Qaala'insa Jireenyaa: 'Itoophiyaatti bara 2021 keessa %25'n dabale'

Itoophiyaatti ji'oota 12 darbanitti qaala'insi jireenyaa %25.5n dabaluu ragaan Ejensii Istaatiksii Gidduugaleessaa Itoophiyaa irraa argame ni agarsiisa.

Akkasumas jiraattoonni magaaloota biyyattii gargaa graa keessatti argaman qaala'insii jireenyaa kun haalaan cimaa jiraachu BBCtti hima.

Kanuma ilaalchisuunis jiraattootaafi oggeessa diinagdee kan dubbifnee akkasiin qindeessineera:

Jiraattoonni waa'ee qaala'iinsa jiraanyaa maal jedhuu?

''Amma abbaa saamunaa tokko qarshii 25niin bitachuu danda'utu uffata miiccachuu danda'a,'' jedhan Aadde Girjaa Amaan jiraattuun magaalaa Shaashamannee qaala'insa jireenyaa mudachaa jiru yoo ibsan.

Aadde Girjaan magaalaa Shaashammannee keessatti qaala'insi jireenyaa hammaachaa deemuu irraa kan ka'e maatii sooranii bulchuun akkaan ulfaataa tahuu BBCtti himan.

Adde Girjaan amma meeshaalee nyaataaf oolan bitachuu qofa osoo hin taane maallaqni waa ittiin bitanuu dhabamaa dhufuu himu.

''Zayitiin nyaataa litiriin tokko qarshii 150 taheera. Shunkurtiin kiiloon tokko birrii 60, bunni birrii 250, boqoolloon kuntaalli tokko 2,500, xaafiin ammoo gara birrii 5000 caaleera. Namni maatii bal'aa qabu kana hundaa bitee jiraachisuun baay'ee ulfaataa taheera,'' jedhan Aadde Girjaan.

Kana malees ''saamuna tokko nama birrii 25'n bitachuu danda'utu uffata miiccachuu danda'a. Nama maatii qabu saamunaan tokko hin gahu,'' jechuun jireenyi hammam akka ulfaataa dhufe ibsan.

Daldaltoonni bakkuma fidnuu dabale jechu alatti sababiin qaala'insa kanaa maal akka tahe 'nuuf hin galu' kan jedhan aadde Girjaan, gatii har'a ittiin bitaniin bor akka hin arganne himan.

Jiraataan biraa Godina Harargee Lixaa aanaa Calanqoo, Raahub Diinaa gamasaanitiin ''daballii gatii meeshaalee irratti qofa sooo hin taane maallaquma ittiin bitatan argachuun ulfaateera. Yoo maallaqicha arganne waan gaarii bitachuu hin dandeenye,'' jedhe.

Raahub gatiin shaqaxaa guyyumaan dabalaa adeema jedhe. Daldaalonni magaala isaanii suuqii gurguddaa qaban erga meeshaalee nyaataa fi kaan galchanii gara torbee tokkoof suuqii isaanii cufu jedhe.

''Yoo shaqaxnni gabaa irraa bade eggachuu gatii dachaan dabaluun bananii gurguru. Amma jireenyi nutti ulfaatteetti.''

Jiraattuun biraa magaala Finfinnee irraa dubbisneefi maqaa ishee akka dhahamu hin feene tokkoo ammoo baasiin ishee galii argattuun ol akka tahe himti.

Magaalaa finfinnee keessatti miindaadhaan baasiin mana kiraayii qofa kaffalachuunuu ni cima. Amma immoo xaafiin kiiloon 100 hanga qarshii 6,000 galuun waan nyaataa hunda irratti gatiin dabaleera jette.

Mootummaan haala gabaa giduugalee yoo hin tasgabbeesinee, haala amma dabalaa jiruun yoo itti fufe nyaatanii buluun yaaddoo akka tahu himte.

Qaala'insa gatii yeroo dheeraaf ture

Itoophiyaatti ji'oota 12 darbanitti qaala'insi jireenyaa %25.5 dabaluu ragaan ejensii istaatiksii Gidduugaleessaa Itoophiyaa irraa argame ni agarsiisa.

