Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Raashiyaan gara duubatti deebi'uun Putiniif maal akeeka?
Raashiyaa keessatti TVn biyyaalessaa sagantaa isaa torbaniitiin yeroo hunda waa'ee injifannoo Kiremiliin tamsaasuun beekama.
Haata'u malee, Dilbata darbe hanga ta'e dhugaa dubbachuu eegalan.
“Oppireeshinii addaa Yukireen keessatti gaggeessaa jirru ilaalchise, torbeen kun baay’ee cimaa ture,” jechuun ture gaazexeessaa Dimiitirii Kiseleev kan gabaase.
“Dirree waraana Karkiivitti keessattuu ulfaata ture, loltoonni keenya kaan humna diinaatiin caalamuun magaalota duraan bilisa baasan dhiisanii bahan.”
Bakka “bilisa baasan” jettu akka “to’achutti” dubbisa.
Moskoon naannolee kanneen ji’oota sadiif qabattee turte, garuu haleellaa loltoonni Yukireen gaggeessan hordofee, loltoonni Raashiyaa naannoo kaaba dhiha biyyattii gad-dhiisanii bahan.
Haata’u malee, miidiyaan mootummaa Raashiyaa tasgabbaaʼee jira. Wanta naannoo Karkiivittii raawwatame akka “baqaatti” hin ilaalamu jedhu.
Ministeerri Ittisa Raayyaa Raashiyaa oduu loltoonni isaanii Balakiliyaa, Iziyuum fi Kuppiyaanisk baqataniiru jedhu ni waakkatan.
Maxxansi haaraan gaazexaa mootummaa “hin baqanne. Keessaa bahuun deebi'anii akka of gurmeessaan karoorfanne ture,” jechuun ibsa.
Gaazexaa Mooskoviskii Komsoomoletii jedhamu tokko keessatti ammoo, xinxalaan waraanaa yaada kanarraa adda ta’e barreesse: “Diinota keenya akka laayyootti ilaaluun mul’ateera.
''Loltoonni Raashiyaa tarkaanfii fudhachuutti yeroo fudhataniiru… Kanaan kan kaʼes, mo'atamneerra. Miidhama kana xiqqeessuuf loltoonni keenya akka hin marfamne gadi dhiisanii bahan.”
“Mo’atamuun” kun miidiyaalee hawaasa kan Raashiyaa deeggaranii fi barreessitoota Raashiyaa “sabboonummaa” qaban biratti aarii guddaa uumeera.
Isaaniis dogoggora raawwatan jechuun loltoota Raashiyaa komachaa jiran.
Hogganaan Rippablika Chechen kan humna guddaa qaban Ramzaan Kadiroov akkasumas aarii qabu.
“Har’aa fi bor jijjiiramni tarsiimoo jiraachuu baannaan, gaggeessitoota ministeera ittisaafi kan biyyattii haala qabatamaa ta’ e ittiin hima,” jechuun akeekkachiise.
Erga Vilaadimir Putiin weerara Yukireen eegalchiisan amma ji’a jaha ol ta’eera.
Guyyoota jalqabaa, hoggantoonni siyaasaa Raashiyaa fi xinxaltoonni weerara Kiremiliin “Oppireeshiniikoo addaa” jedhan guyyoota muraasa keessatti xumuramuu; lammileen Yukireen loltoota Raashiyaatiin bilisummaa isaanii argachuuf simatanii, mootummaan Yukireen akka diigamuu TV irratti tilmaama kennaa turan.
Kun garuu hin taane. Siriiyyuu, ji’a jahaa oliif, loltoonni Raashiyaa bakka duraan to’atan hedduu gad-dhiisaa jiru.
Gaaffiin guddoon ka’u garuu: haalli kunneen siyaasaa Vilaadimiir Putiin irratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’aa? kan jedhuudha.
Putiin waggoota 20 oliif namoota siyaasaa beekamoo Raashiyaa bira maqaa gaarii qabu; akka nama yeroo hunda iddoo hin tolle keessaa of baasuu danda’u jedhuun. Gabaabaadhumatti Putiin moʼuun hin dandaʼamu ture.
