Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daangaa qilleensaa Somaaliyaan balali'uu dhaabuu hojii gaggeessaan himan
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara biyyoota Eshiyaatti taasisuuf daangaa qilleensaa Somaaliyaa fayyadamaa ture dhaabuu isaa Hojii Gaggeessaan Olaanaa dhaabbatichaa BBC’tti himan.
Daandiin qilleensaa kuni murtee kanarra kan gahe to’attoota daangaa qilleensaa Somaaliyaarraa ''tajaajila tiraafikii qilleensaa amansiisaa ta’e’’ waan dhabeef akka ta’e Hojii Gaggeessaan Olaanaan dhaabbatichaa Jimaata waaree booda BBC Afaan Amaaraatti dubbatani.
Haa ta’u malee, dhaabbatichi ibsa Jimaata galgala miidiyaa hawaasummaasaarratti baaseen gaabasni BBCn hoji gaggeessaa dhaabbatichaa waabeeffatee baase dogoggoradhaa jedhe.
''Gabaasichi sirrii kan hin taaneefi kan dogongora qabudha'' jechuun waa’ee daangaa qilleensaa Somaaliyaa isa aangawaan dhaabbatichaa dubbatan waakkachuun sirreeffamni akka taasifamu gaafate.
Haa ta’u malee, BBC’n Afaan Amaaraa gaaffiifi deebii Obbo Masfin Xaasaw waliin taasise ifa godheera.
Af-gaaffii san keessatti Obbo Masfin Masfin ''sadarkaa guutummaan guututti jedhamuun’’ gama daangaa qilleensaa Somaaliyaa gara biyyoota Eeshiyaatti balali'uu dhiisuu ibsaniiru.
Sababa kanarra gahanis yoo ibsan, xiyyaarri Itoophiyaa torban darbe taatee daangaa qilleensaa Somaaliyaa keessatti isa qunname waliin akka walqabatu himan.
Ragaaleen biroo maal agarsiisu?
BBC’n marsariitii toora balalii ittiin to’atamuu danda’an kanneen akka FlightRadar24 fi Filaataweer gubbaas akka mirkaneeffateetti toora balalii xiyyaara Itoophiyaarratti jijjiirama hubateera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa torban darbe erga daangaa qilleensaa Somaaliyaarratti rakkoon isa mudatuu ibsee booda murtee kanarra gahuu aangawaan kan himan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kana dura balalii gara biyyoota galoo galaanatti taasisu gama daangaa qilleensaa Somaaliyaan fayyadama ture.
Haa ta’u malee, jalqaba torban kanaa eegalee garuu gama daangaa qilleensaa Jibuutii balali’aa akka jiru marsariitiiwwan kuni ragaa bahu.
Hojii Gaggeessaan dhaabbatichaas kanuma ture kan BBC'f mirkaneessan.
Toora balalii isaa kan jijjiire Daandii Qilleensa Itoophiyaa qofa osoo hin taane Daandiin Qilleensa Kataaris jijjiirama taasiseera.
'Filmaata biraa hordofne'
Obbo Masfin turtii BBC waliin taasisaniin, torban darbe gaafa Sambataa wanti mudate Daandiin Qilleensa Itoophiyaa tajaajila to’attoota tiraafikaa Somaaliyaan kennamu ‘’amansiisaa ta’e akka hin arganne’’ gochuu isaa himan.
Sababa kanaan, Dilbata ALI Guraandhala 17, 2016 eegalee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daangaa qilleensaa Somaaliyaa fayyadamuu dhaabuu isaa murteessuu ibsaniiru.
Obbo Masfin, ‘’filmaata biraa fayyadamuu murteessineerra. Kanaafis sababni ijoo (taatee Sambataa) dha,’’ jedhan.
‘’Tajaajila tiraafikii qilleensaa amansiisaa ta’e waan itti hin arganneef nageenyaaf jecha daandiiwwan biroo fayyadamaa jirra,’’ jechuun murtee darbe ibsan.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara biyyoota Eeshiyaatti taasisuuf daangaa qilleensaa Somaaliyaa fayyadamaa ture.
Yeroo ammaa balaliiwwan kana gama daangaa qilleensaa Jibuutii taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa daangaa qilleensaa Jibuutii kan fayyadamaa jiru ‘’karaa baasii dabalataa hin baasisneen’’ akka ta’e ibsaniiru.
Kunis ta’u Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara Moqaadishoofi magaalaa guddoo Somaalilaand, Hargeessaatti, balalii taasisu ‘’rakkoo malee’’ itti fufuu ibsaniiru.
Taatee Sambataa booda waan ta'e yoo ibsan, ''Akkaataa hojimaata idil-addunyaatti, wanti akkanaa yoo mudatu aangawoota sivil aviyeeshinii dhimmichi isaan ilaallatutti gabaasa goona.
''(Taatee Sambata mudate ilaalchisees) aangawoota sivil aviyeeshinii Somaaliyaafi Itoophiyaaf gabaasa goonerra,’’ jechuun BBC’tti himaniiru.
Haa ta’u malee, hanga yoonaa dhimmicharratti deebiin kenname akka hin jirre ibsan.
Torban darbe maaltu ta'e?
Torban darbe xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsa balalii 602 Finfinneerraa gara Dubaayi balali’aa jiru, xiyyaarri Kataar isatti dhihaataa akka jiru odeeffannoon akka isa gahe Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa BBC’tti himee ture.
Xiyyaarri Kataar daangaa qilleensaa Somaaliyaa keessa balali’aa jiru ol ka’iinsa isaa dabaluun gara xiyyaara Itoophiyaa kan dhihaate eeyyama to’attoota daangaa qilleensaa Moqaadishoon kennameefin akka ta’e daandiin qilleensichaa ibseera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa deebii gama imeeliin kenneen xiyyaarota lamaan gidduu fageenyi ture 23km akka ture ibseera.
Taatee kana ilaalchisee ibsa kan baase Abbaan Taayitaa Aviyeeshiniifi Eerportii Somaalilaand xiyyaaronni lamaan ‘’fageenya yaaddessaa ta’erra’’ akka turan ibse.
Akkasumas, ‘’walitti bu’uuf walitti dhihaatanii’’ akka turan beeksise.
Kunis kan ta’e to’attoonni tiraafikii qilleensaa Somaaliyaa ‘’odeeffannoo dogongoraa’’ kennaniin akka ta’e himatee ture.
Haa ta’u malee, Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Somaaliyaa fageenyi xiyyaarota lamaan gidduu jiru waan balaaf yaaddessu miti jedhee deebii kennuun isaa ni yaadatama.