Liiverpuul yeroo 20 Piriimiyeer Liigii injifate

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul har'a ooo taphni afur hafuu injifataa Piriimiyeer Liigii Ingiliz bara 2025 ta'uu mirkaneesse.
Liiverpuul Totenhaam Hotisperiin direessaa Anfiilditti yeroo simatu qixxee bahuu ykn injifachuun shaampiyoonaa ta'uusaa akka mirkaneessu beekee ture.
Miirri guyyaa hara'aa Marsiisaayiid tures kan gammachuu ture.
Liiverpuul goolii 5-1 Totenhaamiin injifate.
Liiverpuul yeroo 20fffaa shaampiyoonaa Ingiliiz yeroo ta'u yeroo dhumaaf kan injifate bara 2020 wayita Koronaa Vaayiras addunyaa goolu ture. Injifannoo sana deeggartoota walliin gammaduun hin danda'amne.
Injifannoon 2020 sun waggaa 30 booda kan argame ture.
Leenjisaa Arno Isloota bara jalqabaa Liveerpuuliin leenjisuu eegaletti shaampiyoonaa ta'uun warra seenaa hojjetan keessaa tokko ta'e.
Liiverpuul taphni afur osoo hafuu qabxii 82 shaampiyoonaa ta'e. Garaagartummaan garee lammaffaarra jiru Arsenaal waliin jirus 15.
Mohaammed Saalaa bara dorgommii kana goolii 28 lakkoofiseera. Injifannoo Liiverpuuliif taphataa ijoo kan ta'e Saalaa dorgommii goolii hedduu galchuunis garaagarummaa guddaan dursa.
Ittisni Liiverpuul Vaan Daayiikiifi Saalaan kontiraatnisaanii bara kana xumuramuu dura torbanoota muraasa dura haaressan.
Tireent Aleksander Arnoold garuu gara Maadriid akka godaanuun waan hin oolle ta'eera.
Dursaan taphattootaa Vaandaayik yaada Sky Sport kenneen ''Kiliba miidhagaa addunyaati. Injifannoon kun nuuf mala'' jedhe. Guyyoota dhufan keessattis gammachuusaanii akka itti fufan ibse.
''Deeggartoota keenya guutuu addunyaarra jiraniif jecha, ofiifis jecha injifachuu baayyee barbaadeen ture.''
Waggaa shan keessatti yeroo lama shaampiyoonaa taaneerra jedhe.












