Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naajeeriyaatti namoonni hedduun osoo cidhaa galanii hidhattootan butaman
Naajeeriyaatti hidhattoonni namoota 29 osoo cidhaa galanii butuu isaanii poolisiin biyyattii beeksise.
Taaten kan raawwate kaaba lixa Naajeeriyaatti kan argamtu naannoo Zamfaaraa jedhamutti.
Namoonni kun osoo warra cidhaatii galanii hidhattoonni haxxee hidhanii konkolaataa isaan ittiin deemaa turan dhaabsisuun fudhatanii deeman.
Warri butaman magaala guddoo Zamfaaraa kan taate Gusaa’uu keessatti mobaayila dandaluudhan beekamu. Taaten kun kan isaan irratti raawwate cidha hiriyaa isaanii tokko oolanii osoo gala jiraniiti. Cidhi hiriyaa isaanii kan gaggeeffame naannoo Sokootaa jedhamutti.
Haleellaa kana miliqe tokko BBC tti akka himetti hidhattoonni Sanbata gana irraa ka’uun karaa bakka saditti cufanii konkolataa nama dhaabsisuun dhukaasa irratti banaa turan.
Namoonni baay’een konkolaataa isaanii achumatti gatuun miilan baqatanii jalaa bahuu danda’aniiru; garuu hedduun isaanii rasaasan rukutamaniiru. Namoota butaman barbaachaf jecha humni nageenyaa bobba’eera jedha poolisiin biyyattii.
Ajjeechaa fi beenyaa gaafachuuf jecha irra deddeenin namoonni saamtota hidhataniin butamuu dabalatee rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti aadaa ta’aa dhufe furuu dadhabuu isaanif aangawoonni Naayijeeriyaa mormiin isaan mudataa jira.
Kabaja Ayyaana Waggaa 23ffaa Naayijeriyaan gara dimokiraasitti deebi’uu ishee sababeeffachuun pirezidaantin biyyattuu Muhaammaduu Buhaarin haasaa taasisaniin, rakkoon nageenyaa qaamolee dhidhataniin dhaqqabu guutummaa biyyattii keessatti dabalaa akka deeme hin waakkanne.
Mootummaan isaanii rakkoo kana furuuf hin dhiboofne jedhan. Bara kana ji’a sadan jalqabaa qofatti biyyattii keessatti namoonni 3,500 oli yoo ajjeefaman kumaatamni heddu butamaniiru.
Kanumaan wal qabatee, hidhattoonni namoota ji’a Bitootessaa keessa naannoo Kaduunaa jedhamutti halleellaa baabura irratti gaggeessun butanii turan keessaa 11 gadi lakkisuun isaanii dhagahamee jira.
Oduu himaan abbaa amantii jaarsummaadhaf mootummaa fi hidhattoota kana gidduu deemun namoonni akka gadi lakkifaman godhu, Taakur Maamuu, BBC tti akka himanitti ammayyuu namoota 51 tu gadi hin lakkifamin jira.
Yeroo haleellan Kaduunatti raawwate sana, hidhattoonni daandii baaburaa irratti meeshaa dhohu kaa’un namoota irratti dhukaasa bananii turan. Taatee sanaan yoo xiqqaate namoonni sagal du’anii turan.