Yugaandaatti Arsenaal deeggaruun bashannanarra darbee jireenya guyyuu maaliif ta'e?

Madda suuraa, BBC / Wycliffe Muia
Biyya baha Afrikaa- Yugaandaatti maqaan Arsenaal hunda biratti iddoo guddaa qaba. Erga kilabi Ingilaand kun Riyaal Maadriid injifatee ammoo akka ayyaana waggaatti ayyaaneffataa jiru.
Arsenaal dorgommii Chaampiyoonsi Liigii tapha nuusa xumuraa marsaa jalqabaan Kibxata darbe gaafa Ebla 8, 2025 dirreesaarratti Riyaal Maadriidiin goolii 3 fi 0'n injifate.
Injifannoon Arsenaal kun biyya addunyaa addunyaa kamuu caalaa Yugaandaa keessatti gammachuu addaa uume. Yeroo hunda wayita Arsenaal tapha qabu uummanni Yugaandaa ni beeka.
Maanchistar Yunaayitidis akkasuma. Kilaboonni gurguddoon Ingilaand kunneen lameen biyya baha Afrikaa kana keessatti deeggarsa guddaa qabu.
Arsenaal tapha guddaa akkaan eegamu wayita qabu waldaan amantii qomeefi asxaa kilabichaan faayamee mul'ata.
Akka waan dirree kubbaa miillaa hunduu waan Arsenaal mul'isuun dhihaata. Kadhannaan afuuraas ni taasifama. Warri Yugaandaa Arsenaaliif hanga kana deemu.
Jaalalli Arsenaal fi kilaboota Ingilaand kaanii Yugaandaaf bashannana qofa fide miti, madda diinagdees ta'eera.
Daandiiwwan biyyattii fi suuqiiwwan keessatti uffata taphattootaa fi asxaawwan waa'ee Arsenaal ibsan bal'inaan gurguramu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kubbaaniyyaan biyyattii keessatti beekaman hedduun qabxii taphaa beeksisuu fi odeeffannoo kilabootaa kennuun baayyee buufataa jiru.
Hunda caalaa ammoo qumaarri madda maallaqaa isa guddaa ta'eera. Gama hundaan jaalallii fi deeggarsi kubbaa miillaa Yugaandaa keessatti sadarkaa olaanaarra ga'eera.
Gaazexeessaan ispoortii gameessi Isaak Mumeemaa ''waggoota dheeraaf biyyoota Afrikaa hedduurra naanna'ee waa'ee kubbaa miillaa gabaaseera. Kan Yugaandaa kun adda, sadarkaa biraarra ga'eera,'' jechuun BBCtti hime.
Biyyattii keessatti deeggartoonni kilaboota Ingilaand sadarkaa olaanaarra jiranii hunduu garee qabu.
Mana shaayee, mana dhugaatii fi galma kubbaa keessatti ilaalaniin alatti WhatsApp fi miidiyaalee hawaasummaa kaanirrattis garee uumuun marii fi falmiin kubbaa miillaa ni adeemsifama.
Garuu kan deeggartoota Arsenaal adduma. Kaan wayita kilabichi tapha cimaa injifatu gammachuu miiraan ala ta'e wayita ibsatan poolisiidhaan hidhamu.
Uummanni biyyattii deeggarsa kubbaa miillaarratti walabummaa daangaa hin qabne qabu. Ammoo walabummaan akkanaa yeroo gatii kaffalchiisus qaba.
Jaalalli kubbaa miillaa wayita deeggartoota kilaboota wal morkatanii gidduutti walitti bu'iinsa hamaa uumu ni argina.

Madda suuraa, Jacobs Odongo Seaman
Hoogganaa Waldaa Leenjistoot Kubbaa miillaa Yugaandaa kan ta'e Istoon Kiyaambaadee "uummanni keenya waan tokkotti onnee guutuun itti seena. Uummanni Yugaandaa dhugumatti kubbaa miillaa jaallata,'' jedhe.
Jaalala kubbaa miillaa keessatti kufuun kun deeggartoota lafaa dhufan irratti baayyee hammaata. Hedduunsaanii kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand daawwatu.
Baadiyyaa fagoo hanga giddugala magaalaa guddoo biyyattiitti uummanni biyyattii taphoota piriimer liigii ni daawwatu.
