'Wayitan ugguramu akka mootummaatti kan naaf hin birmanne, akkan si filadhu feetaa?'

Lammiilee Naayijeeriyaa Kaaba lixa biyyattii keessa jiraatan hedduuf yaaddoo fi sodaa guddaan hidhattootaan butamuudha.

Naannawa kanatti butamanii maallaqa gaafataman kanneen kaffaluu dadhaban hedduun lubbuu dhabaniiru.

Qaamolee hidhatanii ukkaamfamanii fudhatamuun sodaa fi yaaddoo hamaa kan itti ta'eef kanaafidha.

Kanneen yaaddoo kana keessa jiraachuu dadhaban ammoo waan qaban hunda gatanii achii baqatan.

Filannoo biyyattiin torbee muraasa booda gaggeessituuf lakkoofsi filattootaa olaanaan galmaa'e naannawa kanatti ta'us, rakkoo nageenyaa irraa kan ka'e jiraattonni filannoorratti hin hirmaatan jedhamaa jira.

Kutaalee biyyaa Kaaba Naayijeeriyaa tokko kan taate Kaatisiinaa misoomaawwan bu'uuraa hagas mara hin qabdu, uummata qotee bulutu baayyinaan keessa jiraata.

Haala kanarraa ka'uun hidhattoonni maallaqa gaafachuuf nama ukkaamsanii fudhatu jedhee kan eege hin jiru.

Haata'u malee ji'oota muraasa dura hidhattoonni doqdoqqeen imalan namoota 57 butanii turan.

''Guyyoota 38 haadha manaa kiyya ukkaamsanii dhoksan,'' jedha Abduljabbaar Mohammad.

Abduljabbaar hojjetaa mootummaati, jiraattota naannawa sanaa keessaa maallaqaanis homaa hin jedhu.

Hidhattoonni haadha manaasaa qaban gadhiisuuf maallaqa biyyattii Nayiraa miiliyoona tokko yookiin doolaara 2,100 gaafatan.

Dubartiin umrii waggaa 30 Zaaraddiin Muusaa ammoo ''Maallaqan qabu hunda, doqdoqqee kiyya kenneefii akka na hin uggurre kadhadheen ture,'' jette.

Hidhattoonni manashee kan weeraran halkan keessaa sa'aatii torba irratti, poolisiin waamamus yeroodhaan hin birmanneef.

Dubartiin biraan Maariyaa Saanii ammoo hidhattootaa butamtee osoo gara bosonaatti geeffamaa jirtuu akka carraa miliqxe.

Kanneen butamaan jaarsummaa ji'ootaan booda doqdoqqeewwan, meeshaalee faayaa fi maallaqa qaban kaffalanii gadhiifaman.

Hidhattoonni Kaaba-dhiha biyyattii fi Adda baatonni Kibba-baha biyyattii jiran filannoo Naayijeeriyaan gaggeessuuf jirtu gufachiisu jedhamuun sodaatamu.

Filannoo biyyattiin bara 2019 gaggeessiterratti biiroolee komishinii filannoo irratti haleellaan raawwachuusaatiin yeroon filannoo torbee tokkoof dheereffamee ture.

Dhiheenya kanas Kibba-baha biyyattiitti biiroon komishinii filannoo tokko gubachuusaatiin filannoon baranaa yeroonsaa ni dheereffamaa jedhamee abdatamus, qondaaltonni garuu filannoon yeroomasaatti gaggeffama jechuun itti cichaniiru.

Kanaan dura kutaalee biyyattii kanneen akka Iimoo, Anaambiraa, Leegoos fi Riivarsi jedhaman keessatti halleellaan uumamuu mala sodaa jedhuun namoonni filannoorraa of qusachaa turaniiru.

Wayita ammaa ammoo kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hidhattoonni nama butuun hammaataa waan jiruuf filannoo kanarratti sodaan jiru akkaan dabaleera.

''Wayitan dirqamaan ukkaamfamee fudhatame kan naaf hin birmanne, amma akkan si filadhu barbaaddaa?'' jechuun gaafatte Saaniin.

Filannoo kanaan duraa irratti Pireezidantii amma aangoo harkaa qaban Muhaammaduu Buhaarii filattus, filannoo ammaa irratti hin hirmaattu.

Aangoo pireezidantummaa marsaa lamaan kan xumuran Pireezidanti Buhaariin filannoo baranaa irratti hin dorgoman, aangoos gadhiisuuf dirqamu.

Paartii biyya bulchaa jiru- All Progressive Congress (OPC) jedhamuun bakka bu'uun Boolaa Iiniiyuu ni dorgomu.