Tumsi mootummaan boba’aa irratti taasisu dhaabbannaan maaltu ta'a?

Dhaabbanni Dhiyeessii Boba’aa Itiyoophiyaa bara 2015 tti boba’aa bituuf doolara biliyeena 5.6 na barbaachisa jedhe.

Hangi maallaqaa guddaan akkasii seenaa Itoophiyaa keessatti dhagahamee kan hin beekamne yoo ta’u, gatiin markabaa fi boba’aa ol ka’uun sababa ijoodha jedhama.

Boba’aan erga bitameen booda gatii ittiin bitame sana walakkaan hir’ifamee tumsi (subsidy) godhamee gurguramuu qaba. Tumsa kanaaf ammoo ji’aan biyyattii giddu galeessan birrii biliyeena 10 ishee barbaachisa.

Aangawaan boba’aa fi anniisaa tokko Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti tumsa kanaaf Itiyoophiyaan kuufama idaa birrii biiliyeena 132 keessa seentee jirti.

Waktii weerarri koovid hammaatee turetti gatiin boba’aa addunyaa irratti yerodhaaf gadi kufee turus waraana Yukreeni fi Raashiyee hordofee gatiin boba’aa addunyaa irratti akka malee dabalee jira.

Waraanichi erga ka’een booda gatiin boba’aa barmeela tokkotti doolara 140 yeroo itti gale jira.

Gatiin kun biyyoota dureeyyii osoo hin hafin humna isaanii qoree jira. Biyya akka Itoophiyaa balbala galaanaa hin qabnee fi nageenyi irraa fagaatef ammoo gatiin boba’aa dabaluun maal akka ta’e ibsuun hin barbaachisa.

Kuweetitti hayyuu fi qorataa diinagdee kan ta’an Obbo Ayalaa Galaan, “Gatiin boba’aa Itoophiyaa keessa jiru kan biyyoota boba’aa omishanii tokko tokkoon yoo wal bira qabamau rakasa,” jechuun ibsu.

Obbo Ayyalaan akka jedhanitti, hangi tumsaa biyyattiin baastu guddaa ta’us yeroo kanatti tumsa kana addaan kutuun sirrii miti. “Tumsa boba’aa addaan kutuun mana gubataa jiru irratti boba’aa firfirsuudha” jechuun karoora mootummaan baase mormu.

Yaadni boba’aa tumsuu jedhu eessaa dhufe?

Tumsi kan taasifamu dandeettin bitachuu namoota gaafa gadi bu’uu fi gatiin boba’aa yeroo dabaluudha.

“Jalqabuma irraa kaasee tumsi kun gaafa eegalu himaammataan deeggaramee hin beeku” jedhu Ministeera Boba’aa fi Anniisatti Daayireektara Daayirektoreetii Sab-qunnamtii fi Kominikeeshinii kan ta’an Aadde Baqqalach Kumaa.

Itti dabaluunis, “Bobaba’aan akkasumatti sanada to’annoo fi gatii gabaa tasgabbeessutiin gaggeeffama malee sirni tumsaa imaammataan gaggeeffamee hin beeku” jedhu.

Boba’aadhaf himaammanni sirriin bahee kan ture waggoota kurnan sadi darabnittiidha. Fandiin Boba’aa ammoo kan hundaa’e bara 1993 tti.

Fandii Boba’aa kan hundeeffame gatii boba’aa tasgabbeessuf yaadamee ture. Kana jechuun, mootummaan gabaa addunyaa irraa boba’aa erga biteen booda gabaa biyya keessatti gaafa gurguramu saantimoota muraasa irraa hambisuun fandii boba’aatti walitti kuusa.

Fakkeenyaf, bobabaa’an bitamee gatiin isaa bahee gabaatti gaafa dhiyaati birrii 28 fi saantima 80 yoo ta’e, mootummaan birrii 22 tti erga gurgureen booda saantima 20 kuusun tumsa itti aanuf oolcha.

Bifa kanaan birriin biliyeenni muraasni walitti qabamaa ture. Haa ta’u malee, saffisni gatiin boba’aa ittiin dabaluu fi hangi saantimoota walitti kuufamanii wal-simuu hin dandeenye.

Keessumattuu bara 2003 kaasee haalli kun wal-smiuu hin dandeenye. Sana boodadha mootummaan birrii biliyeenan lakkaa’amu kaazenaa keessaa baasun kallattiidhan boba’aa tumsuu itti fufe.

Hanga yeroo dhiyootti tumsi boba’aa ji’a ji’aan gatii boba’aa addunyaa irratti hundaa’un sirrataa ture.

Aadde Baqqalach dhiibbaa mootummaan baatee deemu BBC tti yommuu himan, “Haa ta’u malee, bara 2009 kaasee sirreffamni gatii boba’aa kan taasifame si’a 5 qofa” jedhu.

Haalli amma biyyattii fi addunyaan keessa jirtu gaafa ilaalamu, bifa kanaan tumsa gochaa itti fufuun hin danda’amne.

