Maatii ijoolleen dubaraa shan hidhattootaan jalaa butaman gadhiisisuuf birrii mil. 10 kenne

Naayjeeriyaa bulchiinsa Zamfaara keessatti ijoollee dubaraa obbalaa walii ta'an shan Waxabajjii darbe hidhattootaan butamanii turan beenyaa maatiin miiliyoonaan kaffaleen gadhiifaman.

Ijoolleen dubaraa maatii tokkoo shanan ji'ootaaf harka hidhattootaa turuufi ji'a darbe hidhattootni viidiyoo isaanii gadhiisuun yaaddoofi dheekkamsa kaasee ture.

Viidiyoo gadhiifame irratti ijoolleen dubaraa kun meeshaa waraanaa baatanii mul'atu, hidhattootni isaan butan ammoo kaffaliin hin raawwatamuuf yoo ta'e loltoota akka isaan godhan dubbatu.

Aanga'oonni naannichaa dubartootni kun kan gadhiifaman hojii baraaruu qaamolee nageenyaan ta'uu dubbatanis maatiin garuu ijoollee isaanii kana gadhiisisuuf nayiraa miiliyoona 72 ($164,000) hidhattootaaf laachuu himu.

Haati ijoollee dubaraa sadii Hajiyaa Hadiiz ijoollee ishee argachuutti gammaduu BBC'ti himte.

''Ijoollee koo dubaraa deebi'ee rgachuurraa abdii kutee hin beeku'' jetti. Hundi isaanii haala gaarii hin taane keessa akka traniifi biinbiifi kaaniinis gogaan isaanii miidhamee akka ture dubbatte.

Hadiizaan ijoolleen ishee dubara amma gadhiifaman harka hidhattootaa wayita turan keessatti yeroo shan qofa qaama isaanii saamuna malee akka dhiqatan itti himuu dubbatte.

Obbolaan dubaraa sadan, obbolaa isaanii dubaraa abbaan tokko lama waliin ji'a shan dura ture manni isaanii magalaa Furfurii jedhamtu keessa jiru hidhattootaan wayita haleelamu haadhaaliifi obbooleessa isaanii lama waliin kan butaman.

Haadholiin lamaan atattamaan kan gadhiifaman fiigicha hidhattootni kun bakka dahoo isaaniitti godhan waan hin dandeenyeef ture.

Ijoolleen dhiiraa lamaanis takka turanii dubbii hidhattoota waliin godhameen hiikaman.

Bulchaan bulchiinsa Zamfara ijoolleen kun erga gadhiifamanii Wiixata darbe dhaqanii ilaalanii qorannoon fayyaa akka godhamuuf ajajaniiru.

Naayijeeriyaan hidhattoota nama butanii maallaqa hedduu gaafataniin rakkoo jabaa argaa jirti.

Waggoota dhiyoo as ijoolleen kumaan lakkaawwaman manneen barnootaarraa osoo hin hafiin butamanii gadhiisisuuf maallaqni hedduun gaafatamaa jira.

Zamfaaraa keessatti haleellaa hidhattootni raawwataniin cinaatti Dilbataa fi Wiixata darbe qofa naannolee ollaa saniitti raawwateen namni heduun butamee yoo xiqqaate 11 kan ta'an ajjeefamaniiru.

Hidhattootni kunniin maallaqa guddoo kan gaafatan yoo ta'u maallaqicha hin argatan taanan warra butame ajjeesuuf doorsisu.