Basaastoni US akkamiin gaggeessaa al- Qayidaa Ayiman al- Zawahiri Kaabul keessatti arguu danda'an?

Suura al Zawaahirii fi Bin Laadan

Madda suuraa, Reuters

Bara darbe US waraana ishee Afgaanistaan keessaa gaafa baaftu, mootummaan Taalibaanin hoogganamu shororkeesitootaf iddoo akka hin laanne Baayidan akeekkachiisanii turan.

Waggaa tokko booda, gorsaan dhimma nageenyaa gageessaan al-Qayidaa Ayiman al-Zawaahiriin Afgaanistaan keessa jirachuu basaastonni biyyattii akka mirkaneeffatan Baayidanitti hima.

Angawaan olaanan tokko Rooyitarsitti akka himetti, mootummaan Afgaanistaan biyyoota lixaatin deeggaramu erga kufee booda al-Zawahiriin bara darbe gara Afaanistaanitti deebi'e.

US waraana ishee erga Afgaanistaan keessaa baastee tikni US al-Zawaahiriin gara Afgaanistaanitti deebi'uu hordofaa akka turan gorsaan dhimma nageenyaa kan Baayidanitti himan.

Ayiman al-Zawaahiriin maaala Kaabul naannoo Choorpur jedhamuu- bakka embasiiwwan biyyoota garaa garaa itti argamuu fi dippiloomatonni jiraatan- mooraa guddaa eegumsa qabu keessa maatii isaa waliin jiraataa ture jedhama.

Angawoonni Taaaliban hedduunis kan jiraatan naannodhuma kanaadha.

jalqaba ji'a Eblaa keessa tikni US madda tikaa garaa garaa fayyadamuun caasan al-Qaayidaa fi maatii deeggaru jiraachuu adda baafachuu isaanii gorsitoota Jooy Baayidanitti himan.

Suuta suuta gareen tikaa haadha manaa al-Zawaahirii kan taate kan akka basaastutti tajaajiltu adda baaftan. Boodarra al-Zawaahirii mooraa sana gadi dhiisee akka hin baane fi darbee darbee barandaa manichaa irra akka taa'u bira gahan.

Karooora haleellaa gaggeessuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ayiman al-Zawaahirii ajjeessun rakkoo biraa fiduu akka danda'u Baayidan yaadda'aa ture.

al-Zawaahirii bakka namoonni itti heddummatan jiraachu fi kanaan dura gaafa US waraana ishee Afgaanistaan keesssaa baastu haleellaa diroonitiin dogoggoraan nama 10 ajjeestee turte; kuni deebi'ee akka hin mudannes yaaddo qaba.

Ji'oota Caamsa fi Waxabajjii keessa angawoonni US waraana Yukireeni fi waa'ee seera meeshaa waraaaa to'achuutin qabamanii turan. Haa ta'u malee, gareen muraasni icciitii guddaan hojjatu Baayidaniif filannoo dhiyeessaa turan.

Joo Baayidan haleellan gaggeeffamu kamiyyuu, maatii al-Zwahaari fi angawoota Taalibaan bifa miidhuu hin dandeenyen akka gaggeeffamu akka mirkaneessaniif garee angawoota tikaatif hojii laatan.

Gaafa Adoolessa 1, 2022, Baayidan Daayireektara CIA Wiiliyaam Barnis fi Daayirektara Tika Biyyoolessaa Aviriil Haayinas dabalatee angawoota olaanoo walitti qaban.

Baayidan gaaffilee hedduu gaafatan: haalli ijaarsa manichaa fi wantoonni biroo haleellicha danqan yoo jiraatan, waa'ee ibsaa manicha keessa jiruu, haala qilleensa fi kkf gaafatan.

Akkasumas Kaabul keessatti haleellaa gaggeessun dhiibban inni fidu yoo jiraate Joo Baayidan gaafataniiru.

Dhumarratti al-Zawahiriin gaggeessaa al-Qayidaa ta'uu isaatin haleellan yoo irratti gageeffame seera qabeessa ta'uu isaa irratti waliigalame.

Adoolessa 25, 2022, Baayidan garee isaanii waliti qabuun erga mariyatanii booda al-Zawahaarin akka ajeeffamuuf ajaja dhumaa dabarsan.

Baayidan haleellan qilleensa irraa diroonidhaan akka gaggeeffamu erga ajajanii booda, misaa'ela lama kan "hell fire" dhukaafameen Ayiman al-Zawahaarin ajjeefame.

Haleellaa kanaan al-Zawahiriidhaan alatti maatii isaas ta'ee namni biroo miidhamne jedhame.

US haleellaa erga raawwatteen booda gareen Taalibaan bakkichatti argamuun maatii al-Zawahirii erga achii fuudhanii booda akka waan homtuu hin uumanee fakkeessuf yaalaa akka turan bulchiinsi Baayidan ibseera.