Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biliyeneroota addunyaa kanaa gaa'elasaanii diigan
Tujaarri Ameerikaa Biil Geet waggoota 27 darbaniif Melindaa Geet waliin bultoo ijaarrachuun jiraachaa erga turanii amma adda bahuuf waliigaluu isaanii himaniiru.
Lamaan isaanii kan wal argan bara 1980 keessa yeroo Melindaan dhaabbata Biil Geet kan tahe Maayikirosooft keessa yeroo galte ture.
''Baay'ee itti yaaduun bultoo keenya fooyyessuuf erga irratti hojjennee booda bulto keenya diiguun filannoo gaarii taha jennee fudhanneerra,'' jedhen fuula Tiwiiterii isaanii irratti akka barreessaniin.
Waggoota 27 darban kanattis ijoollee sadii godhachuun kallattii garaagaraan deeggarsa kan gochaa jiru Faawondeeshinii Biiliifi Meelindaa Geet undeessaniiru.
Dhukkuboota daddarboo ittisuuf, talaallii ijoollee garaagaraa dhiyeessuufis doolaara biliyonotaan dhangalaasaniiru.
Bultoon isaanii diiguun dubbii ijoo adunyaaa tahus lamaan isaanii waliin qabeenya calla doolaara biliyoona 124 tahu akka qaban himu.
Jeef Beezoos fi Makikeenzii Beezos
Dunyaa keenya irraa qabeenyaan adda duree kan tahe Jeef Bezoos haadha warraa isaa Makiikenzi waliin wal hiikuuf kan waliigalan Caamsaa bara 2019 keessa turee.
Jeef haadha warraa isaa waliin wal hiikuu karaa Tiwiiterii kan ibse yoo tahu dhimmi isaaniis waliigalteedhaan xumuramuu ibseera.
Yeroo wal hiikanis haati warraa isaa gahee ishee kan tahe qabeenya doolaara biliyoona 35 fudhatteetti.
Kanaanis adunyaa irraa tarree dubartoota biliyeeneri tahanii keessa galteetti.
Kana qofa osoo hin taane dhaabbata gurgurtaa qinxaaboo karaa interneetii kan gaggeessu Amaazon abbaan warraa ishee wagga 25 dura hundeesse keessaas %4 kan tahu argatti.
Makikeenziin yeroo amma kana mana barumsaa ijoollen ishee baratanitti barsiisaa saayinsii kan tahe tokkotti heerumteetti.
Haati qabeenyaa kun barsiisaa saayinsii Daan Jewetiin kan jedhamutti heerumuu ishee kan ibsite, marsariitii gargaarsaa 'Giving Pledge' jedhamu irrattidha.
Alek Wilidenistan fi Jooseeliin Wilidenistan
Bara 1999 yeroo wal hiikuuf murteessan adunyaan raajii jettee ture.
Erga wal hiikaniis baasii guddaa akka baasan taheera. Hojiidaldalaa fi hojii ogummaa garaagaraa walitti qabuun kan beekamu lammiin Ameerikaa fi Faransaay Wilidenistan waggoota 21 erga waliin jiraatanii haadha warraa isaa waliin akka wal hiikan ibsee ture.
Jooseeliin ammo erga wal hiikanii booda qabeenya doolaara biliyoona 2.5 akka rgattu ibsitee ture.
Yeroo sana wagga waggaan waggoota 13 itti aananiif dabalataan doolaarri miliyoona 100 akka kennamuuf ibsitee turte.
Walumaagalatti qabeenyi isheen argatte gara doolaara biliyoona 3.8 taha jechuudha.
Bilii fi Suu Girees
Biilii fi Suu Girees bara 2016 yeroo wal hiikan waan hin eegamne isaan mudate.
Biil biliyeenera lammii Ameerikaa yoo tahu mootummaa irraa boondii bituun bu'aa guddaa argachuun beekama.
Haadha warraa isaa waliin wal hiikuuf ammoowaggoota lama isaanitti fudhateera. Osoo wal hin hiikiin Biil mana jireenyaa haadha manaa isaa doolaara miliyoona 31 baasu mancaasee biqiloota achi keessaas balleessee akka deeme haati manaa isaa mana murtiitti himteetti.
Erga wal hiikanii ammoo manni Murtii doolaara biliyoona 1.3 maallaqa callaa fi manni jireenyaa doolaara miliyoona 31 baasu Suu Gireesiif akka kennamuuf murteessef.
Dabalataan hojii ogumaa bitanii turanii fi doolaara biliyoonota baasu addaan hirataniiru.
Ruppert Maardookii fi Toorvii
Biizinesii miidiyaan kan beekamu biliyenerri Ruuppert Maardook fi Toorviin bultoo ijaarattanii waggoota 31'f waliin jiraatanii ijoollee sadiis horataniiru.
Haa tahu malee biliyeenerri kun of tajaajiluuf murteessuun bara 1998 waliigaluun wal hiikuuf murteessan.
Wal hiikuu isaanii hordofee Toorviin doolaara Biliyoona 1.7 tahu argatte.
Erga wal hiikaniis lamaan isaaniiyyuu gara bultoo biraatti galuuf yeroo isaanitti hin fudhanne ture.
Ruppert Maardook haadha warraa isaa hiikee guyyoota 17 keessatti Wendii Deengii kan jedhamtu fuudhe.
Toorviin ammo ji'oota jaha booda nama Wiiliyaam Maan kan jedhamutti heerumte.
Haarooldi Haam fi Aan Arnool
Daldala gaazii fi boba'aan kan beekamu biiliyenerri lammii Ameerikaa Haaroldi Haam qabeenya hamma doolaara biliyona 14 gahu qaba jedhama.
Bara 2015 haadha warraa isaa Suu Aan Aarnool waliin wal hiikuuf yeroo waliigalan manni murtii doolaara biliyoona tokko haadha warraa isaaf akka kennu murteesseef.
Amma qabeenyi isaacallaan qofa hanga doolaara biliyoona 9 akka gahu himama.