Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Namni yeroo jalqabaaf Ameerikaatti fiilmii Afaan Oromoo hojjate ana'
Keeyirat Yusuuf jedhamti. Magaalaa Dirree Dhawatti dhalatte. Magaaloota Awaaday, Finfinneefi Haraaratti keessatti ammoo ni guddatte. Ammatti oogummaa garagaara irratti hirmati.
Oogummaalee saniin keessaa akka daayirektiing, Editiing, Pirodiwusing akkasumas taatummaan ni eeramu.
Duraa gara oogummaa aartii kan dhufte barattuu sadarkaa lammaffa yoo turtedha. Sagantaa 'Dhangaa' irratti diiramaa dheeraafi gagababaa irratti hirmachuudhaan gara ogummaa aartiitti dhufte. Yeroo Dhangaa keessa turte haalli achii jiru mijaataa waan hin taaneef keessa bahuuf dirqaamte.
Haadha oogummaa baay'ee ta'uun kun kan barnootaafi muuxannoon kan dhufe ta'uus Keeyirat ni dubbatti.
Boodarra carraa gara Ameerikaa deemuu argattee gamas ceete. Egaa Ameerikaa deemte boodas achiitti oogummaa aartii ishee ciimsachuuf barnootaafi leenjii garagaraa fudhattee jirti.
Yoo fedhiin jiraate oogummaa barbaadan qabachuun akka danda'amu Keeyirat ni himti. Dabalataan ammoo biyyaa Ameerikaatti al-tokkotti nama waan hunda namaa hojjatu waan hin arganneef oogummaa garagaraa qabachuun dirqaama akka ta'ees dubbatti.
Ammatti fiilmii lama 'Asaantii' fi 'Siifan' jedhaman hojjatteetti. Warrabbiin fiilmii Asaantii hundi isaa Ameerikaatti kan gaggeeffame yommuu ta'u , 'siifan' ammoo hamma ta'e Oromiyaa keessattidha jetti.
Haala warrabbii Ameerikaa ture akkas jechuun dubbatte: "Ameerikaa taa'anii fiilmii hojjachuun baay'ee nama dhiba. Taatoota fiilmii irraatti hirmaatan argachuun hedduu rakkissa.
Ta'uus garuu, taatoonni fedhii aartii qabaan waan turaaniif isaan waliin walitti dhufnee hojjanne. Biyyaa kanatti namni hundi sagantaa mataa isaa qaba. Yeroo namoonni muraasni ciisaan namoonni biroo ammoo hojii hojjaatu. Haala kana keessaa darbinee Asaantiifi Sifaan hojjachuudhaaf geenye."
Bakka namoonni baay'ee jireenya dhuunfaa isaaniif fiiganiif haala rakkisaa keessatti fiilmii lama hojjachuun waan jajabeeffamu ta'uullee ni ibsiti.
"Dubartii ta'anii ogummaa garagaraa irratti hirmachuun baay'ee ulfataadha. Hawaasa keenya keessatti dubartoonni ala bahanii hojii garagaraa irratti hirmachuun baay'ee hin baratamne. Ta'uus garuu dubartoonni heddu ni jiru".
"Dubartoonni Oromoo umamaanuu ciccimoodha. Yoo carraa argataan ogummaa barbaadan irratti boba'uu danda'u. Osoo dubartoonni Oromoo hedduu carraa akka kiyya argaatanii ana caalaa hojjatu malee na gad hin hojjattn.
Kanaafuu, hamma nu danda'ameen dubartoota Oromoo gargaaruun qabna."
Anis akka dubartii Oromoofi nama biyyaa Ameerikaa keessa jiraatuutti oogummaan qabuun saba kiyyaaf bu'aa tokko buusuun qaba jedhe waaniin amaneef jireenya dhuunfaa koon alatti jireenya saba kana karaa fiilmiidhaan addunyaaf agarsiisu barbaada jetti Keeyirat.
Oogummaa kana guddisuun kan hawaasa hundaati. Filmiin Afaan Oromoo baayachuu qaba. Finfinnee keessatti giddu gala aadaa malee tiyaatirri Afaan Oromoo hin jiru. Finfinnee keessatti yoo xiqqaate torbaan torbaaniin fiilmii Afaan Oromoo mul'achuu qaba.
Akkasumatti magaloota Oromiyaa keessatti fiilmiin Afaan Oromoo guddachuu qaba jechuun dhaamsa ishee dabarsitti.
Ammatti immoo fiilmii ishee saddaffa hojjachuudhaaf qophii hunda xumurtee jirti. Gara Oromiyaa deebitee dhufuudhaanis warrabbii fiilmii ishee sadaffa irraatti hojjachuuf kaayyoo qabdi.