Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dubbii xiyyaarrisaa kan Kaataar waliin walitti bu'uuf ture jedhamuurratti deebii kenne
Taatee xiyyaarrooni Daandii Qilleensa Itoophoyaafi kan Kaataar naannoo qilleensa Somaaliyaa keessa balali’aa turan sababii dogongora to’attoota tiraafika qilleensa Moqaadishootiin walitti bu’uuf waliitti siqanii ture jedhame ilaalchisuun Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa deebii kenne.
Xiyyaarrii Daandii Qilleensa Itoophiyaa lakkoofsi balaliinsa isaa 602 ta’e Sambataa Guraandhala 24, 2024 Finfinneerraa gara Dubaayiitti balalii’aa ture, xiyyaarri Kaataar kan ol fageenya inni irra tureettti dhiyaachaa akka ture odeeffaannoo akka argate deebii daandiin qilleensichaa BBC kenneen ibseera.
Taatee sana ilaalchisees qorannoon dabalataa fi tarkaanfiin sirreeffamaa akka taasifamuuf Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaafi Somaaliyaatti gabaasa taasifamuu daandiin qilleensichaa beekisseera.
Aviyeeshiniin Somaaliilaandi, xiyyaarri Kaataar odeeffannoo dogongoraa to’attoota tiraafika qilleensa Moqaadishootiin kennameefiin ol ka’insa isaa waan dabaleef xiyyaara Daandiin qilleensa Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenya yaaddeessaarra akka turanii fi walitti bu’iif walitti siqanii akka turan beeksiisee ture.
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Somaaliyaa gamasaatiin waliirraa fageenyi xiyyaaroota laman jidduu ture kan balaarra buusu hin turre jechuun waakkate jira.
‘‘Walirraa fageenyi xiyyaaroota lamaan jidduu ture balaa hin qabu ture. Ol fageenya addunyaarratti barame irra turan,’’ jechuun ture qondaalli Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Somaaliyaa Maakeeliin Haasan BBC Somaaleetti kan dubbatanii ture.
Xiyyaarrii Daandiin Qilleensa Itoophiyaa qilleensa Somaaliyaarra ol fageenya faana kuma 39n balalii’aa ture ol fageenya irra tureen xiyyaarri gara biraa dhufaa jiraachu gorsaa tiraafikaa (Traffic Advisory)n akka qaqabee ture beeksiise.
Xiyyaarri qabeenyummaansaa kan Kaataar ta’eefi guyyaa keessaa sa’aatii 6:32 yoo ta’utti ol fageenya xiyyaarri Daandii Qilleensa Itoophiyaa irra balalii’aa tureen itti dhiyaachaa akka jiru gorsi tiraafikaa akka isa qaqqabee ture Daandiin Qilleensa Itoophiyaa deebii karaa imeeliittin BBC’f kennaneen ibse.
Xiyyaarri Kaataar Dohaarraa gara Yugaandaatti balali’aa ture jalqaba ol fageenya faana kuma 38 irra balalii’aa kan ture yoo ta’u, odeeffannoo karaa daataa liinkiitiin kennameefiin gara faana kuma 40tti ol akka ka’uuf hayyama argachu gabaasa taasisuu daandiin qilleensa Itoophiyaa hime.
Taateen kun wayita mudateettis fageenyi xiyyaaroota lamaan jidduu ture km 23 qofaadha jedhameera.
‘‘Xiyyaaroonni lamaanu sirna ittisa walitti bu’iinsaa hammayyaa’aa (Traffic Advisory Collision System) ta’e waan qabaniif wayita taateen kun mudateetti waliirraa fageenyi xiyyaaroota lamaan jidduu ture km 23 ture’’ jedheera.