'Darbii mugaa' Maanchistar keessatti jijjiiramni kubbaa miillaa dirqama ta'uu mul'ise

Kilabni Maanchistar sadarkaa lammaffaa gadi ta'ee kan beeku bara taphaa 2016-17 ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kilabni Maanchistar sadarkaa lammaffaa gadi ta'ee kan beeku bara taphaa 2016-17 ture

Darbiin Maanchistar 196ffaan miira dunquqquu ykn mukaa'uu uumee darbe. Yaadonni namoonni kennan waa'ee darbii kanaa gabaabsanii qaaccessu.

Tapha darbii kanarratti yaadi namoonni kennan marsariitii BBC Sport irratti maxxanfamaniiru.

''Addunyaarratti tapha darbii akkana nama jibbisiisu argee hin beeku,'' jedhe namni yaada kenne tokko.

Dursaan duraanii taphattoota Maanchistar Yunaayitid Gaarii Neviil tapha goolii malee xumurame kana booda akkas jedhe.

''Kun darbii Maanchistar. Falmii cimaa, onnee gootummaa fi cichoomina irraa arguutu nurra ture.''

''Ergaan baga gammadde jechuun gareen lameen waliif dabarsan fi jaalalli gidduusaaniitti mul'ate kilaboonni 0-0 xumuruutti gammachuu akka qaban agarsiisa. Dilbata waaree booda ta'uu sirriitti mul'isan. Irbaata waliin nyaachuuf waan deeman fakkaatu,'' jedhe.

Duraan kilaba Sporting leenjisaa kan ture Ruuben Amoorim Maanchistar Yunaayitid keessatti jijjiirama guddaa hin fidne.

Yaada Gaarii Neviil kennutti hin gammadne Amoorim.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waan hunduu naaf gala. Gaarii Neviil waan hundaa qeeqa. Sana sirriittan hubadha,'' jedhe Amoorim.

Chaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin sadarkaa tokkoo hanga afuriin ala ta'eera.

Kana jechuun bara dhufu dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaachuuf wabii hin qabu jechuudha.

Yoo sadarkaa amma irra jiru shanaffaamaan xumure Waancaa Awurooppaaf ga'a, garuu Niwukasil taphoota qabu lama keessaa tokko yoo mo'ate Siitiin kanayyuu dhabuuf ta'a.

Niwukasil Wiixata har'aa kilaba liigicha keessaa bu'uuf karaa qabate Leestar waliin taphata.

''Seenaa keessatti raawwii gadi bu'aarra akka jirru nan hubadha. Raawwii gaariirra hin jiru. Daawwattoota keenya gammachiisuu hin dandeenye. Yoo waan guddaaf yaaddee hin hojjenne haalonni akkuma kana kallattii biraa qabatu,'' jedhe Amoorim.

Dursaan duraanii taphattoota Yunaayitid kan biraan Rooy Kiin taphi darbii kun hiika tokkollee akka hin qabneef hime.

''Akka waan qixa ba'uun gaarii ta'eetti dubbatan. Qixa ba'uun eessaanuu nama hin ga'u. Waan gaariis miti,'' jedhe.

''Waa'ee kilaboota gubbaarra jiranii dagadhu. Maanchistar Yunaayitid kilaboota akka Bireentiford, Kiristaal Paalaas, Wolvis fi kilaboota naannawa isaa jiran waliin yoon dorgomsiisu seenaa keessatti akkas ta'ee akka hin beeknen hubadha.''

Maanchistar Yunaayitid akka baranaa gadi bu'ee hin beeku, Wolvisiin qabxii ja'a qofaan dursa, Bireentiford qabxii afuriin isa caalee 12ffaarra jira.

Tapha darbii kanarratti akkasumas erga taphi xumuramee daawwattoonni kilaba Maanchistar Yunaayitid irratti iyyaa turan.

