Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni Tigraay waraana dhaabuun Gamtaa Afrikaa jalatti mari'achuuf qophii ta'uu ibsan
TPLF marii nageenyaa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf qophii ta'uu ibse, kanaafis namoota bakka buufachuu beeksiseera.
Ibsi waggaa haaraan hooggantoonni Tigraay baasan, bara haaraatti Itoophiyaa keessatti, keessattuu Tigraay keessatti dhukaasi akka dhaabbatu, tajaajillu bu'uuraa fi deeggarsi uummataa akka hin danqamne gochuun fedhii isaanii ta'uu eere.
Marii Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamuuf haala mijeessuuf jecha hatattamaan dhukaasa dhaabuuf akka waliigalanii fi kana hordofee marii gaggeeffamurratti hirmaachuufis qophii ta'uu mirkaneessaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo garaagaraatti dhukaasa dhaabuun mariitti seenuuf fedha qabaachuu ibsaa kan ture yoo ta'u, yaada amma aanga'oota Tigraayiin dhihaate ilaalchisuun hanga ammaa homaa hin jenne.
Waraana Kaaba Itoophiyaa erga eegalee waggoota lamatti siqaa jiru kana irratti qaamolee hirmaatan walitti araarsuuf tattaaffiin hedduun taasifameera, garuu hanga ammaatti waraana balaafamaa lubbuu lammiilee gaaga'aa jiru kana dhaabsisuurratti bu'aan argame hin jiru.
Qaamolee mariisisan ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa Gamtaan Afrikaa ga'ee mariisisuu akka fudhatu kan fedhu yoo ta'u, humnoonni Tigraay ammoo pireezidantii Keeniyaa yeroo ammaa aangoonsaanii obba'e jaarsa araaraa godhachuuf fedhii agarsiisaa turan.
Humnoonni Tigraay Gaanfa Afrikaatti nama Gamtaan Afrikaa bakka buuse pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oliseegun Obaasaanjoo irratti amanummaa akka hin qabne ibsaa turan.
Gamtaan Afrikaa ammoo yeroo itti Obasaanjoo bakka buuse akka dheeressu ibseera.
Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Fatii Mahaamaat Sambata darbe tiwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti, Obaasaanjoo irratti amantii guutuu akka qabanii fi ''Itoophiyaa fi naannawasheetti nageenya fi araara waaraa fiduuf'' qaamolee hunda waliinuu kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.
Dhukaasa dhaabuun marii karaa nagaa irratti hirmaachuuf waamicha humnoonni Tigraay dhiheessanis simataniiru.
Yaadi humnoota Tigraay irraa dhihaate marii nageenyaa fi araaraa Itoophiyaa keessatti taasifamuuf deemuuf carraa guddaa haaraa argameedha jechuun dinqisiifatan dura taa'aan Gamtaa Afrikaa kun.
Humnoonni Tigraay waanuma mootummaan federaalaa Itoophiyaa gaafachaa fi fedhaa ture ibse kan jedhan Muusaa Fakii Mahaamaat, amma qaamoleen lameenuu hatattamaan waraana dhaabuun kallattiin marii nagaatti akka seenan gaafataniiru.
Mariin gaggeeffamus Gamtaa Afrikaa jalatti ta'uu fi qaamolee idil-addunyaa kan hunduu irratti waliigale kan hirmaachisu ta'uu eeran.
Humnoonni Tigraay mariif qophii ta’uusaannii wayita ibsan, Gamtaan Afrikaa wayita qaamolee hunda walitti fidee mariisisu adeemsi isaa amanamaa fi iftoomina kan qabu ta’uu qabaachuu eeran.
Marii kanarratti namoonni qaamolee lameenuu birratti fudhatama qaban akka hirmaatan, taajjabdoonni amanummaa dabalan fi ogeeyyiin idil-addunyaa dhimma kanarratti tajaajila gorsaa kennan hirmaachuu akka qaban hooggantoonni Tigraa gaafataniiru.
Humnoonni Tigraay kunneen gamasaaniin qondaala gameessa TPLF kan ta’an Geetaachoo Raddaa fi Jenaraal Tsaadiqaan Gabratinsaay, uummata Tigraay bakka bu’uun akka mariirratti qooda fudhatan eeraniiru.
Garee Tigraay irraa marii kanarratti hirmatu dursuuf namoonni bakka buufaman kunneen duraan mootummaa federaalaa keessatti aangoo mootummaa olaanaarra kanneen turaniidha.
Erga waraana Tigraay eegalee ammoo naannoo Tigraayitti deebi’uun aangoo mootummaa olaanaarra jiru.
Mootummaan fedraalaa ji'oota dura mariif qophii ta'uu wayita ibsu, koree miseensa torba qabu kan Ministira Muummee Itti Aanaa Dammaqe Makonnin dursan hundeessuu ibsee ture.
Tigraay irraa garuu mariirratti hirmaachuu ibsuurraan kan hafe namoota hirmaatanii fi qindeessan hin ibsine.
Amma garuu namoota marii qindeessan ibsuurra darbanii, marichi hatattamaan akka eegalu waamicha dhiyeessan.
Kanaafis haaldureewwan kaa'atan keessaa tokko jalqaba ammumarraa walitti bu'iinsa akka dhaabbatu, sana booda mariidhaan dhukaasi akka dhaabbatu, itti aansee sababoota walitti bu'iinsa uuman irratti mariin hunda hirmaachise akka gaggeeffamuudha.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni erga eegalee waggaa lama guutuuf ji'i tokko qofti hafu, gara naannolee Amaaraa fi Affaar babal'atee lubbuu kumaatamaa galaafate, miiliyoonota qe'eerraa buqqisee harka namaa eeggachuuf saaxile.