Ejensichi qaala'insa gatii ji'a Sadaasaa 2021 baase irratti qaala'insi gatii meeshaalee nyaataaf oolan irratti mul'ate kan waggaa darbee yeroo wal fakkaataan yoo wal bira madaalamu %30'n dabaleera jedhe.

Meeshaaleefi oomishaalee nyaataaf hin oolle irratti ammoo qaala'insi gatii ji'a Sadaasaa 2021 kan isa bara darbe Sadaasa 2020 mul'ateen yoo wal bira ilaalamu %19.4 tahuu ibse.

Qaala'insi gatii Itoophiyaatti itti fufinsaan ji'oota 12'f mul'ate kun isa yeroo dheeraaf ture tahuu Ejensiin Gidduugala Istaatiksii biyyattii himeera.

Gatiin oomishaalee nyaataaf oolan irratti mul'ate isa bara darbe ji'a Sadaasaa keessa jiruun yoo ilaalamu %38.9'n dabaleera.

Ji'a kana keessa gatiin oomisheelee midhaanii fi kuduraa hir'ataa dhufeera kan jedhu ejeensichi akkasumas gatiin zayita nyaataas hir'ataa dhufu ibse. Gatiin Xaafii, garbuu, qamadii, fi boqolloo akka hir'ataa dhufe himeera.

Yeroon kun Itoophiyaatti yeroo oomishni waliiti qabamu waan taheef gatiin oomishaalee midhaan nyaataa ni hir'ata jedhamee eegama. Haa tahu malee namootni BBC'n dubbise garuu yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru himu.

Gatiin meeshaalee nyaataaf hin oollee akka uffataa, kophee, meeshaalee ijaarsaa fi supha manaa, gatii mna kiraayii, simmintoo, qorichaafi warqee ammoo dabaluu isaanii himeera.

Waraanni Tigraay Sadaasa bara 2020 irraa eegalee deemaa jiru, hanqinni sharafa alaa mudatee fi qaala'iinsi gatii diinagdee Itoophiyaa qormaata keessa galcheera.

Qaala'iinsi jireenyaa maddisaa maali?

Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa irraa dhiyeenya BBCtti kan dubbatan hayyuun saayinsii dinagdee Dr. Guutuu Teessoo, qaalayiinsa jireenyaa amma mudateef sababoota hedduutu ka'umsa ta'e jedhan.

"Sababni inni jalqabaa dhiheessiin omishaa yarachaa deemuudha. Nagaan biyya keessaa dhabamuunis sababa biraati. Erga fincilli [gabrummaa] jalqabee hanga har'aatti kutaaleen biyya kanaa hedduutti nagaan hin deebine," jedhan.

Keessumaa kutaaleen Oromiyaa hedduun kanneen omisha ofirraa hafaa omishuudhan beekaman sababa rakkoo nageenyaatiin yookan hin qonne, yoo qotan hin meesne, yoo meesan hin sassaabne, yoommmoo sassaaban ta'ellee rabsuu hin dandeenye taha. Kanaaf dhiheessiin omisha qonna yarachuu himan.

Indastiriiwwan hedduunis sababa galtee biyya alaa hin arganneef yookan rakkoo nageenyaa sodaachuudhaan omisha dhaaban dabaluunis rakkoo dabalataa ta'uu eeran.

Sharafni biyya alaa dhabamuufi dandeettiin bituu maallaqa biyya keessaa dadhabuunis ka'umsa qaala'insa jireenyaa ta'uus akeekan Dr. Guutun.

"Bara 2017 hanga 2021 kanaatti birriin Itoophiyaa dhibbeentaa 54'n dandeettiin bituusaa gadi bu'eera. Waliigalatti yoo ilaalle yeroo waggaa 10 keessatti dandeettiin bituu birrii Itoophiyaa harka 100'n gadi bu'eera," jedhan.

Galteewwan soorataafi omishaa hedduun bakka dandeettiin bituu birrii biyyattii gadi bu'e kanatti yeroo alaa seensifamutti qaalayiinsa jireenyaa akka hammeessus himan.