Naayijeeriyaatti barattoonni butamanii turan 280 ol gadhiifaman

Ollaa kaaba-lixaa Naayijeeriyaa Kurigaa jedhamtu keessaa barattoonni jalqaba ji'a kanaatti butamanii turan 280 ol "miidhaan otoo irraan hin gahin" gadhiifamuu anga'oonni himan.

Bulchaan kutaa biyyaa Kaadunaa Ubaa Saanii haala ijoolleen kun itti gadhiifaman irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Hidhattoonni barattoota kana butanii deeman guyyaan isaan maallaqni itti kaffalamu kaa'an gahuun guyyootaan dura barattoonni kunniin kan gadhiifaman.

Barattoonni umriin isaanii saddeetii hanga 15 jidduu jiruufi barsiisaan isaanii tokko Bitootessa 7 irra ture kan qabaman.

Gareen hidhatanii socho'aniifi shiftoota jedhaman, waggoota dhiyoon asitti namoota kumaatamaan lakka'aman butanii deemu - keessaafuu gama kaaba-lixa biyyattii keessa.

Haatahu malee, barattoota jumlaan butanii deemuun waggaa dabre keessa hanga torbee kanaatti hir'atee ture.

Kanneen butaman gara caalu maallaqni erga kaffalamee booda gadhiifamu.

Taatee isa ammaa kanaan hidhattoonni doolaara $690,000 ykn Birrii Itoophiyaa miiliyoona 40tti siqu gaafatanii turan. Mootummaan biyyattii ammoo maallaqa jedhame kana hin baasu jedhee ture.

Bulchaa Saaniin ibsa baasan keessatti Pireezidantii biyyattii Bolaa Tinuubuu leellisuun, "barattoonni Kurigaa butamanii turan otoo hin miidhamin akka bahan waan godhaniif," galata galchaniiruuf.

Taateen daa'imman kana butanii deemuun kan mudate Bitootessa 7 wayita ijoolleen mana barnootaatti walitti qabamanitti ture.

Kanneen ijaan argan akka himanitti, ganama akka biyyattiitti sa'aa 2:30 keessa ijoolleen dirreerra wayita walitti qabamanii turanitti, hidhattoonni kurnatti lakkaa'aman dallaa mana barumsichaa seenan.

Achiis mana barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaa barattoota 187, sadarkaa tokkoffaa keessaa ammoo 125 qabatanii sokkan. Boodarra garuu 25 deebifamaniiru.

Barataan ganna 14 ni ta'a jedhame tokko, rasaasa hidhattootaan rukutamuun lubbuun darbe.

Bulchiinsa Kaadunaa dabalatee, kaaba-dhiha Naayijeeriyaatti gochaan butanii fudhachuu kana duuba, wandabadoota maallaqa gaafachuun hojiisaanii tahetu jira jedhama.

Damee yakkaa Naayijeeriyaatti akkaan guddachaa jiruu fi maallaqa hedduu argamsiisu kana to'achuuf, seerri falmisiisaa namoota butamaniif beessee kennuu dhorku 2022 keessa baheera.

Nami yakka kanaan balleessaan irratti argame yoo xiqqaate hidhaa waggaa 15'n kan adabamu ogguu tahu, haga ammaa nami kanaan shakkamee to'atame hinjiru.

Jalqaba bara kanaatti magaalaa guddoo Abujaa keessa maatiin shamarran butamanii, qaamoleen nageenyaa ijoollee dubraa bilisa baasan jechuun ibsa poolisiin baase soba jedhan. Haatahu malee filannoo biraa waan hinqabneef, maallaqa jedhaman kaffaluun obbolaa kanneen bilisa baasuu BBCtti himaniiru.

Gochaa barattoota gareen butanii sokkuu hedduu keessaa, kan gurra addunyaa horate kan 2014 Chibookitti mudate isa ijoo ture.

Gaafas gareen milishoota Islaamistootaa Bokoo Haraam shamarran 300'tti siqan magaalaa kaaba-baha Chibook keessaa butanii fudhachuun isaanii, addunyaa guddoo dallansiise.

Ergasii dubartoonni garri caalan gadhiifamaniiru ykn ammoo miliqanii bahaniiru - kan kurnatti lakka'aman garuu ammallee eessa buuteen isaanii hin baramin jira.