Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guddina fiilmii Afaan Oromoo maaltu quucarse?
Fiilmiin Afaan Oromoo ''Finnaaf'' jedhuu kan Biqiliaa Asfaawiin barreeffameefi daayireekt godhame akkasumas fiilmiin Lammii Tarfaasaan qophaaye ''Ergarama'' jedhan torbanoota darban magaala Finfinneetti eebbifamaniiru.
Fiilmiiwwan kun waggaa kana keessa fiilmiiwwan qubaan lakkaawwaman hojjetamanii bahan keessaa isaan miidiyaa hawaasaarratti beeksisa garii argataniidha.
Ta'uus fiilmiin Afaan Oromoo ammas akkuma baroota 10/20 duraa bakka uummati afaanicha dubbatu eegu bira hin geenye. Fiilmiin faara qabu waggaa tokko keessatti argamnaan akka waan guddatti ilaalama.
Barreessaafi Daayireektara fiilmii kana kan ta'e Biqilaan waggaa sadii dura fiilmii Miixuu jedhuu barreessuufi daayireekt gochuun hojii gara indaastirii fiilmii Afaan Oromootti makame. Fiilmiin isaa jalqabaa kun fudhatama guddaa argate, magaalaalee Oromiyaa keessatti argaaf dhiyaatee hiyoo ammoo Yutube gubbaa gadhiifame.ot
Fiilmiin isaa lammataa Finnaaf torbanoota dura eebbifamee Alama Sinimaatti akkuma fiilmiiwwan kaanii agarsiifamuuf waliigalteerra gahamaa akka jiru qopheessaan fiilmichaa dargaggoo Biqilaa Asfaaw BBC'tti himeera.
Amma dura fiilmiin Afaan Oromoo carraa gabaa manneen Siinima Finfinnee yaale hin jiru.
Yaaliiwwan sadarkaa fiilmii indaastirii Oromoo jabeessuf godhamu garuu waliigalatti yeroo ibsamu ammas hedduu booddeetti hafaadha. Fiilmii Afaan Oromoo gaarii tokko argachuun ammas 'birqiidha'.
Fiilmiin Afaan Oromoo maaliif bakka eegamuu hankaake?
Diraamaa dheeraa 'Dheebuu' kutaa 80 qabu qopheessee uummata biraan gahuun fudhatama guddaa kan argateefi ammas diraamaawwan dhedheeraa kan hojjechaa jiru barreessaafi qopheessaa Qalbeessaa Magarsaa, ''fiilmiin Afaan Oromoo 'hooddee gammaddeedha', takka oli takka gadii. Indastiriin fiilmii Oromoo amma gaaffii keessa jira,'' jedha.
'Xiyyeeffanaa waan hin arganneef hojii walitti fufaa ta'e argaa hin jirru,'' jedha.
Obbo Qalbeessaan jaallattootni fiilmii ''nu gatanii deemaniiru'', fiilmii Afaan biraafi fiilmiiwwan Afaan Oromootti hiikamanii miidiyaaleen darban ilaaluutti jiru kun kan ta'e ''sababa fiilmii gaarii Afaan isaaniin qophaaye dhabaniifidha'' jedha.
Qopheessaan fiilmii Finnaaf dargaggoo Biqilaa ''Fiilmii Afaan Oromoo hojjechuun dameen fiilmii ammallee jalqabiirra jiraa jedha. Adattis bu'aa bayii hedduu qaba'' jedha.
Waggaatti fiilmiin Afaan Oromoon hojjetaman shan hin caalanii kan jedhu Biqilaan isaaniyyuu uummata bira gahuuf rakkoo hedduu qabuu jedha.
Akka Biqilaan jedhutti ammoo hawaasni hojiile aartii Afaan isaan hojjetaman ilaaluufi jajjabeessuu irratti hubannaa walqixa ta'e hin qabuu jedha.
Hanqinni bajataa rakkoolee hojii fiilmii mudatu keessaa tokko ta'uu kan himu Biqilaan, inni guddaan garuu dhaabbatni jabaan hojiilee fiilmii hojjetu dhibuudha jedha.
Rakkoo gama kanaan jiru yeroo ibsus ''Ofii keetii iskiriptii qopheessita, ofii keetii maallaqa barbaadda, ofii kee taatoo filatta, ofii piroodiwus goota namuma sanaatu waan hunda dhiphata'' jedha.
Hojiilee bu'aabayyiiwwan hedduu booda bahan akka ta'utti uummata bira hin gahan uummatnis hojilee kana ilaalee hin jajjabeessuu jedha.
Kana wajiin walqbatee yaadni ka'u hojiilee gama seenaa fi piroodaakishiniin nama gammachiisanii hawwatan hangamtu bahee ''waayee daawwataa komanna'' kan jedhuudha.
