Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hooggantuun eegdota US yaalii ajjeechaa Tiraampiin walqabatee aangoorraa kaate
Wiixata darbe Koongireesii Amerikaatti dhiyaattee yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame barkurneewwan darban keessatti kufaatii waajjirichaa isa olaanaa ta'uu aangawaan kuni amananiiru.
Guduunfaa
- Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
- AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
- Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
- Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
- Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tamsaasa kallattii haaraatti ceenerra.
Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo haaraa eegale asiin seenaa.
Galatoomaa!
Chaayinaan tokkummaa Filisxeemotaa deebisuuf Hamaas fi Faataah walitti araarsuuf
Chaayinaan tokkummaa Filisxeemotaa deebisuuf Hamaas fi Faataah walitti araarsuu akka barbaadde beeksifte.
Gareen Filisxeem waliif masaanuu ta’an lamaan, Hamaasfi Faataah, waraana Israa’el waliin gaggeeffameen booda “mootummaa araaraa biyyaalessaa” hundeessuuf waliigaluusaanii Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaafi aanga’oonni Hamaas beeksisan.
Qaamoleen kunneen lamaan kan walitti fidde Chaayinaa yoo taatu, bakka buutonni Hamaas fi Faataah gareewwan Filisxeem biro 12 ta’an waliin ta’uun guyyoota sadiif Beejing keessatti marii erga taasisaniin booda tokkumaaf hojjechuuf waadaa alaniiru.
Carraaqqii hedduu Hamaas fi Faataah walitti araarsuuf taasifamaa ture tokkollee hanga ammaa bu’a-qabeessa hin taane. Kan miilanaa kun garuu kan gareen lachuu waldhibee yeroo dheeraa gidduusaanii ture furachuuf waliigalanidha.
Israa’el waraana Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu gaafa xumurame Faataah ykn Hamaasitu bulcha kan jedhu hin fudhattu.
Wldhabdeen guddaan garee lamaan gidduutti kan uumame bara 2007 yoo ta’u, yeroo sanatti Hamaas Faataah Gaazaa keessaa humnaan baasee ofiin bulchuu egale.
Kun ammoo kan ta’e Pirezidantiin Filisxeemiifi dursaan Faataah Mahaammud Abbaas mootummaa tokkummaa Hamaasiin durfamu kan wagga sana dura yeroo Hamaas filannoo biyaalessaa mo’ate hundeeffame diiguusaanii hordofeeti.
Kaamlaa Haaris imaammata alaa Ameerikaarratti sagaleen dursaa jirti - Bilinkan
Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Bilinkan, itti-aanaatuun pireezdantii biyyattii, Kaamlaa Haaris imaammata alaa Ameerikaa irratti sagalee addaafi addunyaa guutuutti nama kabaja guddaa qabdu ta’uu dubbatan.
"Kutaa hoggantoota addunyaatiin guutame yoo ajajju argeera," jechuun, Kaamlaan "gaaffilee gadi fageessuun gaaffachuun, ari'iitiidhaan adda baasuufi dantaa ummata Ameerikaa irratti cimsitee xiyyeeffattu" ta'uushee dubbatan.
Bilinkan gaazexeessitoota waliin wayita dubbatanitti, Joo Baayidan amma baatiiwwan jahan dhufaniif hojii pirezidaantummaa isaaniirratti ciminaan akka xiyyeeffatan himuun, waraana Israa’el fi Gaazaatti deemaa jiruuf furmaata fiduuf yaaluufi waraana Raashiyaan Yukireen keessatti geggeessaa jirtu ilaaluu dabalata jedhan.
''Pireezidant Baayidaniif hojjechuun kabaja jireenya koo ta'ee kan hafuudha,'' jedha Bilinkan.
Baayiden har'a gara Waayit Haawusitti deebi'a jedhamee eegama
Ammallee Rehobot, Delawaree keessatti naannoo daandii gara mana Pirezidaantii Baayidanitti ol bahu irra eegdoonni nageenyaa akkuma dabaletti jira.
Baayidanis har’a gara Waayit Haawusitti ni deebi’a jedhamee eegama.
Erga dorgommii filannoo pirezidaantummaa keessa bahuu labsaniin booda kun yeroo jalqabaatiif ummatatti kan mul’atan ta’a.
Halkan darbe ammoo Kaamlaa Haaris wayita waajjira muummee duula filannoo kan Delawaree keessatti argamu daawwattu fageenyarraa (virtually) waliinii ture.
Halkan edaa asitti erga tornadoon rukutamee booda dhumarratti har'a aduun ifaa jirti.
