Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Intalli Biil Geets nama lammii Masrii kaadhimmatte
Intalli Biil Geets nama lammii Masirii ispoortii utaalchoo fardaa 'Showjumber''n beekamu tokko kaadhimmatte.
Intalli tujaaraa Biil Geets fi Melindaa irraa dhalatte Jenifeer lammii Masirii miiltoo ishee tahe Naayel Naasir waliin wal kaadhimmachuu himte.
Jeniferii fi Naasir erga bara 2017 jaalalaan kan waliin turan yoo tahu wal kaadhimmachuu isaanii kan ibsan tibbana yeroo waliin bashannana irra turanidha.
Lamaan isaanii ispoortii utaalcha fardaa 'Showjumber' jedhamu irratti yeroo baay'ee kan waliin hirmaataa turan yoo tahu sababa kanaan yeroo hedduu wal argaa turaniiru.
Jeenifer fuula Inistagiraamii ishee irratti akka barreessitetti '' umurii keenya hafe waliin barachaa, guddachaa, kolfaa fi jaalalaan waliin dabarsuuf hawwiin eegaa jirra,'' jette.
Kanaan dura hiriyyaan ishee kun akka gargaaraa turee fi lamaan isaanii ispoortii fardaan gaggeeffamuuf jaalala guddaa akka qaban CNNtti himtee ture.