Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hammi maallaqaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irra jiruufi jalaa qabame hangam?
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sharafa alaa dolaara miiliyoona 180 biyyoota garagaraa irraa walitti hin qabne akka qabu beeksise.
Dhaabbatichi kan kana jedhe sharafa alaa doolaara miiliyoona 95 kan hin kanfalle irra jiru akka kanfaluuf gaafatamuun isaa erga dhagahamee boodadha.
Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-Addunyaa (IATA) ibsa gaafa Kibxataa baasen Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dolaara miil. 95 kan dhaabbilee qilleensaa kaan of bira tursee jiru akka gadhiisu gaafateera.
Hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaw ''hanga har’aatti kuufamni maallaqaa biyyoota biraatti sochoosuu hin dandeenye doolaara miiliyoona 180 dha.
Maallaqa kuufame sochoosun daandii qilleensichaaf qormaata jabaa ta’e itti fufeera,'' jechuu isaanii ibsi IATA eereera.
Torban darbe Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa maallaqa biyyoota biraatii qabu sochoosuu akka hin dandeenye gabaafamaa ture.
Akka gabaasaalee kanaatti dhaabbatichi Naayijeeriyaafi Ertiraa irraa maallaqa hin fudhanne qaba.
Dhaabbatichi garuu ifatti maallaqi isaa biyyoota kamitti akka hafe waan dubbate hin qabu.
Waldaan daandiilee qilleensaa 300 ol of jalatti hammatu ibsa Kibxata baaseen Itoophiyaan geejibni qilleensaa ishee yaaddoorra akka hin buune qarshii doolaara miiliyoona 95 irra jiru kaffaluu qabdi jedhe.
Waldichi daandiileen qilleensaa biroo qarshii isaan harka jiru gadhiisuun waliigaltee idila addunyaan kan mirkanaa’e dha jechuun addunyaa keenya geejiba qilleensaan walitti fiduuf waliigalteen kuni kabajamuu qaba jedhe.
Daarektariin Olaanaa dhaabbatichaa Wiilii Waash mootummaa Itoophiyaa fi baankiin gidduugalessaa indaastirii aviyeeshiniif doolaara gad-aanaa ramaduu isaaniin doolaarri miiliyoona 95 akka hin baane kan godhu dha jedheera.
‘’Kun ergaa sirrii hin taane dabarsa,‘‘ kan jedhan Wiilii Waash daandiin qilleensaa guddina Itoophiyaa deeggaraa jiru faayidaa hawaasummaafi diinagdee isaa balaarra buusuu mala jedhan.
Kanaafis Itoophiyaan seera idila addunyaa hordofuun rakkoo kana saffisaan yerootti hiiktu dha jedhan qondaalichi.
Waldichi Itoophiyaan qarshii irra jiru akka kaffaltuuf gaafachuun alatti haala wal-fakksataan qarshii Itoophiyaan biyyoota biroo irratti qabdu irratti homaa hin jenne.
Hojii gaggeessaa olaanaan dhaaabbatichaa Obbo Masfin baatiiwwan 12 darban dhaabbati isaan hoogganan guddina olaanaa galmeessaa akka jiru ibsaniiru.
‘’Raawwiin keenya ammaa milkaa’inni keenya cimee akka itti fufu akeeka. Dhiibbaa weerara Covid jalaa bayyananneerra.
Xumura bajata waggaa kanaa dolaara biiliyoona 1.6 galchina jennee eegna. Kuni raawwii keenya waggaa duraa waliin yeroo wal bira qabamu guddina 20% dha,’’ jedhaniiru.
Waggaa baranaa waggaa darbe wajjiin yeroo wal bira qabamu guddina 55% galmeessuun xumura waggaa kanaa imaltoota 13.7 akka geejjibsiisu dhaabbatichi ibseera.
Bakkeewwan addunyaa 133’tti kan balali’u Daandiin Qilleensa Itoophiyaa akka Afrikaatti sadarkaa duraarra jira.
Sadarkaa idil-addunyaatti immoo dorgomaa cimaa kanneen jedhaman keessaati.