Taalibaan humnoota Iraan daangaarra jiran waliin wal-haleele

Loltuu qawwee gadi gombifatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Taalibaan humnoota Iraan daangaa Afgaanistaanii fi Iraan irra jiran waliin wal-haleele.

Taalibaan lola guyyaa Dilbataa adeemsifame kanaan loltuunsaa tokko akka ajjeefame hime.

Walitti buinsi kunis bulchiinsa Afgaaanistaan Niimrooz jedhamtuufi daangaa Iraan Hirmaand jedhamtu irratti raawwate.

Biyyooti lameen waan dhalate irratti quba walitti qabaa jiru.

Erga Taalibaan waggaa tokko dura Afgaanistaan to’ateen as naannoo daangaa irratti wal-haleeluun kuni yeroo gargaraa mudatee ture. 

Haa ta'uutii lolli inni miilanaa sababiinsaa maal akka ta'e ifatti waan beekame hin jiru.

Dubbii himaan bulchiinsa Nimrooz, Bahraam Haqmaal ''tokko ajjeesnee, tokko madeessineerra,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Gama Iraaniin garuu namni du’e tokkoyyuu akka hin jirre qondaala bulchiinsa Hirmaand, Maaysaam Baraazaandeh eeruun tajaajilli oduu Faars himeera.

Ejansiin oduu Iraan Taasniim lolli kuni erga Taalibaan ,''naannoo daangaa Afgaan hin taanetti alaabaa mirmirsuu yaaleeti uumamee,'' jedhe. Kana boodas,''daqiiqaa dheeraaf walitti dhukaasuun ture,'' jedhe.

''Humnoonni keenyas deebii barbaachisaa tahe kennaniiru,'' jedhan Baraazaandeh.

Baatii darbe ministirri hajaa alaa Iraan eegduun daangaa Iraan haleellaa wal-fakkaataan ajjeefamuu gabaasee ture.