Rifarandamii 'maqumaaf' Raashiyaan Yukireenitti gaggeessuuf yaadde warri lixaa balaaleffatan

Biyyoonni lixaa karoorawwan Raashiyaa eddoowwan Yukireen to'anno ishee jalatti argaman keessatti rifarandamii gaggeessuuf jettu morman.

Kenniinsi sagalee kunis bulchiinsawwan Yukireen keessatti aanga'oota Raashiyaan deeggaramaniif ummanni qaama Raashiyaa ta'uf sagalee akka kennan gaafatame.

Ameerikaa, Jarmanii fi Faransaay bu'aa sagalee ''sobaa'' kennamu kanaaf gonkumaa beekkamtii akka hin kennine himan.

Waraanni Nato ammoo karoorichi waraanichi akka dabalu taasiseera jedhu.

Rifarandamiin kuni bulchiinsa bahaatti Luhaanisk fi Donesik akkasumas kibbatti ammoo Zaaporizhiyaa fi Keerson keessatti Jimaata dhufaa irraa kaasee akka gaggeeffamu ibsameera.

Eddoowwan kunneenis dhibbantaa 15 daangaa bulchiinsa Yukireen ykn hanga bal'ina Haangaarii kan haguuguu ta'uu, maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.

Yaanni waraana jidduutti kenniinsi sagalee haqa qabeessaa fi seera qabeessii ni gaggeeffama jedhu battalumatti biyyoota lixaatiin balaaleeffatame.

Chaansilariin Jarmanii Olaf Scholzi karoora sagalee 'salphiisuu' Raashiyaa kana yoo kuffisan, pirezidantiin Faransaay Emaanu'el Maakiroon ammoo ''fakkeessoo'' dimokraasii jechuun komatan.

Maakroon ''Yaadni Donbaas irratti rifarandamii gaggeessuu balaa yoo ta'u baate qoosaadha'' jechuun Niiw Yoork keessatti bakka Gumii Waliigala UN hirmaataa jiraniitti gaazexessitootatti himan.

Gorsaan Nageenya Biyyaaleessa Ameerikaa, Jeek Sulivaan, Ameerikaan gonkumaa sagalee kennamuuf beekkamtii hin kennitu jedhan.

Riifarandamiin humnootii weerartootaan gaggeeffamuuf karoorfame kamuu seera idil-addunyaa kan cabsuu fi fudhatama seeraa omaa kan hinqabneedha jedhe ibsi Dhaabbata Nageenyaa fi Walta'iinsa Awurooppaa (OSCE).

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii michoota isaanii galateeffataniiru.

Aab Zelenskiin Roobii har'aa karaa viidiyootiin Gumii Waliigalata UN irratti haasaa ni taasisu jedhamee eegama.