Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Afaan dhalootaa kootiin daree keessatti dubbachuu kootiif reebamee beeka’
Naajeeriyaatti manneen-barnootaa sadarkaa tokkoffaa Ingiliffaa amma itti fayyadaman dhiisuun afaan dhalootaan akka barsiisan gochaa jirti.
Garuu ammoo biyya afaanoonni 600 ol keessatti dubbatamutti kun hangam hojiirra oola? Gaaffii jedhu kaasaa jira.
Kaareem Abiyodun Haabeebullah afaansaa kan hiikatee Afaan Yorubaatiin. Osoo sadarkaa lammaffaa barataa jiruu kutaa keessatti Ingiliffaa hin dubbannee jedhamuun reebamuu hima.
‘‘Yeroo daa’ima ture Ingiliffaa dubbachun natti ulfaata ture’’ jedha BBCtti yoo himu. Taatee bara 2010 keessa isa mudate yaadachunis, dareewwan tokko tokko jiran jedha.
Guyyaa tokkos barsiisaa isa waamee kaasuun gaaffii gaafateen. Innis deebiisaa beekulleen ‘‘Afaan dhalootaa kootiin malee itti himuu hin dandeenyeen ture,’’ jechuun yaadata.
Isaan boodas barsisiichi bakka inni dhaabbatee ture dhaquun reebuu eegaluu ibsa. Naajeeriyaatti daa’imman reebuu dhaabsiisuuf sochiin eegalamullee, ammalleen manneen-barnootaa muraasa keessatti baramaadha.
Barsiiftuun isaas erga reebdeen booda, daree keessatti Afaan Yurbaa dubbachuun akka hin danda’amne itti himte.
Taateen kunis kan isaa qofa osoo hin taane barattooni biraa Afaan Yurbaa dubbachuuf yaalan kaanis adabbii cimaan akka irra gahaa ture dubbata.
Naajeeriaan erga kolonii Biritish jalaa wallaba baatee wagga 60 taatus, Afaan Ingilizii afaan hojii ta’etuma itti fufe. Dhaabbilee hawaasaa kan akka manneen-barnootaa, yunivarsitiiwwan, waajiraalee mootummaafi bakeewwan hojii hedduutti Ingiliffatu fayyadama.
Amma garuu ilaalchi siyaasaa jijjiramuuf fakkaata. Sadaasa darbe keessa, Ministirri Barnootaa biyyattii, Addaamuu imaammata Afaan Biyyaaleessaa labsan. Kanaanis barnooti waggoottan jalqabaa jahan afaan dhalootaan haa baratan jedha.
Jijjiramni kun sababii daa’immaniif ‘‘afaan isaanii jalqabaatiin caalaa akka baratan waan gargaaruuf’’ barbaachisaadha jedhe.
Ammatti, daa’imman sadarkaa jalqabaa afaan Ingiliffaatiin barataa kan jiran yoo ta’u, barsiisoonni hawaasa tokko tokkoo keessatti akka barnooti sirriitti galuuf afaan naannoo keessa maku.
Haata’u malee, biyya afaanooti 625 ol keessatti dubbatamu keessatti imammanni haaraan kun attamiin hojiirra akka oolfamu ifa miti. Ijoollee baayyeenis maatii waliin naannoo tokko gara naannoo biraatti waan socha’aniif afaan maatii isaaniitti hin dubbatan.
Imaammanni biyyaaleessaa afaan jalqabaatiin barsiisuun kunis jalqaba ka’ee kan ture baroota 1970 keessa ture. Garuu ammoo sababii biyya afaan sab-daneessaa ta’e keessatti hojiirra oolchuun waan rakkoo ta’eef hojiirra oolfamuun hin danda’amne ture.
Imaamatichi mormii cimaan mudataa jira. Habeebullaah muxannoo isaatiin alatti, yeroo bariisaa yoo ta’u, afaan jalqabaatiin barsiisuun yaada gaaridha jedhee hin yaadu.
