Linkanii hanga Tiraampitti pirezidantoota Ameerikaa ajjeefamaniifi yaaliin ajjeechaa irratti raawwatame

Yaaliin ajjeechaa dhiyeenya kana Doonaald Tiraamp irratti agaamamee tures taatee okkoora siyaasaa pirezidaantota Ameerikaa muatee kan jalqabaa miti.

Kanaan duras baroota garaagaraatti ajjeechaan ykn yaaliin ajjeechaa pirezidaantota duraanii ykn pirezidaantoota aangoorra turanii fi kaadhimamaa pirezidaantii irratti raawwataman seenaa Ameerikaa keessa jira.

Ajjeechaafi yaalii ajjeechaa dureeaan biiyattii kunis erga Ameerikaan bara 1776'tti akka biyyaatti hundeeffamtee kaasee yeroo garaa garaatti pirezidantoota ykn kaadhimamtootarratti raawwatameera.

Taateewwan kanneenis akka asiin gadiitti qindeessineera:

Abrahaam Liinkan, pirezidaantii 16ffaa

Abrahaam Liinkan pirezidaantii Ameerikaa ajjeefaman keessaa isa jalqabaati. Ebla 14 bara 1865 wayita haadha warraasaa Meerii Tood Liinkan waliin agarsiisa addaa qoosaa "Our American Cousin" jedhu Tiyaatira Foordi Waashingitanitti qophaa'e irratti hirmaataa turan Joon Wiilks Bootiin rasaasaan rukutame.

Deeggarsi mirga warra Gurraachaa akka sababa ajjeechaa isaatti kaafameera.

Bootiin Ebla 26, 1865 bakka inni itti dhokate Varjiiniyaa keessatti erga argamee booda rasaasaan itti dhukaamanuun ajjeefame

Jeems Gaarfiild, pirezidaantii 20ffaa

Jeems Gaarfiild erga aangoo qabatanii ji'a jaha booda ajjeefamuun, pirezidaantii Ameerikaa aangoorra osoo jiranii ajjeefaman kan lammaffaa ta’e.

Adoolessa, 2 bara 1881'tti baabura gara Niiw Ingilaandiitti geessu yaabbachuuf gara buufata baaburaa Waashingitan osoo deemaa jiruu, Chaarlis Giitooniin rasaasaan rukutame.

Kalaqaan bilbila Aleeksaandar Giraaham Beel, meeshaa addaa inni kalaqe fayyadamuun rasaasa laphee Gaarfiild keessaa baasuuf yaalee hin milkoofne.

Pirezidaantichi akka malee miidhamee torban hedduudhaaf Waayit Haawusitti yaalamaa turan.

Ji’a Fulbaana garuu Niiw Jeersii keessatti qarqara galaanaatti du’e.

Giitoon Waxabajjii bara 1882 yakkamaa ta’uunsaa itti murtaa'uun du'aan adabame.

Wiliyaam Maakiinlii, pirezidaantii 25ffaa

Wiliyaam Maakiinliin Fulbaana 6 bara 1901'tti Buffaloo, Niiwu Yoorkiitti haasaa taasisan erga xumuranii booda rasaasaan rukutame.

Osoo sararaan namoota harka fuudhaa jiruu namni tokko itti dhiheenyaan laphee keessa si'a lama rasaasaan rukute.

Innis Fulbaana 14 bara 1901tti, erga yeroo aangoosaa marsaa lammaffaa ji’a jaha tureen booda du’aan boqatan.

Liyoon F. Czolgosz, jiraataa magaalaa Detirooyitii fi dargaggoon ganna 28, ajjeechaa kanaan himate. Onkoloolessa 29 bara 1901 teessoo elektirikii irratti ajjeefame.

Firaankiliin D. Ruuzvelt, pirezidaantii 32ffaa

Yeroo sanatti pirezidaantii ta’anii kan filataman Firaankiliin D. Ruuzvelt, osoo Maayamiitti haasaa taasisanuu, konkolaataa isaa duubaan dhukaasni dhaga'ame.

Roozvelt haleellaa Guraandhala bara 1933 raawwatameen hin miidhamne, garuu kantiibaa Chikaagoo, Aab Antoon Kermaak ajjeefaman.

Juusepee Zangaraa namni jedhamus haleellaa knaan himatamee yakkamaa ta'uun murtii du'aa itti murtaa'e.

Haarii S. Tiruumaan, pirezidaantii 33ffaa

Haarii S. Tiruumaan mana Bileer Haawus. kan naannoo Waayit Haawus jiru keessa jiraachaa ture.

Sadaasa bara 1950tti namoonni hidhannoo qaban lama mana isaa weeraran.

Tiruumaan hin miidhamne garuu poolisiin Waayit Haawusii fi namoota haleellaa raawwatan keessaa tokko ajjeefaman. Poolisoonni Masaraa Mootummaa lamas madaa'anii ture.

Shakkamaan haleellaa kanaa Oskaar Kaalaazoon to'annoo jala oolee, murtiin duuti itti murtaa'e.

Bara 1952tti Tiruumaan murtii kana gara hidhaa umurii guutuutti jijjiire. Oskaar, Bara 1979 Pirezidaant Jiimii Kaartariin mana hidhaatii baase.

Joon F. Keeneedii, pirezidaantii 35ffaa

Joon F. Keeneediin Sadaasa bara 1963 haadha warraa isaa Jaakliin Keeneedii waliin Daalaas daawwachaa osoo jiranii rasaasaan ajjeefame.

