Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dinagdee Itoophiyaa: Itoophiyaan qaala'insa jireenyaa to'achuuf maallaqa baankonni ol-kaawwatan dachaan guddiste
Itoophiyaan qaala'insa jireenyaa garmalee dabalaa dhufee to'achuuf baankoonni hanga maallaqaa of eeggannoof baankii biyyaaleessaatti olkaa'uu qaban gara parsantaa kudhaniitti ol guddisaniif murteessite.
Baankii Biyyaaleessaa Itoophiyaa akka beeksiiseetti, maallaqani of eeggannoo kana dura parsantaa shan ture akka dachaan guddatuuf kan murteessee hanga maallaqaa gabaa keessa socho'aa jiru hir'isuuf yaaduun.
Kana malees, dhaleen liqaa waggaa baankoonni Baankii Biyyaaleessaa irraa fudhatanii kan dura parsantaa 13 ture amma parsantaa 16tti ol akka guddatu murtaa'uun ibsameera.
Jijjiramni of eeggannoo baankootaafi hanga dhala liiqaa Baankii Biyyaaleessaa kunis Fulbaana 1, 2021 irraa kaasee hojiirra kan oolu jedhameera.
Itoophiyaa keessatti qaala'iinsi jireenyaa haalaan dabalaa kan jiru yoo ta'u, baatii Adooleessaa parsantaa 26.4 akka ture Rooyitarsi gabaaseera.
Qaalaa'insi waggaatti parsantaa 20 ture dhiheenya keessa daballii olaanaa agarsiisaa waan jiruuf, mootummaanis haala to'achuuf sochiilee fooyyiinsaafi imaammatawwan adda addaa baasaa jiraachuun dhagahameera.
Dhiheenya kanas baankiin biyyaaleessaa qabeenyaawwan akka gamoo jiran qabsiisuun baankoonni liqaa kennan yeroodhaaf akka dhaabaniif kan dhorku qajeelfama tokko baasuunsaa ni yaadatama.
Akkasumas, Baankiin Biyyaaleessaa adeemsa baankoonni sharafa alaarraa fayyadaman irratti jijjirama taasiseera.
Haaluma jijjirama kanaatiinis baankoonni sharafa alaa karaa daldala alaa, hawaalaa namoota dhuunfaafi dhaabbilee mit-mootummaa irraa argatan keessaa parsantaa 50 Baankii Biyyaaleessaa Itoophiyaatiif galii taasisuu qabu jedhameera.
Kanaan dura garuu baankoonni galii invastimantii alaa kallattii, eerreegga diyaasporaa fi maddeen gara biraa irraa argatan keessaa parsantaa 30 qofa Baankii Biyyaaleessaatiif galii akka taasisan gaafatamu ture.
Baankootaan alattis hamma sharafa alaa maamiltootaan qabatamu qabaaturrattif jijjiramni taasifameera. Maamiltoonni baankootaaf sharafa alaa argamsiisan, eereegni sharafa alaa saanii daangaa malee hangi qabachu danda'u akkasuma parsantaa 31.5 irraa gara parsantaa 40 ol guddateera.
Dhaabbileen maallaqaafi maamiltoonni isaanii walitti dhufeenyi qabaachuu qaban ilaalchisuunis Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa qajeelfama baaseera.
Biyyattiin waraqaa walfakkaataa biyyaaleessaa hojjataa jirtu hanga kennamuuttis dhaabbilleen maallaqaa maamiltoota isaaniif lakkoofssa maamilaa adda ta'e kennuu qabu jedhameera.
Maamiltoonni ykn dhaabbileen waliin akkaawuntii tokkoo ol yoo qabaatan illeen lakkoofsi addaa maamiltummaa kun hojiirra ni oolfama.
Maamiltoonni tajaajila baankii kamuu wayita fayyafamaniitti fakkeenyaaf wayita maallaqa baasan, wayita olkaa'an ta'ee wayita eerrega sochoosaniitti baankoonni guca walfakkaataa fayyadamu qabaatu.
Hojjimaata kanaanis baankoonnis ta'an dhaabbileen maallaqaa biyyattii keessatti argaman kamuu guci tajaajila baankii kamiifu itti fayyadaman kan walfakkaatu akka ta'u qajeelfamichi kaa'eera.
Kanaan walqabate maamiltoonni ragaa sirrii hintaanee ykn shakkisiisaa ta'e yoo kennan ykn qajeelfama kan hinkabajne yoo ta'e, dhaabbileen maallaqaa tajaajila dhowwachu ni danda'u.
Kana malees baankoonni odeeffannoo maamiltoota kanneenii baankii biyyaaleessaa fi jiddugala nageenya odeeffannoo faayinaasniitiif dabarsuu akka qabaatan kaa'ameera.
Dhaabbileen maallaqaa ykn baankoonni qajeelfamoota kanneen haalaan hojiirra akka oolchaniif caasaa haaraa seenaa maamiltoota isaanii hordofuu ijaaruu qabaatu. Akkasumas haala hojjimaata teknooloojii ammayyaa diriirsuu qabu jedhameera.
Baankiin biyyaaleessaa Itoophiyaa kanaan alattis baankii misoma Itoophiyaa, baankootaa, inshuraaniiwwaniifi dhaabbilee wabii sooramaatiif boondii gurguruu akka danda'uuf murte dabarseera.
Haaluma kanaanis baankoonni kuusaa liiqaa waggaa waliigalaa parsantaa tokko boondii baankii misoomaa, dhaabbileen inshuraansii ammoo galii qulqulluu waggaa isaanii keessaa parsanataa 15n gadii kan hintaane boondii baankii misoomaa akka bitaniif murtaa'eera.
Boondiin baanii Misoomaa kunis kan motummaan wabii kennuufi jiddugalaan kan dhala gaariin kanfalamuuf akka ta'u ibsameera.