Baayidan dhiheenyatti daarektara Tajaajila Iccitii haaraa muuduuf
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan daarektarri Tajaajila Iccitii (Secret Service) kan turan Kiim Chiitil aangoo gadhiisuu isaanii ilaalchisuun itti dubbataniiru.
Pirezidaantichi ibsa kennaniin, inniifi haati warraasaanii Jiil, aangawaa duraanii Chiitil, waggoota kurnan lamaan darbaniif tajaajila ummataa kennaniif galata guddaa akka qaban dubbataniiru.
"Tajaajila Iccitii Ameerikaa keessatti hojii Chiitil hunda keessatti osoo of hin qusatiin of kennitee lubbuushee balaaf saaxiltee biyya keenya kabachiifteetti," jedhe Baayidan.
Itti dabaluun, "dhaabbata tajaajila mootummaa keessatti hojiiwwan baayyee rakkiisaa ta'an keessaa tokko itti kennametti, itti gaafatamummaa guutuu fudhachuun kabaja, ija jabinaafi amanamummaa nama hin amansiifne barbaachisa," jedhan.
Baayidan ammallee gamaaggama walabaa kan gaafa Adooleessa 13, yeroo namni qawwee hidhate hiriira Pensilviiniyaa keessatti geggeefamerratti Donaald Tiraampirratti ilaalcha ifa ta’eefi ajjeesuuf yaalerratti akka taasifamu hawwii guddaan eeggachaa akka jiru dubbate.
Baayidan itti dabaluun, yeroo dhiyoo keessatti daarektara haaraa Tajaajila Iccitii akka muudu dubbate.
Medaaliyaa Olompikii hanga ammaa biyyoonni Afrikaa galmeessan
Yaalii ajjeechaa Tiraamirratti raawwatame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvis' US aangoo gadhiifte
Yaalii ajjeechaa Donaald Tiraamp irratti taasifame hordofee daarektarri 'Sakiriit Sarvisii' [Tajaajila Iccitii] Ameerikaa Kiim Chiitil aangoo gadhiiste.
'Sakiriit Sarvisii' hoggantoota biyyattii tiksuuf itti gaafatama kan qabuda.
BBC garagalcha xalayaa Chiitl miiltoowwan ishee kan Tajaajila Iccitii Ameerikaa keessa jiraniif ergite kan murtee hojii gadhiisuu ishee ittiin ibsite argateera.
Rakkoo mudateef itti gaafatamummaa akka fudhattu dubbattee, hanqinni nageenyaa yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraampirratti hiriira Adooleessa 13, 2024 turerratti raawwatame qaawwa kan uume ta’uu himte.
Yeroo hunda fedhii tajaajilichaa dursa akka kennitu dubbachuun ''murtee rakkisaa" kan ta'e "gaddaan" aangoo gadhiisuuf akka murteessite dubbatti.
Chiitil itti fufuun waahillan ishee galateeffachuudhaan ''ergama murteessaa keenya raawwachuuf'' deeggarsa biyya isaaniif mala jettee jirti.
Kamaalaa Hariis kaadhimamtuu Demookiraatii tahuuf deeggarsa gahaa argatan
Reebicha, gaazii imimmaanessaa, rasaasa- gara jabummaa poolisii lammiilee Keeniyaa mudate
AU, EU dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galaafateen gadduu ibsan
Gamtaa Afrikaa (AU), Itoophiyaatti waajira Gamtaa Awurooppaa (EU) dabalatee qaamoleen garagaraa sigiga lafaa Itoophiyaatti mudatee lubbuu namoota 230 ta'anii galaafateen gadduu ibsan.
Kibba Itoophiyaa godina Gofaatti maatiifi firoota namoota rooba cimaa hordofee sigiga lafaa hamaa mudateen lubbuu dhabaniif jajjabina hawwina kan jedhan Komishinarri Komishinii AU Muusaa Faakii Mahaamaat, yeroo rakkinaa akka kanaatti ummataafi mootummaa Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan himan.
Daarekratti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanom oduu balaa sigiga lafaa Itoophiyaatti lubbuu galafateen gadduu himuun gareen WHO Itoophiyaa gargaarsa fayyaa hatattamaa barbaachisu kennuuf bobba'uu ibsaniiru.
Pirezidantii Jabutii Ismaa'il Omaar Gilee kana sigiga lafaa hamaa kibba Itoophiyaatti mudatee lubbuu galaafate kanaan gadda itti dahaga'ame ibsataniiru.
Somaaliilaand fi imbaasiin Awustiraaliyaa Itoophiyaatti argamus akkuma kana balaa sigiga lafaa kibba Itoophiyaatti lubbuu namoota 200 ol ta'an galaafate kanaan gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.
