Iraan biyyoota ollaa keessatti haleellaa gaggeessiteen misaa'eloota akkamii akka qabdu agarsiiste

Madda suuraa, Getty Images
Iraan biyyoota ollaa kanneen akka Sooriyaa Iraaqifi Paakistaan keessatti haleellaa gaggeessiteen naannichatti irree waraanashee agarsiisaa waan jirtu fakkaatti.
Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC)n buufataalen waraanaa US Baha Giddu-galeessaa keessa jiraniifi buufataalen waraanaa Israa'el Telaviivifi Hayifaa jiran qiyyaaffannoo misaa'olatasaanii jalaa akka hin baane agarsiisaa jiru.
Humnooti Iraan kun garaagarummaa sa'aatii 24 keesssatti biyyoota sadi: Sooriyaa, Iraaqifi Paakistaan keessatti misaa'elaafi diroonin haleellaa gaggeessan.
Kibxata galgala, Amajjii 16, Eggdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan Paakistaan keessatti haleellaa gaggeessun kaampii hidhattoota Jaish al-Adl jedhamanii barbadeessuu beeksisan. Kunis hidhattoonni eegdota daangaa Iraan ajjeesuusaanif deebii kenname akka ta'e beeksifte Iraan.
Hidhattoonni Jaish al-Adl garee Sunnii ta'anii mirga saba Balock kan Kibba Iraan keessatti argamaniif falmina jedhu.
Paakistaan haleellaa Iraan daangaashee keessatti gaggeessiteen heddu mufachuun "balaa cimaa qabaachuu danda'a" jette.
Bifuma wal-fakkaatun Kaaba Iraaq magaala guddoo Bulchiinsa Kurdii kan tate Irbiil irratti haleellaa bantee turte Iraan. Haleellaa Kaaba Iraaqitti gaggeessiteen misaa'ela balistikii 11 yoo dhukaastu wiirtuu basaasa Israa'el haleera jette.
Muummee Minsiteera Bulchiinsa Kurdii kan ta'an Masroor Barzaanii haleellaa Iraan kana "yakka uummata Kurdiirratti raawwatame" jedhan.

Madda suuraa, EPA-EFE
Minsteerri Dhimma Alaa Iraan Hoseen Amiir Abdollahiyan haleellaa misaa'elaa Egdonni Warraaqsa biyyattii gaggeessan deeggaraniiru.
Addumatti haleellan Iraan Kaaba Iraaqitti gaggeessite dandeettii misaa'eloota qabduufi qiyyaafannoo baay'ee qindaa'aa ta'een gaggeessuu akka dandeessu kan agarsiisedha jedhama.
Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellan isaan buufata basaasa Israa'el kaaba Iraaqitti argamu haleelle jedhan Israa'el qondaala waraanaa Iraan Sooriyaa keessatti ajjeesuusheef deebii kennuufis ta'uu himu.

Madda suuraa, NURPHOTO
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torbanuma kana gaafa Wiixataa Eegdonni Waraaqsa Islaamaa Iraan kaaba lixa Sooriyaatti kan argamtu Idliip keessatti haleellaa misa'elaa buufata garee Islaamic Isteet (IS) irratti gaggeessuu beeksisan.
Idliip wiirtuu mormitoonni mootummaa Sooriyaa keessatti hafaniidha. Waraana Sooriyaatti waggaa 12f gaggeeffameen mootumman Bashiir al-Asaad deeggarsa Iraanifi Raashiyaatin bararamee biyyattii hidhattoota garaa garaa harkaa deefateera. Haa ta'u garuu, bulchiinsa Idliip to'atee kan jiru garee hidhattoota Hayaat Tahriir al-Shaarm (HTS) dha.
Gareen Islaamik Isteetis bulchiinsa kana keessa ni socho'a. Iraan misaa'elota ittiin haleellaa gaggeessite Keebar Sheekan (acastel buster) jedhamu akka fayyadamte ibsiteetti. Misaa'elli kun fageenya km 1,450 imaluuni Sooriyaa, bulchiinsa Idliip keessatti haleellaa kan gaggeesse.
Iraan haleellaa torban kana biyyoota sadi keessatti gaggeessiteen dandeettii waraanaa hangam akka qabdu addunyaatti agarsiisuu waan barbaadde fakkaatti.












