Sooressoonni addunyaa Biiliifi Melindaan waggoota 27 booda wal hiikan

Madda suuraa, Getty Images
Biilii fi Melindaa Geet waggoota 27'f waliin jiraachaa turanii wal hiikuu isaanii ibsan. Lamaan isaaniiyyuu ''kana caalaa waliin taanee akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin guddanna jennee hin amannu'' jedhan.
Hariiroo keenya irratti hojii guddaa hojjennee yaada baay'ee irratti waliin dubbannee, gaa'ila keenya addaan kutuuf murteesine'' jechuun lameen isaaniiyyuu Tiwiitera isaanii irratti barreessan.
Biil Geetii fi Melindaan jalqaba bara 1980 keessa yeroo Melindaan dhaabbata Maayikiroosofti [Microsoft] galte wal baran.
Lamaan isaaniiyyuu waliin ijoollee sadii kan horatan yoo tahu isaanis Faawondeeshinii Biil fi Melindaa Geet gaggeessu.
Dhaabbatichi dhukkuboota daddarboo ittisuu fi talaallii ijoollee jajjabeessuuf doolaara biliyoonotaan baasii gochaa ture.
Biil Geetii fi investerri Waareen Buufet- namoota kennuu duuba jiran yoo tahu, biliyeneroota irra caalaa qabeenya isaanii wantoota gaggaariif kennan jedhamuun beekamu.
Biil Geet addunyaa irratti nama sooressa sadarkaa 4ffaa irra jirudha, akkaataa barruu Foorbes ibseen qabeenyi isaa callaan doolaara biliyoona 124dha.
Qabeenya isaa kana karaa dhaabbata sooftiweerii innumti namoota kaan waliin bara 1970 keessa hundeesse Maayikiroosofti [Microsost] argata.
Amma lameen Biili fi Melindaan wal hiikuu isaanii karaa Tiwiiteraa ibsan.
''Waggoota 27 darbaniif ijoollee jajjaboo sadii waliin horannee guddisneerra. Addunyaa irrattis faawondeeshinii namni hundi jireenya fayyaa qabeessaafi firii qabeessa tahe akka gaggeessu gargaaru hundeessineerra jedhan.
" Ergama sana irratti ammas yaada wal jijjiiruu itti fufna akkasumas hojii keenya karaa faawondeeshinichaa waliin itti fufna, garuu '' kana booda jireenya keenya itti aanu keessatti waliin taanee akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin guddanna jennee hin amannu'' jedhan.
''Jireenya haaraa kana gaggeessuu waan jalqabneef maatii keenyaaf bakkaa fi icciitiin isaanii akka eegamu gaafanna.''
Akkamitti wal fuudhanii ture?
Bara 1987 Melindaan manaajera oomishaa [product manager] taatee dhaabbata sooftiweerii Maayikiroosoofti galte. Baruma sana lamaan isaaniiyyuu Niw Yoorkitti irbaataa hojii biizinesii qophaa'e irratti waliin taa'an.
Lamaanuu jaalalaaf wal beellamuu jalqaban, garuu akka Biil dookimentarii Netflix irratti dubbatetti. ''Lamaan keenya waliif eegganne, kanaaf carraa lama qofa jira. Adda bahuu yookaan wal fuudhuu.''
Meelindaan Biiliin kan argatte-onnee keessatti tooftaan kan tahe fakkaata. Boordii adii irratti ''faayidaa fi miidhaa itti heerumuu qabu 6'' jettee tarreessite.
Bara 1994 iddola Laanaay, Hawaayaan irratti wal fuudhan. Helikoopteroonni naannichaa keessumoota hin barbaachisne akka hin gallee akka ittisan godhan.
Biil Geet bara darbe hojii tola ooltummaa isaa irratti xiyyeeffachuuf aangoo boordii maayikiroosoofti gadhiisaniiru.
Fandiin faawundeeshiniin isaanii Afriikaa keessatti taasisee maal fakkaataa?

Fandiin Geetsi Faawundashiiniin Afriikaa keessatti raawwataa jira dameewwan hedduu rratti.












