Tapha galchii waliigalaa saddet lakkaa'amee booda Amooriim maal jedhe?

Madda suuraa, Getty Images
"Tapha Piriimer Liigii bareedaa baranaa argine keessaa kun isa duraati. Inumaayyuu tapha isa bara Sir Aleeksi Fergusan fakkaata. Akkaataatti isaan jifatan bara sana nama yaadachiisa'' jedhe Jaamii Kaarager.
Maanchister Yuunaayitid adda tahen yeroo dheeraa booda arge kan jedhe Kaaraager, haala ajaa'ibaan taphataniiru. Kan isaan miidhe ittisa isaaniiti jedhe.
''Danbalii jifannaa guddaa argine. Waan Maanchister Yuunaayitid tahuu qaba jedhen daawwadhe,'' jedhe.
"Amooriim akkakoo yoo yeroo dheeraaf Piriimer Liigii hordofaa turte tahee taphuma qofa mo'achuu miti hojiin kee. Akkaataan itti mo'attus murteessaadha.
Haalli itti taphattee mo'attu deeggartootaaf barbaachisaadha. Mo'achuu barbaadu. Garuu akkas bashannanuunis murteessaadha,'' jedhe.
''Har'a waan nama bashannansiisudha. Garuu mo'achuu dhabuun nama yaadessa'' jedhe.
Fergusan jalattuu Yuunaayitid yeroo lama qofa galchii afur lakkoofsisee osoo hin mo'iin hafe.
Maanchister Yuunaayitid barana carraa sadarkaa 1-5 keessaa galuu harka isaa keessa gale hedduu balleesse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Galchii daqiiqaa dhumaatti irratti lakkaa'amuun ykn xiyyeeffannoo kennuu dhabuun mo'amuun qabxii gataa ture.
Taphni Boornimaz waliin kaleessa galgala gaggeessan galchii saddetiin xumurame. Yuunaayitid daqiiqota jalqabaa 30 kubba baay'ee bareedaa taphataa ture.
Carraa galchii hedduu argatus garuu itti hin fayyadamne.
Galchii tokko erga lakkoofsisee Boornimaz taphatti galuun galchii lakkoofsisuun wal qixxaatan.
Haa tahu malee Kaazemiiroon galchii lakkoofsisuun 2-1'n boqonnaa bahan. Boqonnaadhaa yeroo deebi'an daqiiqaa shan keessatti Boornimaz galchii lama lakkoofsisuun 3-2'n dursuu jalqaban.
Booda Buruunoo Fernaandez galchii sadaffaa lakkoofsisuun wal qixxaatan.
Maatiyaas Kuunaa galchii arfaffaa Yuunaayitidiif lakkoofsise. Kunis tahee osoo hin turiin Boornimaz galchii arfaffaa lakkoofsisuun wal qixxaatan.
Sene Laamens osoo hin oolchine tahee daqiiqaa 90 boodas Boornimaz yaalii gurguddaa lama godhaniiru. Taphichi qixa 4-4 xumuramuun Maanchister Yuunaayitid qabxii 26'n sadarkaa jahaffaa irra taa'e.
Boornimaz ldi Tiraafoord irratti waggoota sadiif walitti aansuun Maan Yuunaayitid iratti galchii sadii ol lakkoofsisaniiru.
Ruuben Amoorim taphaan dura yaaddoonkoo isa goolii baay'een nurratti lakkaa'amudha jedhee ture. Kunis hin oolleefii.
Maatiyas De Liikti miidhamarra jira. Haarii Maaguweeriis akkasuma. Sarara ittisaa Yuunaayitid irra taphattoota umurii waggaa 20 fi 18 Leenii Yooroo fi Haayden Hiiventu taphataa ture.
Isaan gahumsa gaarii agarsiisanis muuxannoo gahaa garuu hin qaban.
Ruuben Amoorim ''tapha kana isa kana duraa lamaan waliin wal bira qabnee yoo ilaalle fooyya'insa guddaa qaba. Yeroo akka kanaa tasgabbaa'uun taphicha injifannee bahuutu nurra ture,'' jedhe.
''Waan gaarii baay'een akkuma jiru waan irratti hojjechuu qabnu baay'eenis jira'' jedhe.
Ittisa sadii, afur ykn shaniin taphanneef tapha hin mo'annu. Haala taphichaa hubachuu fi waan gochuu qabnu beekuudhaan malee'' jedhe.
Dabalataan carraa galchii arganne hundaa itti fayyadamuu qabna. Har'a garee cimaa akka kanaa irratti carraa bal'aa argannee garuu itti hin fayyadamne jedhe.
Maanchister Yuunaayitid taphattoota akka Biriyaan Embuumoo, Amaad Diyaaloo fi Mazoraawwii Waancaa Afrikaaf waan deemaniif ni dhaba.
Tapha kaleessaa irratti Koobii Maayinuu jijjiiramee galuun sochii gaarii agarsiiseera.
Obboleessi isaa ''Koobii Maayinuu bilisa baasaa'' jechuun Tishartii isaa irratti barreessee maxxanse.
Amoorim Kaazemiiroonis sababa kaardii keelloon tapha Aston Viilaaf waan hin taphanneef Maayinuu taphachiisuu danda'a.