‘‘Naajeeriyaa akka biyyaatti yoo ilaalte, afaanoota hedduu qabna. Kanaaf, imaammaticha hojiirra oolchuuf baayyee rakkisaa taasisa," jedha.
Barattooti afaan jalqabaa garaa garaa dubbatan daree tokko keessa osoo jiranii, attamiin afaan naannoo tokkoon qofa barsiisuun danda’ama? jechuun gaafata. Bulchiinsa Edoo, mana-barnootaa inni itti barsiisuu keessattis, afaanoota garaa garaa shanitu dubbatama. Igboo, Yorubaa, Hawusaa, Oraa fi Esaan’tu dubbatama.
Osoo Afaan Ingiliziitiin barsiisuun isarra jiraatuu barattoonni hunda wal qixa akka hubataniif jecha yeroon inni Ingiliffa Pijinii barattootaaf ibsuu fa’itu jira.
Haata’u malee, afaanoota bulchinsa isaa keessatti dubbataman hunda waan hin beekneef, barattoota afaan isaanii jalqabaatiin barsiisuun isa akka rakkisu dubbata.
Kana malees, barattoonni yoo sadarkaa tokkooffaatti Ingiliffa hin barannee boodarra dubbachuun itti ulfaachuu dand’a jedha.
Lammiilee Naajeeriyaa jireenya jidduugaleessa ta’e jiraatan hedduuf Afaan Ingilizii amma afaan jalqabaasaanii ta’eera. Muraasni isaanis siriiyyu afaan naannoosaanii hin dubbattan ta’a. Kunis sababii namoonni saba adda addaaarraa wal fudhaniifi bakka Ingiliffi balliinaa dubbatamu magaalaatti imaluun wal qabata.
Taayoo Adeeyemoo kan umuriin wagga 46 fi jiraataan bulchiinsa Leegoos, daa’immanii sadarkaa jalqabaarratti afaan ittiin hiikataniin barsiisuun sirrii miti jedha.
Afaan naannoo Leegoos Yurbaadha. Garuu magaalaa jidduugala daldalaa waan taateef, namoonni afaanoota gara biraa dubbatan gara sana imaluun afaan jalqabaa saanii inuma dubbatu ta’a.
‘‘Waan gaarii natti hin fakkaatu‘‘ kan BBC‘n jedhan ammoo abbaa mucaa waggaa sagalii, sadarkaa tokkoofaa baratuu tokko.
‘‘Afaan Ingiliizii baroota dheeraaf faayyidaarra olaa ture. Anis Ingiliffaa sadarkaa tokkooffaa fi bakka baayyeetti fayyadamaa jira baroota dheeraaf. Kanaafu imaammata haaraa kana fidunsaanii, ni hojjata jedhee hin yaadu’’ jedhan.
Magaalaa Leegoos kan namoonni saba adda addaarraa keessa jraatan keessatti afaan Ingliiziifi Pijiintu hojii ta’un tajaajilaa jira, jedhu Dubbii Himaan Ministeera Barnootaa, Been Goong. Itti dabalunis, Yurbaan afaan barnootaa magaalattii ta’u malas jechun BBCtti himan.
Jalqabarratti imaamatichi waan gaarii fakkaata sababii mootummaan ‘‘aadaa’’ afaanoota naannoo deebisuu yaalaa jira ta’efu jechu Obbo Adeyemoon.
Garuu ammoo fakkeenyaaf mucaansaa manatti afaan Ingilizii qofa waan fayyadamuuf, isa Yurbaan barsiisuun waan isa gargaaru jedhee hin yaadu.
"Aadaan namoonni irra caalaa Ingiliffaa haasa’uu tokko jira. Kunis haala jireenya naannichaati,’’ jedha.
Ijoolleenis mana barnootaatti waan isaan baratanu. Mana keessattis isa dubbachutu caalaa salphaadha jedhu.
Mucaansaa Afaan Yurbaa dubbachuu gaarii ta’ulleen garuu amma ‘‘baayyee xiqqaafi baayyee ture’’ jedhee yaada.