Yoo daawwachuu baatanis qabxii taphaa ni hordofu.
Jaalalli Arsenaal erga namni umrii waggaa 30 umriisaa guutuu Arsenaal deeggaraa ture Joon Seniyaangee Muddee darbe du'aan addunyaa kanarraa boqotee baayyee cimeera.
Namni kun erga Arsenaal morkataa isaa Maanchistar Yunaayitidiin injifatee booda wayita gammachuusaa ibsatu rasaasaan rukutamee ajjeefame.
Magaalaa Lusaakaa keessatti galma kubbaan itti agarsiifamutti tapha ilaalaa ture, wayita taphi xumuramu deeggartoonni Arsenaal miira gammachuu daangaa darbeen iyyuu eegalan.
Duuba deeggartoonni Yunaayitid aariidhaan deebii kennan, walitti bu'iinsi uumame.
Kun akka qaamni nageenyaa rasaasa itti dhukaasu taasise.
Taatee sana dura bakka kanarraa kiilomeetira 300 fagaattee kibba-lixa biyyattiitti kan argamtu naannawa Kabbalee jedhamtu keessatti deeggaraa gameessi Maanchistar Yunaayitid Beenjaamiin Indayaamuhaakii waraanamee ajjeefame.
Tapha Arsenaal fi Liivarpuul gidduutti taphatamerratti qabxii falmisiisaa turerratti osoo walitti deddeebisanii deeggaraan Arsenaal nama kana waraanee ajjeese.
Bara 2023 deeggarsa taphoota Piriimer Liigii Ingilaandiin walqabatee kutaalee Yugaandaa garaagaraa keessatti lubbuun namoota afurii darbeera.
Deeggartoonni Arsenaal lama deeggartoota Maanchistar Yunaayitidiin ajjeefaman, deeggaraan Yunaayitid tokko wayita kilabichi goolii 7 fi 0 dhaan Liivarpuuliin mo'amuun haala iccitii ta'een du'e.
Tokko ammoo tapha Maanchistar Yunaayitid morkataa isaa Arsenaal injifate tokkorratti lola uumameen waraanamee ajjeefame.
Sababa kubbaa miillaa jeequmsi Yugaandaa keessatti ka'uu kan eegale 1980moota keessa.
Dhagaa darbachuu fi deeggartoonni kilaboota walmorkanii buunyaan walhaleeluun yeroo sana eegale ammallee cimee itti fufeera.
Ogeessi ispoortii Luumbuyee Liinikaa ''yeroo hunda kilaboonni beekamoon Yugaandaa- Express FC fi SC Villa jedhaman wayita raphatan jeequmsi ni uumama,'' jedhe.
Amma haalli kun hammaachuu kan himu ogeessi kun, qumaarri ammoo deeggarsa kubbaa miillaa gara hin taanetti oofaa jira jechuun yaaddoo qabu ibse.
Yugaandaa keessatti qabxii taphaan qumaara qabsiisuun galii guyyuu lammiilee ta'eera.
Waggoota dura namni tokko qumaara waan nyaatameef summiidhaan of ajjeesuu poolisiin biyyattii ibseera.
Jaarmiyaaleen qumaaraa heddummaachuun akkasumas appiiwwan irratti qumaara qabsiisan harka nama bilbila harkaa qabu hundaa galuun carraan qumaaraa akka babal'atu taasiseera.
Dhaabbileen kun fedhii fi jaalala lammiileen Yugaandaa taphoota Piriimer Liigii Ingilaand irraa qaban akka carraatti fayyadamuun gabaasaanii olkaafataa jiru.
Maddi rakkoo addana. Deeggartoonni kilaboota walmorkanii yoo qumaara nyaataman aariidhaan walitti ka'u.
Kun Yugaandaa keessatti balaa lubbuu gaaga'u ta'ee itti fufeera.
Biyyattii keessa manni qumaara itti tapachiisan (dukkaan qumaaraa) 2,000 caalu.
Hojiin qumaaraa kun mootummaafis madda galii ta'eera. Gibira qumaara irraa argatu waan qabuuf mootummaanis waan kana dhaabuu hin feene.
Bara darbe qofa mootummaan biyyattii qumaara irraa gibira doolaara Ameerikaa miiliyoona 50 argateera jedha gabaasi miidiyaa biyyattii.












