Baayidan fayyadama meeshaalee waraanaa nikulaaraa irratti Putiiniin akeekkachiisan

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baaidan Raashiyaan waraana Yukireen waliin gaggeessaa jirtu irratti meeshaalee waraanaa nikulaaraa ykn keemikaalaa akka hin fayyadamne akeekkachiisan.

Baayida gaaffiifi deebii Oduu CBS waliin taasisan irratti akka jedhaniitti, tarkaanfiin akkasii ''erga Waraana Addunyaa Lammaffaatiin asi haala waraanichaa gara biraatti jijjiruu danda'a'' jedhan.

Yoo meeshaaleen waraanaa sun faayidaala oolfaman deebiin Ameerikaa maal akka ta'u garuu omaa hin jenne.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin weerara biyyisaanii Guraandhala keessa Yukireen irratti raawwattee hordofee ture humnoonni nikulaaraa of eeggannoo ''addaa'' irra akka taa'an kan ajajanii turan.

Innis kunis sababii ''ibisawwan dorsiisoo'' biyyoota wara Lixaatiin gahuuf akka ta'e duree waraanaatti himee ture.

Meeshaaleen waraanaa niikulaaraa gara waggaa 80'f kan turan yoo ta'u, biyyoonni baayyeenis akka nageenya biyyasaanii eegsiisuuf dhuurkuutti ilaaluu.

Raashiyaan meeshaalee waraanaa nikulaaraa gara 5,977 ta'an akka qabdu Federeshiniin Saayintistoota Ameerikaa ni tilmaama.

Haata'u malee, meeshaalee kanneen itti fayyadamuf yaaduu dhiisu mala ta'a.

Meeshaaleen niikulaaraa (tactical nuclear weapons) yeroo baayyeen kan feegeenya gabaabaa irratti faayidaarra oolfamaniidha. Isaanis meeshaalee waraanaa niikulaaraa 'strategic' jedhamaniifi kanneen fageenyaa baayyee dheeraa irraa dhukaafama ittisuuf oolu.

Gabaasaa CBS gaaffii fi deebii Waayit Hawuus keessatti Pirezidant Baayidan waliin taasiseen, osoo putiin Yukireen keessatti meeshaalee waraanaa badii bal'aa qaqabsiisaniitti fayyadamee hoo jechuun gaafate ture.

''Hin ta'u, hin ta'u, hin ta'u,'' kan jedhu ture deebiin Baayidan. Gaaffii, osoo sararri sun qaxaamuramee miidhaan Putiin irratti qabaataa hoo maal ta'a kan jedhuuf, ''Maal akka ta'u danda'u akkan sitti himu barbaadda? Dhuguma sitti hin himu. Balaa qabaata'' jedhan Baayidan.

''Isaanis addunyaarraatti kan kana duraa caalaa kan jibbaman ta'u. Gochaa isaan raawwatan irratti hundaa'ees deebiin akkamii akka irratti fudhatamu murtaa'aa.''

Waraanni Yukireen keessaa akka Raashiyaan yaaddeetti hin deemneef. Guyyoota dhiheenyaa keessas, Yukireen karaa kaaba -bahaa bulchiinsa Khaarkiv keessaa lafa daangaa squweer kilomeetira 8,000 deebiifte qabachu himte.

Haleellaan Yukireen irraa isaan mudataa jiru itti cimulleen, pirezidaanti Putiin deebiin Yukireen irraa irra gahaa jiru karoora oppareshiinii Raashiyaa baha biyyattii keessatti itti fufuu irraa akka hin dahabne dubbatan.