Hoogganaan al-Qaayidaa 'itti-aanu' Saayif al-Adil eenyudha?

Madda suuraa, Getty Images
Gaggeessaa garee shororkeessaa al Qaayidaa kan ture Ayiman al Zawahaarin torbee darbe haleellaa US gaggeessiteen erga ajjeefamee booda garicha eenyutu gaggeessa kan jedhu gaaffii ture.
Al Zawahaarin Afgaanistaan keessatti haleellaa diroonii US tiin ajjeefame. Erga inni du’ee booda bakka isaa bu’ee garee al Qayidaa ni gaggeessa jedhamee kan eegamu nama lammii Masirii Saayif al-Adil jedhamudha.
Itti aantota Ayiman al Zawahaari fi namoota al-Qayidaa hundeessan shan keessaa amma lubbuun kan hafe Saayif al-Adil qofaadha.
Ayiman al Zawahaaris bakka bu’ee al Qaayidaa gageessa jedhamee kan eegamu isadha.
Yeroo ammaa kana al Adil sochiin isaa daangeffamee Iraan keessa jiraata jedhamee shakkama.
Al Qaayidaa warra hundeessan keessaa tokko yoo ta’u, Osaamaa Bin Laadaniif amanamaa ture jedhama.
Bara 1998 tti Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti embasii Ameerikaa irratti haleellaa boombii gaggeeffame keessaa harka qaba jedhama.
Haleellaa sanaan namoota 220 oltu du’ee ture.
Gama birootin ammoo waggoota 20 dura haleellaa Niw Yoork fi Waashingtanitti haleellaa Fulbaana 11 jedhamuun beekamu yeroo gareen al Qaayidaa gaggeessu al Adil mormee ture jedhama.
Ragaan bara 2021'tti bahe akka mul’isutti, al Adil dabalatee gaggeessitoonni al Qaayidaa olaanoon haleellaa cimaa ulfaataa fudhachuun Ameerikaa baay’ee dheekkamsiisuu danda’a jedhanii falmaa turan.
Akkaadamii Waraanaa Ameerikaatti ragaan qorattoota ‘Weest Pooyint’ jedhamuun dhiyaate akka agarsiisutti, aangawoonni al Qaayidaa haleellaa Ameerikaa irratti gaggeeffamu morman, Ameerikaan Afgaanistaan weeraruu dandeessi jedhanii turan jedhan.
Yeroo sanatti Afgaanistaan sochii al Qaayidaatif mijattuu turte.
Al Adil kanaan dura waa’ee nageenyaa, basaasaa, lolaa fi warraaqsaa hedduu barreessee ture.
Waa’ee al Adil maal beekna?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Osoo al Qayidaatti hin makamin dura waa’een al Adil baay’ee wanti beekamu hin jiru.
Ragaan FBI akka mul’isutti al Adil kan dhalate bara 1963.
Namni kun al Qaayidaa keessati gahee guddaa kan bahate ta’us, waa’een isaa olola al Qaayidaa keessatti baay’ee hin dubbatamu.
Waa’ee isaa kan ibsu odeefannoon ifa ta’e hin jiru. Maqaan isaa Saayif al Adil jedhamu erga garee al Qaayidaa seenee maqaa argate ta’uu akka hin oolletu himama.
Qorattoonni Weest Pooyint akka jedhanitti, eenyummaan al Adil nama lammii Masirii ta’ee fi humna addaa ta’e Koloneel Mahaammad Ibraahim Makaawwii jedhamu wajjiin wal dhaha.
Bara 1980'oota keessa Afgaanistaan Sooviyeet Yuuniyeenii irraa ittisuuf waraana gaggeeffame irratti akka hirmaatetu dubbatama.
Gareen Shororkeessaa al Qaayidaas kan hundaa’e yeroodhuma kanadha. Boodarra al Adil Somaaliyaa jiraachuu jalqabe.
Waraana waliinii Somaaliyaa keessatti hidhattoota loltoota Ameerikaa waraanan leenjisaa ture.
Yeroo sanatti Moqadishoo keessatti helikoptaroonni Ameerikaa ‘Bilaak Haawuk MH-60’ lama rukutamanii tureedha.
Kanuma irraa ka’uun bara 2001 Hooliwuud fiilmii “Black Hawk Down” jedhamu hojjatee ture.
Helikoptaroota lama rukutaman keessaa tokko rookkeetidhaan rukutee kan kuffise miseensa al Qaayidaa nama lammii Tuniziyaati jedhama.
Saayif al Adil bara 1990'oota keessa gara Afgaanistaanitti deebi’e. Yeroon kun yeroo itti Taalibaan Afgaanistaan to’annoo isaa jala galchuu jalqabeedha.
Bara 2001'tti yeroo Ameerikaan Afgaanistaan weerartu ammas Afgaanistaan gadi dhiisee bahe. Bakka nageenya isaaf mijatu dhokachuun haleellaa al Qaayidaan Iraan irratti taasisu gaggeessaa ture.
Bara 2003tti Iraan keessatti hidhame; turtii waggoota 12 booda wal jijjiirraa hidhamtootaa taasifameen, miseensota al Qaayidaa biroo waliin mana hidhaatii bahe.
Waggoota hamma kanaaf hidhamus, dhiibban inni al Qaayidaa keessatti qabu hin hir’anne.
Osaamaa Bin Laadan oppireeshinii Ameerikaan gaggeessiteen bara 2001'tti Paakistaan keessatti erga ajjeefameen booda, Ayiman al Zawaahiriin gaggeessaa al Qaayidaa ta’e.
Saayif al Adil salphaatti gara aangotti hin dhufu jechuun falma Ameerikaatti xinxalaa dhimmoota shororkeessummaa kan ta’e Kolan P. Kilaark.
Sababni jalqabaa al Adil Iraan keessatti hidhamaa dhaabbii ta’ee eegamaa jira. Kuni danqaa tokkoodha.
Iraan keessa taa’ee garee al Qaayidaa gaggeessuun hin yaadamu. Nageenya isaatiifis yaaddeessaadha.
Al Adil alatti eenyu al-Qaayidaa gaggeessuu danda’a?
Saayif al Adil alatti gara gaggeessummaa al Qaayidaatti ni dhufa jedhamee kan yaadamu baay’een hin jiru.
Kanaaf ammoo sababni kanaan dura gaggeessitoonni akka Ayiman al Zawaahirii fa’aa ajjeefamuu isaaniiti.
Tarii gara gareewwan shororkeessitoota biroo kanneen akka al Shabaab, Bokoo Haraam yookiin ISIS fa’aatti fuula isaa deebisuus danda’a.












