Pireezidantiin Raashiyaa waraanicha dhaabuf fedhii agarsiisera- Erdogaan

Pireezidantin Tarkii Rasip Tayyib Erdogaan gitni isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waraana Yukireen keessatti eegalan xumuruuf fedhii qabaachuu akka amanan ibsan. Kun tarkaanfiin abdachiisaadhas jedhan.

Pireezidantichi tibbana Putiin waliin walarganii marii taasisanirraa waan abdii isaanitti hore wayita ibsan: ''Waraana kana hatattamaan xumuruuf fedhii olaanaa qaba,'' jedhan.

''Akka waraana dhaabuuf fedhii guddoo qabu yaadasaarraa hubadheera. Kun baayyee na gammachiise. Sababni isaa haalonni amma uumamaa jiran rakkoo guddoo fidu waan ta'eef,'' jedhan Erdogaan.

Yukireen dhiheenya kana iddoowwan hedduu deebistee to'achuu ibsaa jirti.

Qondaalli Tarkii kun haalonni yeroo ammaa Raashiyaaf ''rakkoo guddaadha,'' jedhan.

Akka Erdogaan jedhanitti biyyoonni lamaanuu namoota ugguramanii jiran 200 ta'an yeroo gabaabaa keessatti waliif deebisuuf jiru.

Erdogaan yeroo hedduu waraana Yukireen ilaalchisuun wayita jaarsummaa taa'an argamu, kanaanis ejjeennoo al-loogummaa biyya miseensa NATO taate Tarkii beeksisu.

Qoqqobbiiwwan warri lixaa Raashiyaarra kaa'an ammoo ni mormu.

Qondaalli Tarkii kun midhaan nyaataa Yukireen keessaa gara biyyoota addunyaa garaagaraatti akka fe'amu gochuu keessatti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii guddoo gargaaran.

Biyyoonni lameen waraana dhaabuuf kallattiin walarganii marii nageenyaa akka gaggeessan yaalaa jiraachuus torbee darbe ibsanii turan.

Jalqaba ji'a kanaarratti Erdogaan warri lixaa ''imaammata waraanaaf Raashiyaa kakaasu'' baafatan jechuun qeeqanii turan, haala kanaan waraanni kun yoomuu hin dhaabbatu jechuunis akeekkachiisan.

Torbee darbe Putiin pireezidantii Yukireen waliin walarguuf wanti isa dhowwu akka hin jirre ibsee turus, Aab Zeleniskiin garuu fedhii qabaachuu hin ibsine.

Vilaadmiir Putiin waraanichi hatattamaan akka dhaabbatuuf fedhii qabaachuu Ministira Muummee Indiyaa Narendra Moodiitti himeera.

Pireezidanti Erdogaan waa'ee iddoowwan Raashiyaan Guraandhala bara darbeerraa kaastee to'attee wayita gaafataman, ''lafti weeraraan fudhatame hunduu Yukireeniif deebi'uu qaba,'' jedhan.

Garuu kan isaan jedhan kan bara 2014 Raashiyaan fudhatte Kiriimiyaa ni dabalataa fi hin dabalatuu hin ibsine.

Garuu erga bara 2014 lafti galaanaan marfamte kun ''abbaaf'' akka deebitu Putiin waliin dubbataa turuu fi bu'aa mariisaaniirraa argame akka hin jirre ibsan.