Haalli kun garuu Guraandhala 24 jijjiirameera.
Ji’oota jahan darban pirezidant Putiin Yukireen weeraruuf murteen taasisan dogoggora cimaa akka ta’e agarsiisa.
Injifannoo saffisaa ta'e argachuu dhabuun, Raashiyaan waraana yeroo dheeraa kanaan kaayyooshee galmaan gaʼuu dadhabdee walitti aansuudhaan mo’atamaa adeemte.
Vilaadimir Putiin seenaa Raashiyaa beekuuf deemu. Hogganoota Raashiyaa asiin dura waraana eegalanii mo’atamaniif jireenyisaanii gaarii hin turre.
Raashiyaan bara 1905tti Jappaaniin injifatamuun warraaqsa Raashiyaa jalqabaa uume.
Dogongorri loltoonni Waraana Addunyaa Tokkoffaa irratti raawwatan bara 1917 warraaqsa kaasuun bulchiinsa mootota Raashiyaa hambise.
Haata’u malee, pirezidanti Putiin waraana kanaan akka hin mo’atamne ibsaniiru.
Wiixata darbees Dubbi Himaan Kiremiliin Dimitirii Peskoov, “karoorri Raashiyaa ganama qabattee kaate hanga milkaa’utti oppireeshiniin ittuma fufa,” jechuun gaazexeessitootatti himan.
Putiin ittaansee maal gochuu qabu?
Namoota yaadaafi tarkaanfii Putiin fudhachuu danda’an adda baasuun baay’ee ulfaata.
Tarkaanfiin isaaniis odeeffannoon isaan loltootaafi basaastota isaanii irraa argatan hangam qabatamaadha kan jedhu irratti kan hundaaʼedha.
Garuu wanti beeknu kana: Pirezidantiin Raashiyaa dogongora hojjechuu isaanii yeroo dubbatan hin baramne. Akkasumas ofirra hin deebi’an ta'a.
Akka miidiyaleen Raashiyaa jedhanitti, dirree waraanaatti mo’atamuun loltoota Raashiyaa sababa biyyoonni Lixaa Yukireen deeggaraniifidha.
“Kiiyiiv NATO’n deeggaramuun haleellaa gaggeessaa jirti,” jechuun TVn mootummaa Raashiyaa kan gabaase.
Wayita ammaa kanattis gaaffii nama hin gammachiisne birootu ka'aa jira: “Yeroo waraanni gaggeeffamaa jiru kanattis, Putiin injiffannoo argachuu yoo dhaban, meeshaalee niikularaatti fayyadamuu danda’u laata?''
Guyyoota muraasaan dura, hogganaan waraana Yukireen Valeerii Zaluzinii, “loltoonni Raashiyaa haalawwan tokko tokkoon jalatti niikulaaratti fayyadamu danda’an,” jechuun akeekkachiise.
Ammatti garuu, mallattooleen sodaa kamuu Kiremiliin keessatti hin dhagahamne. Miidiyaan biyyaleessa Raashiyaa bu’aa gaarii argachaa akka jiran fakkeesa.
Raashiyaan boba’aa Yukireen irratti haleellaa miisaa'eelii gageessites, “Oppireeshinii addaaf jijjiirama guddaa kan fidudha” jechuun gabaasan.
Guyyaa Sanbataa wayita Yukireen Raashiyaa injifattee jirti jechuun gabaasaaleen bahanittis, Putiin miira bashannanaa keessa ta'un Moskoo keessatti giingoo taphaa (Ferris Wheel), kan Awurooppaa keessatti guddicha jedhame eebbisaa turan.
Pirezidantiin Raashiyaa akkuma giingoo taphaa Guddicha Moskoo sanatti, ''oppireeshiniin addaa'' isaaniis gara isaanii goru akka ta'e amanaa kan jiran fakkaata.