Ashraf Ghani: Pirezidaantiin duraanii Afgaanistaan taatee yeroo itti Taaliibaaniin baqatanii akkasiin ibsan

Ashraf Ghani, Ebla 2014.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ashraf Ghani biyya dhiisanii baqachuun baayyee qeeqamanii turan

Pirezidaantiin Afgaan duraanii bara darbe wayita Taalibaan magaalaa guddittii biyyattii qabachuu gahaniitti biyyaa baqachuun isaanii murtee sirriidha jechuun, innis Kaabuul akka hinbarbadoofne ittisuufan jechuun himan.

Taalibaan Hagayya darbee keessa erga magaalaa guddoo biyyattii Kaabuul to'ateen booda aangoo qabate.

Ashraf Ghaani gaafa Hagayya 15 yoo lafaa ka'an, guyyichi Afgaanistaan keessatti guyyaa dhumaa isaanii ta'uu isaa ''homaatuu yaadaa'' hin qaban ture.

Akka deemaa jiran kan hubatanis wayita xiyyaarri Kaabuul gadhiisee bahu ta'uu Sagantaa BBC Radio 4tti himan.

Yeroo sanatti biyya dhiisee baqachuutti baayyee balaaleffataman, akkaan qeeqaman.

Ammaan tanas Yunaayitid Araab Imireetis keessa jiru.

Aab Ghani duraan loltoonni Taaliibaan Kaabuul akka hin seenee waliigalanii akka turan kaasu.

''Garuu ammoo sa'aatii lamaan booda, kan ta'e sana hinturre.''

''Gareewwan Taalibaan lamatu kallattiiwwan lamaan cufaa ture'' jechuun ibsuu.

''Walitti bu'insii isaan jidduutti cimunsaa ammoo magaalattii namoonni miliyoona shanii keessa jiraatan barbadeessuun badiinsii inni ummatarraan gahu olaanaa ture.''

Gorsaan nageenya biyyaaleessaa fi haatii warraa isaa Kaabulii akka bahaniif waliigaluun, gara ministeera raayyaa Ittisaatti akka isa geessaniin konkolaataa eeggataa ture.

Konkolaatichi gonkumaa hindhufne. Bakka isaa hogganaan nageenya pirezidaantii ''sodaadhaan raafamaa jiru'' dhufuun Aab Ghaniin ejjannoo yoo fudhate ''hundiisaanituu ajjeeffamuu'' akka ta'e itti hime.

''Innis daqiiqaa lamaan ol naaf hin kennine'' jedhu. ''Ajajni naaf kennamees akkan magaalaa Kaabuli keessaa bahudha. Innis eekeeraan kufeera, Jalalabadis akkasuma naan jedhe.

"Eessa akka deemnu hinbarre. Erga xiyyaarrii ka'een boodan akka Afgaanii bahaa jirru ifa naaf ta'e. Kanaafu akkasii sardamaan kan ta'e ture.''

Aab Ghani erga biyyaa bahaniin booda ittaanaa pirezidaantii isaa Amrullah Saaleh kan ''qaaniidha'' jedhee dabalatee qeeqamaa turan.

Akkasumas himannaan Aab Ghani maallaqa olaanaa fudhatanii biyyaa bahan jedhus ka'ee ture. Kanas inni garuu cimsee haaluun, akka qorannoon idil-addunyaa gaggeeffamuun maqaan isaa qulqullaa'uuf gaafatan.

''Ifatti ibsu kana barbaadu, maallaqa kamiyyuu biyya keessaa fudhhadhee hin baane,'' jechuun, itti dabaluunis ''haalli jireenya kiyyaa hundattuu beekamaadha. Maallaqichaan maaliin ittiin hojjadhaa?'' jedhan.

Aab Ghaniin ''hobsi hawaasa addunyaa ni ture jechuun yaaduu dabalatee'' dongongorri raawwatamu ni amanu.

Haata'u malee ammoo, waliigaltee Taaliibaaniifi Ameerikaa jidduutti pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi jalattii taasifamee eeruun, isatu taatee Hagayyaa 15f qaqabsiisee jedhan.

''Adeemsa nagaa gaggeessu dhiisuun nuti adeemsa dhiisanii bahuuti kan raawwannee'' jedhu Aab Ghani. Haalli waliigaltichi itti raawwatameetu hunda keenya ''nu haxaa'ee'' jedhan.

Waliigaltee raawwatame jalattis, US waraanashee fi kan michoota shee hir'isuu kan waliigalte yoo ta'u, erga gareen milishootaa motummaa waliin mari'achuuf walii galaniin booda ammoo hidhamtoota walii jijjiruuf ture.

Mariichi hojjachu hin dandeenyee ture. Bona 2021tti pirezidaantiin US joo Baayidan ammoo loltoota isaa Fulbaana 11tti baasuuf waadaa galan. Kanaan walqabatees Taalibaanoon Afgaan guutuu weeraruun magaaloota adda adda qabachu eegalan.

Dhumarrattis Aab Ghani akka jedhaniitti ''fonqolchi humnaa kan waliigaltee siyaasaa hin qabne ykn adeemsa siyaasaa kan ummanni keessatti hin himaatiin raawwatame.''

Guyaadhuma walfakkaataa Taaliibaan itti to'ateettis Aab Ghaniin Kaabuli gadhiisuun bahan. Erga yeroo sanaatii kaasees, biyyattii rakkoolee namoomaafi rakkoo diinagdee kan deeggarsa idil-addunyaa ka'usaattiin hammatee keessa darbaa jirti.

Erga baatiiwwan sadan darbaniitii as, Aab Ghaniin dhimmoota muraasaa Kufaatii Kaabuliitti geessanii ilaalchisuun himannaawwan ka'an nan fudhadha jedha. Fakkeenyaaf amantaa walitti dhufeenya idil-addunyaa waliin qabnu fa'i irratti jedhu.

Haata'u malees, ''Hojiin jireenya kiyya guutuu barbadaa'eera. Dudhaawwan kiyyas diigamaniiru. Kanaafuu dogongoraan yakka raawwadheera,'' jedhan.