Amoorim fi Peep Gaardiyoolaan garuu waca namootaaf gurra kennuu dhiisanii of fooyyessuu qofarratti waan xiyyeeffatan fakkaatu.

Gaardiyoolaan tapha booda akkas jedhe: ''Taphattoota waggoota afur, shan, ja'aaf mataa liigichaa turan argita. Bara kana gadi buuneerra. Nama tokko miti, hundumatu kufe. Kanaafidha tapha mo'achuuf kan wal'aansoo qabaa jirru.''

Xiinxalaan ispoortii BBC Kiriis Suutan ''Darbii Maanchistar mugaa akkasii argee hin beeku,'' jechuun sagantaa BBC Radio 5 jedhamutti hime.

''Kun bakka kilaboonni kunneen jiran mul'isa. Lameenuu hoji manee guddaatu isaan eeggata.''

''Rakkoon Yunaayitid guddaadha''

Rakkoon Maanchistar Yunaayitid salphaa miti, waa hedduudha.

Amoorim garee amma jiru keessaa taphattoota filatee hiriirsisa jedhanii yaaduun ni ulfaata, inni garuu kanuma raawwataa jira.

Ijoon dubbii gooliidha, kilabicha goolii galchaa hin jiru.

Taphoota 31 keessaa taphoota 11 irratti goolii hin galchine.

Kilabni kun jijjiiramuu yoo barbaade taphattoota bituun dirqama itti ta'a. Kanneen amma dirreerra jiran keessaa filachuu osoo hin taane, haaraa fiduu qabu.

Rakkoon yunaayitid fuuldura qofa miti. Cinaan, gidduun fi ittisni qormaata keessa jira.

Fuuldura irratti jifattoonni Raasmas Hooyilaand fi Jooshuwaa Zirkizii goolii galchuurraa fagaataniiru.

Lameenuu taphoota hanga ammaa taphatan 48 irratti gooliin isaan galchan walitti afur qofa.

Taphattoonni hedduun Siitii gadhiisuu malu

Taphattoonni Maanchistar Siitii iddoo fedhiisaanii ilaallachuutti jiru, Gaardiyoolaan ammoo hunda qabatee daandii sirriitti deebisee waliin itti fufuu barbaada.

Ammoo Siitiin akka amma jirutti itti fufuun rakkisaadha, rakkoo hedduutu harkaa isa qaba.

Gaardiyoolaan taphattoota waggaa hedduuf kilabicha tajaajilan qabatee itti fufuu fedha. Kun amma waan kilabicha baasu hin fakkaatu.

Ijoon kilabichaa Keviin di Buruuyinaa kilabicha keessaa ba'aa akka jiru barameera. Hireen kaaniis gaaffii keessa jira.

Egereen Jaak Giriilish, Bernaardoo Silvaa fi Edirsan ganaa kan beekamu ta'a.

Taphataan Juventus Andiriyaa Kaambiyaasoo fi taphataan Baayer Liverkusan Filooriyaan Wiirtiz garee Gaardiyoolaatti dabalamu jedhamuun maqaansaanii ka'a.

Ammoo tilmaami jiru taphattoota kunneen irratti dabalataan taphattoonni dabalataa Siitiitti makamuu akka danda'anidha.

Wanti beekamuu qabu taphataan Siitiif mallatteessu kamuu himata 115 kilabicharratti banameen miidhamuun hin oolu.

Kun humna Gaardiyoolaatii olidha.

Gama bulchiinsaa fi dhaabbii Siitiin irra jiruun yoo ilaalle Yunaayitid caalaa abdii qabu.

Bara dhufu dorgommii Waancaa Chaampiyoonsi Liigii keessa galuu yoo dadhabellee bara itti aanutti of fooyyessuuf carraa guddaa qaba.

Haata'u malee kilaba tokko dorgommii olaanaa Awurooppaaf geessisuu dadhabuun Gaardiyoolaaf kufaatii guddaadha.