Kana irraa kan ka’e, boba’aadhan wal qabatee biyyattiin adeemsa hordofaa turte sirreessu fi gatii boba’aa gabaa addunyaa giddu galeessa godhate uummata wajjin qooddaachuuf dirqamtee jirti.

Tumsa boba’aa yeroo kanatti addaan kutuun maalif barbaachise?

Aadde Baqqalach akka jedhanitti, mootummaan tumsa boba’aa yeroo kanatti dhaabun isaa idaan mootummaa irratti kuufamuu fi gatiin bob’aa addunyaa irratti akkaan ol ka’uu, akkasumas daldalli seeran alaa babal’achuu irraa kan ka’eedha.

“Tumsichi fayidaa isaa irra miidhaa isaatu hammaata” kan jedhan Aade Baqqalach, daldala seeran alaa boba’aa hammaataa dhufe akka sababaatti dhiyeessu.

Daldaalli boba’aa gabaa seeran alaatin taasifamu boba’aan biyyattiin sharafa biyaa alaa guddaadhan tumsamu irraa kan fayyadamu kontirobaandistoota fi abbootii qabeenyati jechuun dubbatu Aadde Baqqalacha.

Sababni tumsi akka ka’u taasifame inni biraan, “Tumsichi imaammataan kan hin deeggaramne waan tureefi,” jedhu Aadde Baqqalach.

Tumsa walii galaa jechuun maal jechuudha?

Hayyuu diinagdee kan ta’an Obbo Waasihuun ammoo, “Mootummaan konkolaattota embasiis ta’ee konkolaataa geejjiba uummataas walumatti tumsaa ture” jedhu.

Tumsi boba’aa hanga ammaatti taasifamaa ture yaad-rimee tumsa bu’uuraa wajjin kan wal-faallessu akka ta’e hayyuulen diinagdee BBC’n dubbise ni himu.

Hayyuulen diinagdee kun akka jedhanitti, tumsi kan taasifamu yeroo gabaabadhaafi. Yeroo gabaabaf qofa osoo hin taane, kaayyon galmaan gahuuf barbaadame adda bahee taa’uu qaba. Sana qofa miti; kaayyoo yaadameef galma gahuu fi dhiisuu ilaalamuu qaba.

Madaala kanaan gaafa ilaalamu kaayyoo isaarraa kan maqeedha jedhu Obbo Waasihuun. Akka yaada isaanitti, tumsamuu kan qabu seektara omisha guddisuu danda’uudha.

Itoophiyaa keessatti boba’aan gahee lama qaba; inni jalqabaa warshaalef akka madda anniisatti tajaajiluudha, lammaffaan ammoo itti fayyadama geejjibaatifi.

Itoophiyaa keessatti dabdeettin dhaabbilee omishaa dhibeentaa 40 hin caalu. Sababni isaa anniisaa gahaa hin argatan. Yeroo ibsaan badu, jenereetara kaasu, inni ammoo boba’aa inuma dhuga.

Dhaabbilee omishaa kanaaf yoo danda’ame anniisaa dhiyeessuu yookin ammoo tumsuudha omishtummaa guddisuutu fala malee konkolaatawwan embasii tumsuun omishtummaa guddisu hin qabu jedhu ogeeyyin diinagdee.

Tumsi guutummaan gaafa ka’u jireenyi namaa hangam miidhama?

Gatiin boba’aan Itoophiyaa keessatti ittiin gurguramu biyyattiin waan boba’aa omishtu ishee fakkeesse jedhu ogeessi Diinagdee Obbo Ayyalaan Galaan.

Obbo Ayyalaan mormiin isaanii tumsa boba’aaf taasifamu dhaabuu dura haal-duree godhamuu qabu irratti.

“Itoophiyaan biyya dandeettiin bituu ishee baay’ee gadi bu’aadha. Gama hawaasatin ammoo gaafa ilaallu tumsichi gahaa miti jechuu dandeenya,” erga jedhaniin booda mootummaan osoo tumsicha addaan hin kutin dura hojii manaa isaa hojjachuu hin dandeenye jechuun adeemsa isaa akka malee mormu.

Itti dabaluunis, “Tokkoffaa diinagdeen hunkutaayee jira. Industiriiwwan xixiqqaan of-danda’anii dhaabbachuu hin dandeenye; nageenyi uummataa hin eegamne…

Mootummaan raafama siyaasaa fi kufaatii diinadgee mudatee jiru osoo hin sirreessin, diinagdee hundee cimaa irra osoo hin dhaabin tumsa addaan kutuun hojii itti gaafatamummaa ofii dagachuuti” jedhu.

Qarshiin tumsaa (subsidy) maalirra oola?

Obbo Waasihuun tumsi erga ka’ee itti aanee maaltu ta’a gaaffii jedhu kallattiin deebisuu hin fedhan. Garuu ammoo mootummaan tumsa ture kaasuu isaa hin jibbine.

