Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoo waggoota 26 mootii Rirmaa baasuun maatii ofii jiraachisan
Obbo Fulla’aa Nagaashuu kan jiraatan Magaala Amboo yoo ta’u, jiruun isaanii kan irratti hundaa’e ammoo waan namni kaan madda galii namaaf ta'a jedhanii yaadaniin ala kan ta'eedha.
Isaan waggoota 26 darban miseensa maatii isaanii namoota torba kan ittiin jiraachisaa turanii fi ammalleen itti jiraatan rirma baasuudhaan.
Akkaataa hojii kana itti jalqaban yoo himanis “Baadiyyaa yeroon ture rirmatu dallaa ejersaa jalasaa muree nu jalaa jikse. Achumaan bakka sana osuma gadi qotuun mootii Rirmaa kana argadhe. Isa baasnaan rirmi bakka sanaa bade” jedhan.
Hojii waggootaa 26 dura rakkoosaan mudatee ture furachuudhaaf eegalan kunis suutuma suuta gara madda galii ta’uutti ce'e jedhu.
“Yeroon dura jalqabu sana mootii rirmaa mana tokko keessaa baasuuf birri shan qofa naaf kanfalu ture. Yeros ogummichas sirritti hin barre. Gara caalu tilmaaman bakka baayyee qofforeen argadha ture,” jedhan.
“Ani barnootas ta'ee, ogummaa biraa hin qabu. Kanin baradhe waanuma rirmaa kana. Waaqumatu kana naaf ibse. Amma sanyiishii tokko tokkoon beeka. Mootiin isaa eessaa akka taa’u sirrittan beeka. Kanaafis ofitti amanamummaadhaan mana namaa diigeen keessaa baasa,” jedhu Obbo Fulla’aan.
Obbo Fulla’aan amma ogeessa beekamaa Mootii Rirmaa mana namootaa keessaa baasan ta’aniiru. Amboo, Giincii, Hoolota, Wallaggaa Hamma Salaaleetti deemanii hojjetu.
“Amma ogummaa kana sirritti waanin bareef maamila hedduun qaba. Anumatu dulloomaan jiraafin dadhabe malee hojichi boqonnaa hin qabu. Biyya meeqarraa naaf bilbilu. Mootiin rirmaa hanga ammaa mana namaa keessaa baase osoo lakkaa’amee miliyoonaa gadi ta’a jettetuu” jedhan.
Amma dura iddoowwan rirmi baayinaan jiruu fi mana namaa diigee balleessutti summii fayyadamaa turani kan jedhan Obbo Fulla’aan Summiin kuni garuu mootii rirmaa bira gahee waan hin ajjeesneef furmaata hin ta’u jedhan.
“Mootiin rirmaa kan taa’u hanga meetira tokkoo gadi fagaatee bakka dhokataa wayiiti. San maleemmoo mootiin kan keessa taa’u suphee jabaataa homtuu keessa hin seenne keessa. Isa keessa bishaanuu hin seenu. Kanaaf summiin bira gahee isa hin ajjeesne,” jedhan.
Akkaataa ijaarsi manichaa irra jiruu fi mijaa’ina bakka qotanii baasanii irratti hunda’uunis Mootii rirmaa tokko baasuun guyyaa tokkoo hanga afurii akka itti fudhatus himu.
Ogummaa isaanii kana namootni akka irraa baratanii isaanirraa fufanii hojjetaniif yaalanis namni akka gaariitti narraa barate hin jiru jedhan.
“Nama meeqan ogummaa kana barsiisuuf yaale. Amma mucaan soddaa keenya tokko gara waggaa shanii najala deemee akka baratu godhe. Garuu hin qabanne booda abdii kutee itti dhiise” jedhan.
Manneen jireenyaa keessaa fi gamoowwan gurguddoo keessaalleen baasaa akka jiranii fi amma gatiin mootii rirmaa tokko baasuu hanga qarshii kuma saadii akka kaffalchiisanis himu.
“Namni birrii baayyee dhangalaasee simintoodhaan mana babbareeda ijaara. Ijaaruu malee jalasaa rirmi jiramoo hin jiru jedhee hin ilaalu. Erga ijaaree fixee rirmi jalaan qotee biyyoo oltuula. Gaafsa nawaamanii nan baasaf. Namoonni baayyee gammadu. Kaffaltii waliigalleen olitti kan naaf kennan hedduudha” jedhan Obbo Fulla’aan.
Hojiin mootii rirmaa baasuu kuni humna kan gaafatuu fi dadhabsiisaa ta’ulleen hanga humni isaanii dadhabutti ogummaa kana dhiisuuf yaada akka hin qaabnes dubbatan.
Oromiyaatti miidhaan Rirmi geessisu maal fakkaata?
Akka Biiroon Qonnaa Oromiyaa jedhutti, naannoo Oromiyaa godinaaleen sagal keessatti Rirmi miidhaa geessisa.
Hogganaaa Itti aanaan Biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa akka jedhanitti Rirmi omishtummaa qonnaa dhibbeentaa 25 hanga guutumaan guutuutti dhabamsiisuutti gaha.
Godinoota Wallagga Afran keessati miidhaan Rirmi geessisu guddaa yoo ta’u godinaalee akka shawaa lixaa, Iluu Abbaa Boor, Bunnoo Beddellee fi Jimma keessattis ni heddummaata jedhan.
Miidhaa Rirmi Geessisu kun ol’aanaa ta’uunsaa waan barameef jechas Pirojektiin kanarratti hojjetu waggaa 12 dura hundaa’ee turuus himu Obbo Dajaneen.
Qorichoota karaa saayinsiitiin dhihaataniin caalaatti garuu hojiin ogeessonni akka Obbo Fulla’aa faa karaa aadaatiin mootii rirmaa baasan bu’a qabeessa waan ta’eef kanneen mala aadaatiin baasan waliin qindoominan hojjennas jedhan.