'Ammayyuu gaa’ilattan amana' haadha warraa duraanii Biil Geetis

Akkamitti akkan ishee waamu hin beeku. Erga abbaa warraa ishee duraanii hundeessaa kaampaanii maayikirosoofti [Microsoft] tahe Biil Geetis hiiktee amma maqaan ishee jijjiirameera, jedhe gaazexessaan BBC Meelindaa wlaiin gaaffiif deebii taasise.

Meelindaa Geetis irraa gara Meelindaa Fireenchi Geetis jedhutti jijjiirameera. Lamaan isaanii yeroo ibsa kennan akka adda bahan himaniiru.

Haa tahu malee, yeroo jalqaba gaaffiif deebiif wal arginu maqaa ishee Meelindaa Geetis jechuun of ibsite. Akkuma durii sanatti jechuudha. Akkas ture.

Osoo akka yaadakootti tahee jireenya ishee dhuunfaa ama maal akka fakkaatu irrattin xiyyeeffadhee ishee gaafadha ture.

Jireenya erga gaa’ila booda maal akka fakkaatu. Dubartii biliyenara adunyaa taatee jaalalle qabachuu, erga Biil Geetis waliin adda baatanii eenyutu ija jabaatee gaaffii jaalalaa siif dhiyeesse? Kanneen qabxiilee aniifi isn dhagahuu barbaannu jedheen yaada.

Isheen garuu sana gara duubaatti dhiisuun waa’ee hojii ishee amma irra jirtuu dubbachuu barbaadde.

Faawondeeshiniin Biilii fi Melindaa Geetis adunyaa irratti dhaabbata gargaarsa kennu isa guddaadha.

Maallaqa guddaan dhukkuba busaa namoota miliyoonaan Afrikaa keessaa fixe ittisuuf dhangalaasaniiru.

Dhukkuboota biraa irrattis hojjechaa ture.Weerara koroonaavaayirasii dura ittisa dhibee busaa irratti hojii guddaan hojjetamuu himtee ergasii garuu lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii dabaluu isaa irraa kan ka’e akka yaaddoo qabdu himte.

Garuu Aadde Meelindaan talaaliin akka qophaa’aa jiru abdii qabaachuu ishee natti himte.

Aadde Meelindaan waa’ee dhiibbaa koroonaavaayirasii irrattis dubbachuun biyyootni duureyyiin dingadeen Afrikaa akka bayyaannatuuf ni deeggaru abdii jedhu qabu.

Dhuma irratti jireenyi maal akka fakkaatu ishee gaafadhe jdhe gaazexessaan BBC kun.

Barri kun maatii isheefis bara ulfaataa akka ture ni beekama.

Aadde Meelindaanis kana gaafachuukotti na galateeffachuun hiriyyoota hedduu fi maatii isheen marfamtee akka jiraachaa jirtu himte.

Haala gaarii keessa jiraachuu ishee dubbati.

“Jaalallee haaraa qabadheen jira jettee natti himta jedheen yaadee ture,’’ jedheen gaafadhe.

Kofaltee, ‘’tarii gara fuulduratti tahuu hin oolu’’ jechuun naaf deebiste.

Ammas waa’ee gaa’ilaa maal akka yaaddu baruu barbaadeen ture. Nama isaaf tahu argatee wlaiin jiraatu hundaaf baay’een gammada jette.

‘’Ammayyuu gaa’ilattan amana,’’ jette.