Sa'aatii muraasa booda poolisiin gamoo dhiyoo jiru, Kuusaa Kitaaba Mana Barumsaa Teeksaas keessatti boombii darbatame erga argeen booda Lii Haarveey Oswaald to'annaa jala oolche.

Guyyaa lama booda ammoo, Haarveey waajjira muummee poolisii irraa gara mana hidhaatti osoo geeffamaa jiruu, abbaan mana bashannanaa halkanii, Daalaas Jaak Ruubiin rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Jeeraald Foord, pirezidaantii 38ffaa

Jeeraald Foord bara 1975tti torban muraasa keessatti yaaliin ajjeechaa lama irraatti raawwatame. Haata'u malee, yaaliiwwan lamaan irrattuu miidhaan irra hin geenye ture.

Yaalii jalqabaa irratti, Foord bulchaa Kaalifoorniyaa waliin walgahii Sakraameentootti godhamuuf osoo deemaa jiruu, miseensi garee yakkamtootaa Chaarlis Mansan jedhamu, dhoksaan namoota daandii irratti argaman keessa dahachuun, qawwee baase Foorditti kiyyeessee qabe. Garuu itti dhuqa’uu didde.

Sababii kanaanis Chaarlis hidhamee bara 2009 gadhiifame.

Guyyoota 17 booda dubartiin biraa Saaraa Jeen Muur jedhamtu hoteela Saan Firaansiiskootti argamuun alatti Foorditti dhukaaste.

Isheenis si’a tokko itti dhukaastee garuu hin rukkunne. Boodas hidhamtee bara 2007 gadhiifamte.

Roonaald Reegan, pirezidaantii 40ffaa

Roonaald Reegan Bitootessa 1981tti Waashingitan DC keessatti haasaa erga taasisee booda gara konkolaataa isaa osoo deemaa jiruu, Joon Hinkilii Jr. kan namoota walitti qabaman keessa tureen rasaasaan rukutame.

Reegan dhukaasa sana irraa lubbuun oole. Garuu rippoortara isaa Jeems Biraadii kan dhukaasa kanaan laamsha'e dabalatee namoonni biroo dhukaasa guyyaa sana raawwatameen rukutaman.

Hinkiliin sababa dhukkuba sammuutiin yakkamaa akka hin taane erga murtaa’een booda, to'annoo jala oolfamee hospitaala dhukkuba sammuutti galfame.

Bara 2022 Hiinkiliin erga abbaan murtii "kana booda ofiifis ta'e namoota biroof balaa akka hin taane" murteessee booda gadhiifame.

Joorji W. Buush, pirezidaantii 43ffaa

Joorji W. Buush bara 2005tti Pirezidaantii Joorjiyaa Mikaa’el Saakaashvilii waliin walgahii ummataa Tibiliisiitti geggeeffame irratti hirmaataa osoo jiranii boombiin harkaa itti darbatame.

Pirezidaantonni lamaan danqaa rasaasa hin rukutamne duuba osoo jiranii boombiin huccuun haguugame gara meetira 100 fagaatee bu'e. Boombiin sunis osoo hin dhoo'iin waan hafeef, namni miidhames hin turre.

Vilaadimiir Aruuyuniyaan taatee kanaan yakkamaa ta'uun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Tiyoodor Ruuzvelt, kaadhimamaa pirezidaantii

Pirezidaantiin duraanii Tiyoodor Ruuzvelt, bara 1912tti gara Waayit Haawusitti deebi'uuf akkuma Doonaald Tiraamp ammaatti osoo duula na filadhaa gaggeessaa jiranii Milwaukee keessatti rasaasaa itti dhukaafameen rukutaman.

Haata'u malee miidhaamni cimaan irra hin geenye ture.

Taatee kanaan wal qabates shakkamaan Joon Schrank jedhamu hidhamee umurii guutuu hospitaala dhukkuba sammuu keessatti dabarse.

Roobart F. Keeneedii, kaadhimamaa pirezidaantii

Roobart F. Keeneediin kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa kan turan yoo ta'u, filannoo kutaa Kaalifoorniyaatiin bara 1968 injifachuu isaaniitti haasaa erga taasian yeroo muraasa booda hoteela Loos Anjeelees keessatti ajjeefaman.

Keeneediin senaatara Ameerikaa Niiw Yoork irraa dhufan yoo ta’u, obboleessa pirezidaantii Joon F. Keeneedii waggaa shan dura ajjeefamaniiti.

Dhukaasa kanaan namoonni biroo shan madaa’aniiru.

Sirhaan Sirhaan yakka ajjeechaatiin yakkamaa ta'ee murtiin du'aa itti murtaa'e. Boodarra gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirame. Sirhaan bara darbe akka gadhiifamuuf gaaffii dhiheesse, garuu ammallee mana hidhaa keessa jira.

Joorji C. Waalas, kaadhimamaa pirezidaantiid

Joorji C. Waalas kaadhimamaa pirezidantii dimokiraatota barbaada kan ture bara 1972tti Meeriilaandiitti duula filannoo irratti rasaasaan rukutame.

Taatee kun mudhiisaa irraa gara gadiitti akka laamsha’e taasise.

Aartar Biriimaar yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'ee hidhaan itti murtaa'e. Bara 2007 gadhiifame.