‘‘Yeroo tokkotti afaan lama akka baran gochuun hindandeessu’’ jedhanii yaadu.
‘Daa’imman kuffiisuu’
Daa’imman biyyatti baayyee manatti Afaan Ingiliziin hin dubbanneef, afaan umurii ijoollummaasaanitti sirriitti hin hubanneen mana-barnootaatti barsiisuun isaaniif miidhaa qabaata.
Baankii Addunyaatti oggeessa Barnootaa Olaanaa kan ta’an, Dr Olaatunde Adekolaa, haalli baruu barsiisuu ammaa ‘‘ijoollee miidha’’ jechuun BBCtti himan.
Maatiiwwan mana keessatti Afaan jalqabaasaanii haasa’an, ijoolleensaanii manneen-barnootaatti ‘‘dafanii barataa’’ akka hin jirre komatu jedhu Dr Adekolaan.
Ofiisaaniitinis lammii Naajeeriyaa kan ta’an oggeessu kun, kanaafis sababiin Afaan Ingiliziitiin barbsiisuu ta’uu kaasu.
Afaan manatti haasa’amufi kan ijoolleen ittiin baratan garaa gara yoo ta’e burjaajii uuma amantaa jedhu qabu.
Afaan Ingiliizii sirriitti dubbachuun gahee barnoota sadarkaa tokkooffaa miti kan jedhan oggeessi kun, afaan isaanii jalqabaatiin dubbisuufi barreessuu barsiisuun ogummaa isaanii cimsa jedhu.
‘‘Naayijeeriyaa keessatti manni barnootaa kamuu hiikaa qabaachu yoo barbaade, bakka fedhee yoo dhufanu, afaan ijoolleen maatiisaanii waliin dubbataniin barsiisuu eegalu qabaatu’’ jedhan. Kanaafu milkaa’inni imaamata haaraa kanaas haala itti hojiirra oolfameen murtaa’a jedhan.
Rakkoon gara biraa, ammaan tanatti barsiiftoonni hedduun afaan naannoosaanii sadarkaa barbaachisuun dubbisuufi barreessuun ittiin barsiisuu hin danda’an jedhu Dr Adekolaan.
‘‘Amma osoo univarsitii deemtanii, barsiisoota diigrii ykn dippilomaa meeqatuu afaanoota naannoo dubbisuun ittiin dabarsiisuu danda’a jettanii yaadu?’’ jechuun gaafatu.
"Kaanaafu, dursa barsiiftoonni haalaan daa’imman akka barsiisaniif afaanicha irratti hubannoo gahaa argachu qabu.’’
Ministirri Barnootaa Obboo Adaamuun, jijjiramicha taasisuun rakkoo akka qabaatu tibba imaammaticha ifa taasisaniitti himanii ture. ‘‘Meeshaalee ittiin barsiifamu qopheessuu fi barsiiftoota oggummaa afaanoota naannoo qaban argachuuf hojii baayyee gaafatas’’ jedhan.
‘‘Lakkoofsa dhiheenyaatiin aafaanoota 625 qabana. Kaayyoon keenyas afaanoota kanneen jajjabeessuu, afaanoota Naayijeeriyaa hunda cimsuudha’’ jedhan.
Imaammatichis afaanoota gurguddaa biyyattii sadan; Yurbaa, Hawusaa fi Igboo qofa barsiisuu irratti kan murtaa’e miti.Tokkicha ‘‘gutuummaan hojiirra oolfamuu yoo eegalee’’ biyyattii guutuutti afaanoota dhibbaan lakkaa’aman kan biraatiinilleen akka barsiifamu taasifamu yaadameera.
Mootummaan daa’imman ‘‘sadarkaa ta’eerratti’’ carraa afaan gara biraa barachuufi afaanoota biyya alaa kan akka Ingiliffaa, Farenchii ykn arabaaa barachuus ni qabaatu jedhe.
Haata’u malee imaammatichi yoom hojiirra akka oolfamu ammatti ifa miti.