Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen haga feete yoo ofirraa ittistelleen karoorri Raashiyaa hin jijjiiramu- Putiin
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin dhimma waraana Yukireen irratti haasawa isaanii jalqabaa uummata biyyattiif taasisaniin, Yukireen haga feete ofirraa ittistullee karoorri Raashiyaa hin sharafamu jedhan.
Humnoonni Yukireen guyyoota ja'a keessatti kallattii kaaba bahaa naannawa Karkiiv jedhamuun lafa iskuweer kiilomeetirii 8,000 deebifachuu himu.
Aab Putiin ariifachuun hin barbaachisu jedhan, waraanni karaa Donbas akkuma itti fufetti jira jechuun uummatatti himan.
Raashiyaan hanga ammaa humna guutuudhaan waraanatti hin bobbaane jedhan Putiin.
''Waraanni karaa Donbaas hin dhaabbanne. Loltoonni keenya fuulduratti deemaa jiru. Yoo ariifachuu baatanis. Suutuma suuta bakkeewwan hedduu qabachaa jiru,'' jedhan.
Baha Yukireen keessatti naannoon indastiriin badhaate Donbaas xiyyeeffannaa weerara Raashiyaati, Putiin ammoo namoota afaan Raashiyaa dubbatan dhumaatii jalaa baraaruuf duula taasifamuudha jedhu.
Kutaan Donbaas gariin bara 2014 kanneen Yukireen irraa fottoquu fedhanii fi deeggarsa mootummaa Raashiyaa qabaniin fudhatamee ture.
Bakki tibbana Yukireen waraana itti bantee jirtu naannawaan Karkiiv qaama Donbaas miti.
Aab Putiin haasa taasisan keessatti loltoota Raashiyaan qabdu keessaa muraasatu waraanarratti hirmaataa jiru jedhan.
''Yukireen haleellaa kan itti fufte yoo ta'e adabbii hamaatu ishee eeggata. Loltoonni Raashiyaa hundi waraana Yukireen irratti akka hin bobbaafamne isin hubachiisuun barbaada. Kanneen ogummaa waraanaa olaanaa qaban qofatu irratti hirmaataa jiru,'' jechuun Yukireen akeekkachiisan.
Raashiyaan hanga yoonaa waraana Yukireen irratti labsuu ifatti hin beeksifne, oppireeshinii waraanaa addaa gaggeessaa akka jirtu ibsaa turte.
Haata'u malee erga dhiheenya kana humnoonni Yukireen waraanaan cimanii bakkeewwan garii qabachuu eegalan, deeggartoonni Raashiyaa hedduun humni dabalataa akka ramadamu gaafachuu eegalan.
Putiin erga waraanni Yukireen Guraandhala 2022 eegalee as yeroon isaan biyyaa ba'an muraasa.
Torbee kana garuu Kora -Shanghai Cooperation Organisation jedhamurratti hirmaachuuf gara Smarkand imalanii turan, achittis gitasaanii kan Chaayinaa Shii Jiinpiing argatan.
Kun kan agarsiisu pireezidanti Putiin erga warra lixaatiin guddoo qoollifatamanii booda biyyoota Eeshiyaarraa michummaa fi gargaarsa barbaaduu isaaniiti.
Haata'u malee koruma kanarrattiyyuu hooggantoonni weerara Yukireen ilaalchisuun yaaddoo qaban ibsachaa turan.
''Yeroonsaa yeroo waraanaa miti,'' jedhan Ministirri Muummee Indiyaa Narendra Modi.
Isa duras gochi isaanii Pireezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiingitti akka hin tolle Putiin hubatanii turan.
''Gaaffii fi yaaddoo keessan hubannee fudhanneerra,'' jechuun duree Chaayinaatti himan, waa'ee waraanicha ilaalchisuun wayita yaada kennan.