Ogeesa rifeensaa miidhama qaamaan hin daangeffamne, waa’ee seenaa isaanii maal himu?

Obbo Daanaa Yaabello

Ga’eessi ganna 36 Obbo Danaa Yaaballoo qaama miidhamummaa isaaniin osoo hin daangeffamin waggoota 20 oliif magaala Yaaballoo keessatti rifeensa sirreessaniiru.

Obbo Danaan miila lamaan dhaabbatanii rifeensa maamiltoota isaanii sirreessuu waan hin dandeenyeef dhagaa walirra tuulanii irra taa’uun rifeensa sirreessaa turaniiru.

Yeroo waggaa 20 ol kana keessatti tekinoloojiiwwan rifeensa namaa sirreessuuf gargaaran maqasii, tondoosii fi maashinii ammayyaatti fayyadamaniiru.

Kaffaltiin rifeensa nama tokkoo sirreessuuf kaffalchiisanis saantima 50 irraa gara birrii 30ti guddateera.

Namootni cimina Obbo Danaa Yaaballoo dinqisiifatanis tibbana miidiyaalee hawaasaa garagaraarratti waa’eesaanii barreessaa hamilees kennaafii jiru.

“Miilli taa’e hoomaa hin argatu; milli hin shaakalles hoomaa hin baratu” kan jedhan Obbo Danaan ogummaa rifeensa sirreessuu ijoollummaatti barataniin ofirra darbanii maatii isaanii deeggaru.

“Namni tokko tokko rifatee ‘dhiifama dhiifama’ jedhee baha” jechuun Obbo Danaan mudannoo isaanii BBCti himan.

“Abbaan kiyya ‘waan namaa hin kajeeliin’ naan jedha ture”

Bara 1978 godina Booranaa aanaa Yaaballoo keessatti dhalatanii kan guddatan Obbo Danaa Yaballoo daa’ima waggaa jalaa yemmuu turan sababa dhibee pooliyootiin miila isaanii lamaan irratti miidhaan gahuu himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sana boodas dhaabbatanii miila lamaan deemuu yookiin iddoodhaa iddoodha iddootti socho’uu hin danda’an.

Haa ta’u malee miidhaa qaama isaaniirratti qaqqabeen osoo hin daangeffamiin ogummaa rifeensa sirreessuu daa’imummaatti barachuu eegalan.

“Abbaan kiyyallee dur mataa cira ture. Yeroon ani nama ganna saddeetii ture ‘narratti baradhu’ jedhee nabira ciqilfatee taa’a. ‘Baradhu’ naan jedhee maqasii natti kennee na barsiise” jedhan.

“Abbaan kiyya ‘waan namaa hin ilaalin, hin kajeeliin’ naan jedha ture” kan jedhan Obbo Danaan rifeensa abbaa isaanii sirreessuun erga baranii booda rifeensa ijoollee ollaa sirreessuu eegaluu dubbatu.

“Bara 1993 immoo mana dhuunfaakoo banadhee keessatti hojjechuu jalqabe” jedhan.

“Maqasiidhaanin jalqabe. Achii hanga bara 2000ti Tondoosiin ciraa ture. Namni magaalaa cuftinuu nabiraa cirata. Namni Danaa hinbeekne magaala keessa hinjiru” jechuunis himu.

Dabaluunis “tondoosiidhaan magaala guutuufiin sirreessaa ture. Saba booda dhaabbatni miti mootummaa ‘Gayo Pastoralist’ jedhamu dhufanii na ilaallanii, waan hunda hubatanii maashinii rifeensa sirreessu tokko, teessoo tokko fi daawitii sadi naaf bitanii na jajjabeessan” jedhan.

Bifa kanaanis maashinii ammayyaan hojii rifeensa sirreessuu caalmaatti hojjechuu akka eegalan dubbatu.

Obbo Danaa Yaabeello

 Miira walmakaa namootaa…

Namootni rifeensa sirreeffachuuf gara dukkaana isaanii seenan tokko tokko akkuma isaan arganiin miirri walmakaan akka itti dhagahamu Obbo Danaa Yaaballoo himu.

“Namni tokko tokko ‘eenyutu cira’ yemmuu jedhu ‘ana’ jedhee yeroon deebisuuf kan rifatee ‘dhiifama dhiifama’ jedhee bahutu jira” jedhan.

“Namni gariin immoo ‘koottu naaf ciri si jajjabeessina’ jedhee cirata. Nama kana biratti sirreeffadhaa jedhee nama biraallee fidee dhufa” jechuunis himu.

Bifa kanaanis maamiltoota heddu horachuu kan himan Obbo Danaan, bara 2004 gaa’ela godhachuun ijoollee shan horataniiru.

Kana malees Obbo Danaan barnoota idilee hanga kutaa kurnaffaatti erga baratanii booda ogummaa kompiitaraa dhaabbata teknikaaf ogummaa keessatti barachuun waraqaa ragaa fudhataniiru.

“Namni taa’uu hin qabu. Miilli taa’e hoomaa hin argatu; milli hin shaakalles hoomaa hin baratu” jedhan Obbo Danaa Yaaballoo.

Akkasumas “har’a yoo dhabde boru waan argattuuf abdii ofii ofjalaa osoo hin fashaleessiin fulduratti deemuu qabda” jechuun namni abdiifii ciminaan hojjechuu akka qabu himu.