Chaampiyoonsi Liigii Arsenaalii fi Yunaayitiid mufachiise, miidhama Saakaafi kaan

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin Shaampiyoonsi Liigii, taphni ramaddii marroo lammataa Kibxata galgala taphatame Ingilizirraa warri barana itti deebi'an Arsenaaliifi Maanchistar Yunaatid mufachiiseera.
Maanchistar Yunaayitid dirree isaa Old Tiraafoorditti kilaba biyya Turk Galatasaraayiin 3-2 injifatameera.
Yunaayitiid torbee lama dura tapha jalqabaa dorgommii kanaan Jarmanitti imalee dirree Baayeer Muunik, Aliyaanz Arenaatti 4-3 injifatameera.
Seenaa dorgommii kanaarratti Yunaayitiid taphoota jalqabaa lamaan walitti aansee yeroo injifatamu kun kan jalqabaati.
Galatasaraayiin injiftamuun Yunaayitiid lakkoofsiifi qabxiileen leenjisaa Eriik Teen Haag gaaffiin akka irratti ka'u sababa ta'eera.
Bara dorgommii kana Yunaayotiid dorgommiiwwan irratti hirmaate 10 keessaa jaha injifatameera. Taphoota 10 irratti gooliiwwan 18 keessummeesseera. Erga bara 1966-67 tapha 10'niin gooliin hanga kanaa itti galee hin beeku ture.
Tapha galgalaan booda deeggartootni miidiyaa hawaasaa gubbaatti gahumsa goolii eegaa Inter Miilaan duraanii amma Yunaayitiditti baruu dadhabe Andiree Onaanaa komachaa jiru.
Kubbaa Onaanan balleesse baraaruuf kan yaale Kaasemiroon daqiiqaa 77ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera.
Teen Haag ''Onaanaan addunyaarratti goolii eegdota jajjaboo jiran keessaa tokko ta'uusaa Ayaaksi waliin walakkaa xumuraa Chaampiyoonsi Liigii gahuun, Inter waliinis xumuraaf gahuun agarsiiseera'' jechuun falmaniiruuf.
''Taphoota hanga ammaatiin ciminaa fi dandeettiisaa argineerra. Harka hin laatu'' jedhan.
''Gareen qabu waliin gaafatamuummaasaa natu fudhata'' kan jedhan Teen Haag, ''fooyya'uu qabna'' jedhan.
Yunaayitiid ammatti taphoota lamaaniinu injifatamee ramaddiisaa keessaa qabxii malee sadarkaa afraffaarra jira.
Taphataan duraa Yunaayitiid turtiinisaa gaarii hin turre Wiilfreed Zahaa, kan dhiyeenya Kiristaal Paalas irraa Gaalatasaraayitti makame hirmaannaa isaa jalqabaa Chaampiyoonsi Liigiin goolii jalqabaa lakkoofsiseera.
''Dhumarrattis kunoo as gaheera. Akka kana wanti namatti tolu hin jiru. Jajjaboo gidduutti taphachuufi jajjaboo kana gidduutti gahumsa koo mul'isuudha'' jedhe.
Zahaan wayita Yunaayitiid ture yeroo lama ergisaan kilaba biraatti ergameera. Turtii isaattis gammadaa hin turre.
Tapha Piriimiyeer Liigiin Sanbata darbe Kiristaal Paalaasiin kan injifatame Yunaayitiid qabxii waliigalaa sagal sassaabbatee sadarkaa 10ffaarra jira.
'Miidhamuun Saakaa yaachisaadha'

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha isa kan biraa eda galgalaan Arsenaal dirree isaan ala kilaba Faransaay Lensi waliin morkatee 2-1'n injifatameera.
Arsenaal tapha kanarratti dursee goolii lakkofsiisuu danda'ee ture. Daqiiqaa 14'ffaarratti Bukaayoo Saakaa kubbaa mijeessee dabarseef Gaabreel Jeesuus gooliitti jijjiire.
Daqiiqaa 34 irratti garuu Arsenaaliif wanti yaaddoo ta'u dhalate. Saakaan miidhamee dirreedhaa bahe.
Leenjisaan Arsenaal Arteetaan miidhama isaatiin yaaddahuu himee ''kanaa olii hin beeknu'' jedhe.
Saakaan tapha kana duras miidhama xiqqaa osoo qabuu gara Faransaay imale. isa hiriirsisuun dogoggora turee jedhamee kan gaafatame Artettaan ''lakki itti bu'amee ture malee baayyee gaarii ture'' jedhe.
Miidhamni Saakaa hangam hamaa akka ta'e beekamuu baatuus, Dilbata dhuftu Arsenaal dirreesaatti shaampiyoonaa bara darbe Maanchister Siitii taphataa collee kana malee keessummeessa taanaan morkichi salphaa hin ta'uuf.
Taphoota Chaampiyoonsi Liigii eda galgalaa biroon Gara Neeppilsi kan imale Riyaal Maadirid morkii miidhagaa gochuun Naappolii 3-2'n injifateera.
Taphataan sarara gidduu Maadriid dhiyeenya Doortimuundirraa mallatteesifate Juud Beelingihaam gahuumsa guddaa agarsiisaa jiruun jajamaa jira.
Tapha edaan kubbaa goolii jalqabaa taate Viiniishiyees Juuniyeeriif mijeessee kenneera. Goolii lammataa ammoo ofii lakkoofsiseera.
Baayeer Muunik Kooppenhaageniin 2-1'n, Inter Miilaan ammoo Beenefikaa 1-0'n injifataniiru.
Galgala kana ammoo Niiwkaastil Yunaatiid dirree isaa Seent Jeems Paarkitti PSG kan itti keessummeessu kanneen eegaman keessaayi.
Baarseloonaan Poortoo waliin Maanchistar Siitiin ammoo RB Leebziig waliin morkii jabaa akka taasisan eegama.












