Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bofti kutaa paayileetii seene jennaan xayyaarri balalii addaan kutee qubate
Paayileetiin Afrikaa Kibbaa Ruudolf Erasmus kutaa paayileetii isa 'kookpit' jedhamutti yeroo kaan irraa addatti keessummaan isa waliin balali'u isa mudate.
Gargaaraa paayileetii ykn imalaa biraa miti. Buufata xayyaaraatii ka'anii ol-fageenya meetira 3,300 ol erga gahanii bofa guddaa is 'kobraa' jedhamutu kutaa balalii keessatti of biratti arge.
Bofti kun teessoo paayileetichaa jala maramee taa'ee jira.
"Dhugaa dubbachuuf, maaltu ta'aa akka ture hubachuuf na rakkise," jechuun BBCtti hime paayileetin xayyaarichaa Ruudolf.
Jalqaba waan akka cabbii wayii dugda isaatti qorree ture, qaruura bishaanitu dudduubasaatii itti cabbaa'e se'ee dhiise.
"Waan akka cabbaa'aa wayii uffata koorra osoo deemuu natti dhaga'ame," jedha. Qaruura bishaanii sirriitti osoo hin qadaadin hafee wayyaasarratti bishaan waan dhangala'e itti fakkaate.
"Gara bitaatti jedhee yoon gadi ilaalu bofti kobraa teessoo jala mataasaa achi garagalcheen arge."
Sana booda buufata xayyaara magaala Piriitooriyaatti hatattamaan xayyaara qubsiisuf dirqame.
Xayyaarri inni balaliisu kan dhuunfaa Beechcraft Baron 58 jedhamu yoo ta'u namoota afuriifi bofa tokko baattee deemti turte.
Gosti bofaa kobraa jedhamu kun yoo nama hidde summii hamaa waan qabuuf daqiiqaa 30 keessatti nama ajjeesuu danda'a.
Balaliisan xayyaaraa kun namoota isa waliin xayyaara keessa jiranitti bofti xayyaara keessa jiraachuu suuta jedhee itti himuu dura xayyaaricha hatattamaan qubsiisuu akka qabu murteesse.
Bofichi bakka namoonni biraa deeman dhaqee namoonni akka jeeqaman gochuu mala jedhees baay'ee yaadda'ee akka ture hima Ruudolf Eraasmas.
Dhuma irrattis isaanitti himuuf murtesse. "Imaltootatti himuun murteesse: 'dhagahaa, bofti xayyaara kana keessa jira. Teessoon anirra taa'e jala jira, Mee hanga danda'ametti dafnee qubachuu haa yaallu."'
Kana gaafa itti himu imaltoonni sun yeroof nahanii qorranii hafuu dubbata.
Paayileetonni rakkoon garaa garaa balaliirratti yoo isaan mudate maal gochuu akka qabanirratti ni leenji'u, garuu bofa kutaa paayileetii ykn kookpiitii seene maal gochuu akka qaban irratti akka hin taane BBCtti hime Ruudolf.
Osoo akkuma boficha argeen nahee ta'ee balalii kana balaaf saaxiluu akka danda'us hima.
Namoonni lama Worcester flying club- bakka xayyaarri jalqaba ka'e keessa hojjatan, sana dura bofti osoo xayyaara jala ciisuu arganii qabuuf jennaan harkaa miliquu himan.
Ruudolf osoo xayyaara hin kaasin dura bofti xayyaaricha keessa barbaadee dhabuu dubbata.
Xayyaarichi erga qubatee booda garuu bofichi eessa akka lixe hin baramne.
Komishinarri Siivil Aviyeeshinii Afrikaa Kibbaa paayileetii xayyaara nagaan qubsiise kana "goota" jechuun jaje.