Pirezidant Puutin fi Shii Jinpiing maal walirraa barbaadu?

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi gitisaanii kan Chaayinaa Shijinpiing waliin Uzbeekistaanitti wal arganiiru.

Hoggantoonni Indiyaa, Paakistaan, Tarkii fi Iraan fi biyyoota biroos yaa’ii Dhaabbata waltumsa Shaangaayi Samarkaanditti Fulbaana 15-16'tti taa’amurratti walgahu jedhameera.

Haata’u malee, Kiremliin hoogganaa Chaayinaa waliin wal arguun addatti ‘’bu’aa akka qabu’’ beeksifteetti.

Hoggantoonni Raashiyaa fi Chaayinaa Guraandhala darbe Olompikii Ganna darbeerratti wayita wal argan hariiroon biyyoota lamaanii ''daangaa hin qabu'', jedhani turan.

Guyyoota muraasa booda Raashiyaan Yuukireen weerarte.

Hooggantoonni biyyoota lamanii wal arguu isaaniitiin maal akka barbaadan BBC Monitoring waan mil'ate qaba.

Pirezedant Puutin hariiroo Beejing waliin cimsuun dhiibbaa biyyoonni Lixaa sadarkaa addunyaatti qaban qolachuuf mul’ata qaban ka'uumsa godhatan.

Vilaadmiir Puutiin erga Yuukireen weerarani as biyyoonni Lixaa moggaatti baasuu isaanitiin Shii Jiinpiing waliin walarganii hariiroo cimsachuu barbaadu.

Pirezidant Puutin Yuukireen weeraruu hordofee dambalii qoqqobbii biyyoota Lixaatiin Raashiyaarra waan tuulameef inveestimeentiwwan, teekinoloojii fi daldala Chaayinaa waliin qaban cimsuu barbaadu.

Kaampaaniiwwan biyyoota Lixaa Raashiyaa keessaa baqachuu isaanii hordofuudhaan Puutin dhaabbilee biyyoota Lixaatiin bakka buusuu barbaadani.

Biyyoonni Lixaa boba’aa fi gaazii Raashiyaaratti hirkachuu wayita hir’isaa jiranitti Mooskoon biyyoota gara Bahaa jiran, keessattuu Chaayinaaf boba'aa dhiyeessuuf yaalaa jirti.

Mooskoonimmoo duula Yuukireen keessatti gaggeessaa jirtuuf dhiyeessii meeshaa waraanaa barbaaddi. Chaayinaan garuu duula kanarratti Raashiyaa gargaaruurratti of eeggatti.

Taatullee imaammata hariiroo Chaayinaan waliin cimsachuu kana hoogganaan Raashiyaa ija shakkiin ilaalu.

Biiyyoonni lamaan naannichatti bu’aa isaanii eggachuuf wal dorgomu, Raashiyaa keessatti sirumayyuu Puutiin dhiibbaan Chaayinaa akka Baha Raashiyaatti cimu taasisisaniiru jedhamanii himatamu.

Pirezidant Shiin erga weerarri Covid-19 bara 2020'tti ka’ees yeroo jalqabaatiif gara Uzbeekistaanii fi Kaazakistaanitti imalani.

Pirezidant Shiin Onkoloolessa keessammoo Paartiii Kooministii Chaayinaatiin marroo sadaffaaf filatamuuf akka jiranitu eegama.