“Qoarnnoon tokko akka agarsiisutti sirni tumsaa hiyyeessa dhibbeentaa 70 fi abbootii qabeenyaa dhibbeentaa 30 tumsaa ture. Kanaaf tumsa sirrii hin ture. Tumsichi hiyyeesota gargaaruf kaayyeffame sooressa tumsaa ture.”

“Tumsa malaan kan dabaalame yoo hin taane kaayyoo isaa irraa maqa. Hiyyasatu miidhama jedhamee yoo yaadame, tumsichi hiyyeessa bira gahuun isaa mirkanaa’uu qabu,” kan jedhan Obbo Waasihuun boba’aan karaa Moyaalee bahee yeroo gurguramu, konkolaatan geejjiba uummataa fi konkolaatan emabsii gatii wal-fakkaatadhaan yommuu boba’aa bitan tumsichi kaayyoo isaa irraa akka maqe namatti agarsiisa jedhu.

Qarshiin tumsaa irraa hafe maalirra oola laata?

Obbo Waasihuun kan yaaddeesu tumsi ka’uu osoo hin taane qarshiin tumsa irraa hafe waanta inni irra ooludha.

“Diinagdeen amma jiru walitti bu’iinsa fi waraanan kan burkutaa’edha. Baasii heddutu jira. Garaa garummaa baasi fi galii gidduu jiru dhiphisuu irratti hin hojjatamne taanan haalli hamaan dhufuu danda’a,” jedhu Obbo Waasihuun.

Hanqinni bajataa guddaan ammoo biyyattii gara qarshii maxxansuutti geessuu waan danda’uuf rakkoo bajataa fi qaala’iinsi jireenyaa dabalataan akka mudatu taasisa soda jedhus qabu.

Kanaaf, qarshii tumsa irraa hafe omishaa fi omishtummaa guddisuu irratti baasii gochuu qaba.

Tumsi dhabbachuu fi sodaa qaala’iinsi jireenyaa hammaataa deemuu

Obbo Waasihuun akka jedhanitti tumsi kallattiin daballii gatii tumsi kallattiin taasifamu ka’uun dhufu qofa osoo hin taane, oduun tumsi dhaabbateera jedhu mataan isaa dhiibban inni gabaa irratti qabu isaan yaddessa.

Obbo Ayyalaa Galaan ammoo, “Daldalaan biyya keenyaa karaa qaxxaamuraan akkamittan badhaadha jedhee yaada malee dabaliinsa tumsaa qofa tilmamee gurgura jedhee hin yaadu” jedhu.

Aangawaa Ministeera Boba’aa fi Anniisaa kan ta’an Aadde Baqqalach Kumaa gama isaanitiin, “Taaksis ta’ee geejjiba uummataa kan tumsinu waggoota 5 qofaafi” jedhu.

Ji’a Adoolessaa dhufuu kaasee konkolaachistoonni geejjiba uummataa buufata boba’aa seenanii gaafa boba’aa bitan GPS fayyadamuudhani. Dhiyeessitoonni boba’aa buufataalee boba’aatif nagahee ni kennu. Abbaan konkolaataa ammoo taarifa kaa’ame sana kanfalee deema, buufanni boba’aa nagahee fayyadamuun haftee isaa herreeggatu.

Adeemsi kun konkolaattota appilikeshinii fayyadamanii fi konkolaatawwan tajaajila mootummaa kennan hin dabalatu.

“Kana booda buufata boba’aa keessatti boba’aan gaafa dhufee garagalfamu, hojjattoonni keenya bakka achi jiranitti ta’uu qaba,” jedhu Aadde Baqqalach Kumaa.

Itti dabaluunis, tumsi boba’aa dhaabbachuu isaatin daballiin gatii mudate hanga kana miidhaa kan geessisuu miti jedhu.

Qorannoon taasifame akka agarsiisutti, “Tumsi taasifamu gaafa dhaabbatu, tokkoon tokkoo meeshaalee irratti daballiin gatii ta’u sadarkaa saantimaatin akka ta’e” dubbatu Aadde Baqqalacha.

Haa ta’u malee, hayyuu diinagdee kan ta’an Obbo Galaani fi Obbo Waasihuun yaada Aadde Baqqalach wajjin walii hin galan.

Sababni isaanii inni tokko, Itoophiyaa keessatti sirna daldalaa keessatti daballii gatii kan murteessu daballii kallattiidhan taasifamu osoo hin taane, oduun isaa odeeffamuudhan dhiibbaa xiin-sammuu inni geessisuudha.

Aadde Baqqalach BBC tti akka himanitti taaksiwwanii fi geejibiwwan uummataa suuta suuta siran tumsaa keessaa bahaa deemu.

“Waggaa shan keessatti guutummaan tumsa argachuu keessaa bahu. Ji’a sadi sadiin ammoo sirreeffamni gatii ni taasifama,” jedhu.

Obbo Ayyalaan ammoo, “Yeroo kanatti tumsi akka dhaabbatu gochuun hiika hin kennu; rakkoo diinagdee Zimbaabwee mudatetu nu mudata jedheen yaada” jedhu.