Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatii Naayijeeriyaa sababa yeroo shan walitti aansuun lakkuu godhataniif wal hiikan
Ijoollee lakkuu yeroo shaniif walitti aansuun kan godhate Ayopo Ogunleye, gara lixa Naayijeeriyaatti namoota naannoo biratti akkaan beekama.
Abbaan ijoollee kun BBC sagantaa Afaan Yorubaatti akka himetti, yeroo ammaa kutaa biyyaa Ogun, ganda Ado-odo jedhamtu keessatti ijoollee torba kophaasaa guddisaa jira.
Haati manaa isaa waggaa tokko dura isa dhiistee baate, sababni isaa maatiinshee ijoollee lakkuu hedduu godhachuutti waan hin gammadneef ture.
Namni umrii waggaa 40 kun ijoolleesaa keessaa lakkuu tokkoo fi lakkuu tokko keessaa ammoo daa'ima tokko du'aan dhabeera, amma ijoollee torba qaba.
Aab Ogunleye wayita jalqaba haati manaasaa ulfooftu daa'imman lakkuu deessi jedhee akka hin eegnee fi wayita hopitaalaa itti himan ajaayiba itti ta'uu ibse.
''Wayita haati warraa kiyya deessu gaaffiin kiyya jalqabaa, 'dhiiramoo durba?' kan jedhu ture. Isaan garuu lakkuu ta'uu natti himan.''
Kun isaaf guyyaa abjuunsaa itti dhugoomeedha.
''Ijoollummaa koorraa kaasee osoon lakkuu argadhee jedheen kadhataa ture. Galata waaqaa, kunoo argadheera. Haadha manaa kiyya hammadheen baga gammadde jedheen.''
Naayijeeriyaa keessatti hawaasi Yoruba, keessaahuu lixa biyyattii keessa kan jiraatan, ijoollee lakkuu godhachuudhaan addunyaarratti sadarkaa qabu.
Daa'imman lakkuu dhalatan ''Ibeji'' jedhamu, akka aadaa hawaasa kanaatti kan itti aanee dhalatu lakkuu osoo hin taane daa'ima qeenxee ta'uu qaba- kunimmoo ''Idowu'' jedhama.
Kan Aab Ogunleye garuu yeroo hunda lakkuudha, haati warraasaa wayita ulfooftu hunduu lakkuudha.
''Kan jalqabaa, kan lammaffaa, sadaffaa, afraffaa, shanaffaa hunduu lakkuudha,'' jedhe.
Aab Ogunleye iccitiin yeroo hunda lakkuu argachuusaa kun isaaf akka hin galle hima.
Namoota kaan irraa waan addaa hin goone, nyaata addaa hin nyaanne, garuu yeroo hunda lakkuu argata.
Namni kun yeroo ammaa kophaasaa ijoollee hedduu guddisuutti rakkaa jiraatus, ammallee daa'imman lakkuu godhachuu barbaada.
Haadha manaa kan biraa fuudhuufis yaada qaba.
''Ijoolleen eebba waaqaati,'' jedha.