu daandiin xiyyaaraa kun milkaa'ina isaatiin Afriikaa keessaa sadarkaa jalqabaarra jira.
Bara 2018 keessa Afriikaa keessaa tokkoffaa ta'ee kan filatame daandiin xiyyaaraa kun olaantummaasaa kan mirkaneeffate gatii tikeetii madaalawaa, tajaajila si'ataa kennuu, nageenyummaasaa fi neetwoorkii babal'ifatee imaluu isaatiini.
Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa bara 2011 Neetwoorkii 'Star Alliance' jedhamutti makame.
Neetwoorkiin akkanaa daandiiwwan xiyyaaraa biroo hedduu waliin michummaa uumee idoowwan garagaraatti akka balali'uuf isa gargaareera.
Afriikaa keessatti daandii xiyyaaraa isa guddichaa fi bu'aa argachuudhaanis tokkoffaadha jedhama Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa.
Bara baajataa 2017/2018 keessa Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa bu'aa maallaqaa Doolaara Ameerkaa miiliyoona 245 argateera, namoota miiliyoona 10.6f tajaajila geejjibaa kenneera.
Bara 1945 kan eegale Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa imala jalqabaa karaa Asmaraatiin Ijiptitti taasise.