Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jireenya Biil Geetisiifi Meliindaa Geetis suuraadhaan
Biiliifi Melindaa Geetis gaa’ilaan waggota 27’f wajjin erga jiraatanii tibbana wal hiikuu beeksisaniiru.
Sababa walii hiikuusaanii wayita ibsan, ''kana caalaa akka abbaa warraafi haadha warraatti waliin guddanna jennee hin amannu,''jedhan.
Lamaan isaanii dhaabbata Biil fi Melinda Geetis Faawundeeshiin jedhamu wajjin hundeessanii ture.
Dhaabbanni tola-ooltummaa kunis hiyyummaa hir’isuu, to’annoo dhibeewwanii deeggaruufi haqni addunyaarratti akka jiraatu tumsaa kan ture wayita ta’u, bara 2000tti hundeeffame.
Geetis, hundeessaan Maakiroosoft mosaajiiwwaan koompitaroota dhuunfaa hojjachuun nama soorome wayita ta’u, dhaabbata teekinoloojii guddicha kana idileen hoogganuurraa bara 2008 bu’uutu yaadatama.
Biil fi Melindaan yeroo jalqabaaf kan waliitti dhufan bara 1980 keessa ture.
Barri sunimmoo wayita Melindaan dhaabbata teeknoloojii Maayikiroosoftitti dabalamte ture.
Akka barruun Foorbis jedhutti Geetis qabeenya doolara Ameerikaa biliyoona 100 fi biliyoona 24 horachuun addunyaarratti soorummaan sadarkaa 4 qabateera.