Jireenya Biil Geetisiifi Meliindaa Geetis suuraadhaan

Biiliifi Melindaa Geetis shaampiyoonaa Monaakoo Monte Kaarloorratti bara 2017 wayita hirmaatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biiliifi Melindaa Geetis shaampiyoonaa Monaakoo Monte Kaarloorratti bara 2017 wayita hirmaatan

Biiliifi Melindaa Geetis gaa’ilaan waggota 27’f wajjin erga jiraatanii tibbana wal hiikuu beeksisaniiru.

Sababa walii hiikuusaanii wayita ibsan, ''kana caalaa akka abbaa warraafi haadha warraatti waliin guddanna jennee hin amannu,''jedhan.

Lamaan isaanii dhaabbata Biil fi Melinda Geetis Faawundeeshiin jedhamu wajjin hundeessanii ture.

Dhaabbanni tola-ooltummaa kunis hiyyummaa hir’isuu, to’annoo dhibeewwanii deeggaruufi haqni addunyaarratti akka jiraatu tumsaa kan ture wayita ta’u, bara 2000tti hundeeffame.

Geetis, hundeessaan Maakiroosoft mosaajiiwwaan koompitaroota dhuunfaa hojjachuun nama soorome wayita ta’u, dhaabbata teekinoloojii guddicha kana idileen hoogganuurraa bara 2008 bu’uutu yaadatama.

Sagantaa Tekinooloojii Sirrii Fayyaa keessatti jedhuuf bara 1998 dolara miliyyona 100 kennaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa Tekinooloojii Sirrii Fayyaa keessatti jedhuuf bara 1998 dolara miliyyona 100 kennaniiru
Biil Geetis Mana Murtii US haadha warraa isaa Meliindaa waliin Ebla 22, 2002 Waashingiteen keessatti. Geetis dhimma Maakiroosoft irratti bara 2002 dhiyaate yeroo ragaa fudhatan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biil Geetis Mana Murtii US haadha warraa isaa Meliindaa waliin Ebla 22, 2002 Waashingiteen keessatti.

Biil fi Melindaan yeroo jalqabaaf kan waliitti dhufan bara 1980 keessa ture.

Barri sunimmoo wayita Melindaan dhaabbata teeknoloojii Maayikiroosoftitti dabalamte ture.

Biiliifi Meliindaan bara 2015 keessa marii dhimma milkaa'ina fayyaa, barnoota, qonnaafi baankiirratti Biraaselsi keessatti yeroo dubbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biiliifi Meliindaan bara 2015 keessa marii dhimma milkaa'ina fayyaa, barnoota, qonnaafi baankiirratti Biraaselsi keessatti yeroo dubbatan
Queen Elizabeth II presents Bill Gates with his honorary knighthood at Buckingham Palace, alongside his wife Melinda, in London 2015

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Queen Elizabeth II presented Bill Gates with his honorary knighthood at Buckingham Palace in London, alongside his wife Melinda, in 2015
Biil fi Meliindaan bara 2015 keessa Barreessaa Olaanaa IN Baanki Muun waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biil fi Meliindaan bara 2015 keessa Barreessaa Olaanaa IN Baanki Muun waliin

Akka barruun Foorbis jedhutti Geetis qabeenya doolara Ameerikaa biliyoona 100 fi biliyoona 24 horachuun addunyaarratti soorummaan sadarkaa 4 qabateera.

Bara 2016 keessa Pirezedaantiin US yeroo sanaa Baaraak Obaamaa dhirsaafi niitii kana yeroo Meedaalii walabummaa badhaasan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2016 keessa Pirezedaantiin US yeroo sanaa Baaraak Obaamaa dhirsaafi niitii kana yeroo Meedaalii walabummaa badhaasan
Bara 2017 keessa Pirezedaantiin Firaans Firaanshiyes Hollaandee yeroo dhirsaafi niitii kana hojii tola-ooltummaa hojjetaniif badhaasanitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2017 keessa Pirezedaantiin Firaans Firaanshiyes Hollaandee yeroo dhirsaafi niitii kana hojii tola-ooltummaa hojjetaniif badhaasanitti
Dhirsaafi niitiin bara 2019 keessa yeroo tapha Teenisii daawwatanitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhirsaafi niitiin bara 2019 keessa yeroo tapha Teenisii daawwatanitti