TPLF seera-qabeessummaa duraanitti deebi'uu malee haaraa ta'ee galma’uu hin barbaadu jedhe
Bariisaa: Angafa gaazexaa Oromoo, icciitii hundeeffamasaafi hidhata qabsoo Oromoo waliin qabu
Godina Gofaatti balaa sigiga lafaa qaqqabeen namootni du'an 220 ol gahan
Keevin Debruuyin 'Maanchister Siitii hin gadhiisu'- Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa taphataan sarara gidduu maqaa guddaa kilabichaa Keeviin Debruuyin kilabicha akka turu beeksise.
Debiruuyin kontiraatni Siitii waliin qabu bara dhuftu kan raawwatu hoggaa ta'u maqaan isaa kilaba Saawdii waliin ka'aa jira.
Innis ji'a darbe dubbii godhe tokko keessatti sababa maallaqa olaanaa achi jiruuf garasitti imaluurratti akka yaadu dubbatee ture.
Gaardiyoolaan garuu yaaddoo hin qabu.
''Keeviin gadhiisaa hin jiru'' jedhe Gaardiyoolaan wayita gareen isaa tapha michoomaa bara dorgommii duraa Ameerikaatti gaggeessan isa jalqabaa dura miidiyaaleetti yoo dubbatu.
Keviin bara darbe kilabicha waliin yeroo walitti aanu afuriif shamapiyoonaa wayita ta'u, gaheen isaa olaanaa ture.
Gaardiyoolaan gareensaa kka isa bara darbee ta'ee bara dhuftus akka itti fufu abdii qabu ibseera.
Hanga guyyaa jijjiirraa isa dhumaatti filannoo haaraa dabalachuu akka malu himee ammoo dhibbeentaa 85, 90, 95 gareen keenya isuma bara darbee fakkaata jedhe.
Qorichi HIV argame dhukkubichatti xumura godhaa laata?
Qorichi haaraan dhiyeenya argame shamarran waggaatti si'a lama qorichicha fudhatan qabamuu vaayirasii kanaa irraa akka ittisaa ture mirkanaa'e.
Yaaliin qoricha Lenacapavir jedhamu kanaa Afrikaa Kibbaa fi Yugaandaa keessatti gaggeeffame.
Yaalii kana keessatti shammarran 5,000 tahan hirmaataniiru. Kaampaaniin qorichaa Ameerikaa Gili'aad jedhamuu qoricha kana oomishu yaalii isaa kanaan %100 milkaa'ina argachuu isaa ibse.
Namoota miliyoonotaa dhibee HIV qabaniif kun oduu gammachiisaa guddaadha.
Konfiraansii UNAID Jarman magaalaa Berlinitti gaggeefamu irratti dubbii ijoon eenyu qoricha akana argata kan jedhudha.
Sababni isaa ammoo waggaa keessatti yeroo lama fudhachuuf namni tokko doolaara 40,000 baasuu qabu. Xiinxaltoonni tokko tokko namoonni baay'ee qoricha kana barbaadan yoo baay'ate doolaara 40 kaffaluun argachuu danda'a jechuun mormu.
Haaris erga Baayiden dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahee booda doolaara miiliyoona 81 walitti qabatte
Dimookiraatonni erguma Pirezidaantiin Joo Baayidan Wiixata dorgommii keessaa bahu beesksiisanii asitti, duula filannoo pirezidaantummaa pirezidaantii ittaantuu Kamalaa Haarisiifi arjooma doolaara miiliyoona 81 (£62m) dhangalaasan.
Kunis seenaa pirezidaantummaa keessatti yeroo sa’aatii 24 hin caalleetti maallaqa duula filannoof oolu isa guddaa yoo ta’u, guyyaa Baayidan gadhiisanii booda arjoomtonni 888,000 ol gumaacha doolaara 200 gadi taasisanii ture.
“Deeggartoonni sadarkaa hawaasa dakaa keessatti argamanis akka kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaatti ishee deeggaruuf kaka'umsaa fi gammachuu guddaa qabu,” jechuun ture waltajjiin arjooma tarkaanfataa ActBlue toora X irratti kan barreesse.
Arjoomtonni yaaddoo umurii Baayidan irratti qabaniin maallaqa isaanii duubatti qabatanii turanis amma deeggarsa dhaabichaaf qaban deebi’anii jalqabuuf akka yaadan dubbatu.
Paartichi duula filannoo pirezidaantummaa Aadde Haaris sa’aatii shanan jalqabaa keessatti doolaara miiliyoona 27.5 ol walitti qabeera.