Obbo Qalbeessaan yaada hanqinnabajataa fi dhaabbilee hojii piroodiyuus gochuurratti xiyyeeffatan dhabamuun rakkoo ta'uu waliigalus, gama daawwataa fiilmii jajjabeessuu hanqachuu irratti ka'u garuu nii morma.
''Ani maal dhiyeesseen nama komadha?...hamma ammaatti ani sabab hordofaa hin komanneef qaba. Anumatu hojii gammachiisu hin hojjenne. Ittoo mi'aa yoo dhiyeessite akkuma namni nyaatu gammadee hamma nyaatuun ool nyaachuu danda'auudha'' jedha.
Diraamaa dheeraa hojjete keessatti nama gamachiisee dudduubee gaarii argachuu kan himu Qalbeessaan ''dura ogeessi sadarkaa hojiisaatii hamma eegamutti siqsee hojjechuu qabaa'' jedha.
Akka Obbo Qalbeessaan jedhutti rakkooleen ijoo guddina fiilmii Afaan Oromoo quucarsan sadiidha jedha.
''Tokko dhabamuu inistituushinii waayee indastirii fiilmii barsiisu. Lammaffaan indastirii abbummaadhaan damee kana sochoosu. Waan akka koeporeeshinii filmii. Sadaffaan ammoo rakkoo ana ogeessa bira jiru.''
Ogeeyyiin miira itti gaafatamummaa hojjechuu dhabuutu jira kan jedhu Qalbeessaan hanqina bajataa qaburraa kan ka'e ogeessi tokko waanuma hunda keessa harka galfachuun rakkoo biraa ta'uu dubbata. Dabalataanis ogeeyyiin walitti dhiyaatanii wal hin tumsanis jedha.
Dargaggoo Biqilaan rakkoolee arman olitti ibsamniin cinaatti mootummaan kallattiin ta'uu baatus hojii aartii jajjabeessuu keessatti gahee qabaatus, xalayaawwan deeggarsaa barreessuun cinaatti haala gahaa ta'een deeggaraa hin jiruu jedha.
Fiilmiin gaariin hojjetamees dhaadhessa miidiyaa kan hawaasa hojiilee kana akka ilaalu dammaqsuus hin jiruu jedha Biqilaan.
'Fiilmiin Afaan fi aadaa barsiisuurratti gahee qabu nuti itti hin fayyadamne
Biqilaan damee fiilmii gama hundaan osoo deeggaramee Afaan Oromoo warra afaanicha hin beekne barsiiduufi dhiibbaa aadaa uumuuf gahee olaana abaha turee jedha.
Fiilmiiwwan Kooriyaa akkamiin yeroo dhiyoo keessa sadarka idila addunyaatti dhiibbaa akka uuman akka fakkeenyaatti kan kaasu Biqilaan ''nuti carraa kana itti hin fayyadamne'' jedha.
''Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa haa ta'u, afaan hojii haa ta'u kan jedhamu keessatti namni biroon afaan kana akka dhagahu, akka baru, humna guddaa qaba'' jedha.
Indaastiriin fiilmii Oromoo akka guddatu maaltu hojjetamuu qaba?
Rakkooleen guddina fiilmii Afaan Oromoo hudhanii qabaniiru jedhaman amma ogeeyyiin BBC'tti himan hedduun kan waggaa 10/15 dura dubbatamaa turaniidha.
Guddina Aartii Oromoo irratti mariiwwan sadarkaa adda addaatti gaggeefaman akka rakkoo ijootti kan kaasaa turan waanuma bajataan walqabatuudha.
Dargaggoo Biqilaa amma damee kana guddisuuf uummatni hojii afaan isaatiin hojetamu adamsee bakka inni argamutti ilaaluu qabaa jedha.
Uuummatni kana ni raawwata yoo ta'e dhaabbileen daldalaa ''ofiif jedhanii ispoonsara nu godhuu'' jedha.
Qalbeessaan ammoo ogeeyyiin hojii qulqullina qabu uummataaf dhiyeessuuf walitti dhiyaatanii hojjechuu qabuu jedha.
Itti dabaluunis rakkoolee ijoodha jedhe kan kaas hanqina gidduugala eenjii oogummaa kanaafi dhaabbata hojii fiilmii irratti xiyyeefate qofa hojjetu hundeessuun barbaachisa jedha.
Oromiyaan aadaa, duudhaa, seenaa fi teessuma lafa bareedaa hunda hammatu waan qabduuf, ogeeyyiin osoo fagoo hin deemiin fiilmii seenaa ajaa'ibaa qabu hojjechuu danda'uu jedha.
Rakkoon biraan ogeeyyiin kaasan hojiin aartii Oromoo siyaasa akka mi'eessituutti fayyadamuun isaa mootummaa irraa deeggarsa barbaachisu akka hin arganne danqaa ta'uu kaasu.
Kana bira darbuunis argaa dhageettii uummataa bira yeroo gahus miira wal-makaan akka simatamu taasisa jedhu. Diraamaa dheeraa