Lakkoofsi sunis dhuma guyyaa sanaatti dachaa lamatti dhihaate. Sa'aatii 24 keessatti ammoo walitti qabaan maallaqa argamee rikoordii maallaqa duula pirezidaantiif walitti qabamu cabseera.
Sa’aatii 24 darban keessatti arjoomni dabaluun isaa bara 2020 irraa eegalee gumaacha toora interneetii Dimookiraatotaaf godhameef isa guddaa kan addaa akka ta’e New York Times gabaaseera. Erga buusii olaanaan doolaara miliyoona 73.5 kan walitti qabame du'a haati murtii mana murtii olaanaa Ruth Bader Ginsberg booda kun isa olaanaadha jedhameera.
Maallaqni haaraan kunis paartii Dimookiraatiif jijjiirama guddaa kan agarsiisu yoo ta’u, falmii dadhabaa Joo Baayidan ji’a Waxabajjii keessa Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin ga’umsa gaarii waan hin agarsiisneef deeggarsi arjoomtoota gurguddoo akka hir’atu taasisee ture.
Ashamaa hordoftootaa!
Attam jirtu hordftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maraa?
Odeessaalee guyyaa har'aa tamsaasa keenya kallattii jalatti addunyaa mara irraa isin biraan geenyu kunoo amma jalqabneerra.
Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa isin biraan geenya.
Olmaa gaarii qabaadhaa!
Godina Goofaatti sigiga lafaa qaqqabeen namoonni 50 ol du’an
Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa, Aanaa Goofaatti sigiga lafaa si'a lama mudateen namoonni 55 ta'an du’uu aanga'onni himan.
Ittigaafatamaan Waajira Kominikeeshiin godinichaa Obbo Kaasahuun Abbaayinaa BBC akka himanitti,
balaan kun rooba cimaa kaleessa halkan roobe hordofuun lubbuu namoota sadii dabarsee, manneen diige ture.
Balaan jalqabaa kun namoota halkan hirriibarra turanirra qaqqabe.
Sana booda ammoo namoota balaa sanaan miidhaman baraaruuf jiraattota naannichaa walitti qabamaniirratti sigiga lafaa yeroo lammaffaa mudateen waliigalatti lubbuu namoota 55 darbuu himan.
Namoota biyyoon irra gargalee qotanii baasuuf hanga galgala kanatti yaalamaa jiraachuu qondaalli kun ibsan.
Hanga galgala kanaatti reeffi namoota 55 argamuu himan. Namoota balaa kanaan miidhaman keessatti daa’imman fi dubartoonni ni argamu.Haa ta'u malee miidiyaaleen biyya keessaa lakkoofsi namoota du'anii 20 ol akka ta'e gabaasan.
Balaan kun namoota waliitti qabamanii turaniirra qaqqabuun isaammoo lakkoofsi namoota du’anii akka dabalu taasisu Obbo Kaasahuun eeran.
Obbo Kaasahuun barbaachi namoota achi buuteen isaanii dhabamee akka ittifufe ibsaniiru.
Ajajaa waraana Faannoo Shawaati kan jedhamu Koloneel Assaggid harka kennachuun gabaafame
Ajajaa waraana Faannoo izii Shawaa akka ta'e kan himamu Koloneel Assaggid Mokonniin qaamolee nagaeenyaa mootummaatti harka kennachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Ajajaan waraana Faannoo ta'uu kan ibse koloneelichi naannoo Amaaraa Kombolchaatti harka kennachuufi simannaa gaariin gara Finfinnee dhufuu miidiyaa biyyaalessaa ETVtti dubbateera.
Koloneelichi Faannoon bakka adda addaatti gargar bahuun walitti dhukasaa akka jiruu fi dantaa sabaa dhaabateef gara boodaa jechuun uummata miidhaa akka jiru dubbateera.
Sababni harka kenneefis qaamni Faannoo biraan garee inni hoogganu irratti waraana baanuu akka ta'es himeera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture waliigaltee Piriitooriyaan erga goolabamee osoo hedduu hin turiin gareen mootummaa federaalaa tumsee duulaa ture Faannoon, mootummaarraa amantaa dhabuun waraanatti erga gaalee ji'ootni hedduun lakkaa'amaniiru.
Lola mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Faannoof sababa kan ta'e ammoo humni addaa naannolee akka diigamu labsii baheedha.
Gareen kun bakka adda addaatti wal hiree akka jiruufi mootummaa waliin ta'aanii mariyachuuf dursanii qaamoleen adda addaa walitti dhufuun adda tokko ijaaruu akka qaban dursitoota Faannoo keessaa tokko kan ta'e Iskindir Naggaa ji'a tokko dura BBCtti himee ture.