Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni kallattii xumurame, haaraan eegaleera.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa obba'e.

    Tamsaasa kallattii haaraa eegale asiin seenuu dandeessu.

    Nagaan!

  2. Biyyoonni lammiileen isaanii Libaanosii akka atattamaan bahan dhaaman

    Yaaddoo waraanni ka'uu mala jedhuun biyyoonni hedduu lammiileen isaanii Libaanosii akka atattamaan gadhiisanii bahan dhaamsa dabarsan.

    Ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas hordofee Iraan haaloo bahuuf dhaadatteetti, Israa'el immoo waan hundaafuu qophii ta'u ibsite.

    Hanga ammaa US, UK, Siwiidin, Faransaay, Kanaadaafi Yordaanos fa’i lammiileen isaanii hanga danda’ameen atattamaan akka bahan jedhaniiru.

    Haa ta’u malee, balaliin baay’ee buufata xiyyaaraa Beerutii ka’u haqameera yookiin adda citeera.

    Imbasiin US Beeruut jiru lammiileen Ameerikaa carraa tikeetii jiru hunda fayyadamuun Libaanos keessaa akka ba'an akeekkachiise.

    Dabalata: Asii dubbisaa.

  3. Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan

    Humni Eegumsa Warraaqsa Iraan (IRGC) jedhamu akka beeksisetti pirojektaayiliin itti dhukaafame kuni 7kg kan ulfaatu yoo ta’u ''dho’insa jabaa'' uumuun Haaniyaafi eegduu isaanii ajjeese.

    Hogganaan Hamaas sagantaa muudama Pirezidantii haaraa Iraan Masuud Pezeshikiyaan irratti hirmaachuuf magaalaa guddoo Iraan, Teehiraan turan.

    IRGC ajjeechaa kana Israa’el karoorsuun raawwachuufi Ameerikaan immoo tumsuu ibse. Waa’ee du’a Haaniyaarratti Israa’el hanga amma homaa hin dubbanne.

    Wanti IRGC dubbate gabaasota miidiyaalee lixaa tiki israa’elii bombii mana Haaniyaan keessa qubatan keessa ka’amuu gabaasaniin wal darba.

    Guyyaa eegumsi cimetti ajjeechaan Haaniyaarratti raawwate Iraaniifi dhaabbata IRGC qaanesseera.

    Dabalata: Asii dubbisaa.

  4. Mootummaan hidhattoota waliin dubbataa jiraachuu himus, WBOn dubbataa hin jirru jedhe

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad hidhattoota naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa socho'an waliin nagaa buusuuf dubbataa jiraachuu himanis, qaamni hidhatee Oromiyaa keessa socho'u, WBOn, mootummaa waliin dubbataa akka hin jirre ibse.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo haasaa Ministira Muummee Abiy irratti deebii karaa X [duraan tiwiitarii kan ture] irratti kenneen, ''Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu haasaan deemaa jiru homtuu hin jiru,'' jedhe.

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimma hidhattoota WBO kan isaan Shanee jedhan gaafa kaasan murni garagaraa akka jiru dubbataniiru.

    Dabalata: Asii dubbisaa.

  5. Taphoota Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman

    Guyyaa har’aa atileetonni Itoophiyaa fiigicha garagaraan gulaallii qabu.

    Ganama gulaallii kan taasisan dorgomtoonni 3000m gufachiisaa Loomii Mul’ataafi Simboo Alamaayyoo fiigicha xumuraa Kibxata galgala taasifamuuf darbaniiru.

    Galgala har’aammoo 800m dubartootaan gulaalliin walakkaa maayii ni taasifama.

    Itoophiyaarraa Tsiggee Dhugumaafi Warqinash Massalaa ni hirmaatu.

    Dhiirotaanis gulaalliin walakkaa maatii 1500m ni eegama.

    Haaluma kanaanis Saamu’el Tafarraafi Ermiyaas Girmaa ni dorgomu.

    Fageenya 800m dubartootaafi 1500m dhiiraan atileetota Itoophiyaa bakka bu’an keessaa walumaagala lama marsaa itti aanutti darbuu hanqachuun isaanii ni yaadatama.

    Garee Itoophiyaarraa maaltu eegama?

  6. Maan Siitiin galchii Halaand sadiin dabaalame Chelsitiin 4fi 2'n injifate

    Jifataan Maanchistar Siitii Erliin Halaand galchii lamaan dogongora Chelsiitti fayyadamee daqiiqaa shan keessatti galche.

    Galchiin isaa sadaffaa boqonnaa booda yoo ta’u, Chelsiif Raahim Isteerling fi Nooni Maaduwekeetu

    Tapha kanarratti Oskaar Boobis Siitiif tokko galcheera.

    Tapha Pirimiyeer Liigiin eegalu dura qophiif Kolomboos, US’tti taphatame kanaan gurmuun Halaand, Giriilish fi Boob sodaachisaa fakkaateera.

    Giriilish Waancaa Awurooppaaf biyya isaaf filatamuu dhabuu isaaf mufii qabu bara dorgommii baranaa liigicharratti ittuu cimee mul’isuu barbaada.

    Guyyaa Sambataa Maan Siitiin waancaa Kominitii Shiild ol kaasuf Maanchistar Yunaayitid morkata.

  7. Liivarpuul Yunaayitid 3fi 0'n injifachuun ga'umsa mul'ise

    Taphoota Pirimiyeer Liigii dura qophiif kilaboonni Ingilizii taasisaa jiran itti fufeera.

    Hanga ammaa Liivarpuul taphoota sadii taphate keessaa sadanuu injifate.

    Leenjisaa haaraa kilabichaa Arnee Siloot jalatti Kolombiyaa, US’tti taphattoonni Liivarpuul Yunaayitidiin daawwattoota77,000 rikardiidha jedhame fuulduratti 3fi 0 injifatan.

    Galchiiwwan kanas Karvaalhoo, Joonis fi Simikaasitu galche.

    Taphattoonni Yunaayitid carraawwan argatan fayyadamuu hin dandeenye jedhameera.

    Liivarpuul bara dorgommii darbe liigicharratti Yunaayitidiin qabxii 22’n caaluun xumure.

    Liigicharratti irratti kilaboonni lamaan ji’a tokko booda wal argu.

  8. Haleellaa al-Shabaab booda Somaaliyaan aanga'oota nageenyaa hiite

    Haleellaa magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadishootti raawwate kanaan yoo xiqqaate namoonni 37 yoo du'an, 200 kan caalan madaa'uu Ministerri Fayyaa Somaaliyaa ibseera.

    Haleellaan kun iddoo handaara galaanaa Lido jedhamutti Jimaata darbe raawwate.

    Ministirri Muummee biyyattii Hamzaa Abdii Baaree qondaalonni nageenyaa dirqamasaanii ba'achuu dadhabanii fi hojiisaaniif xiyyeeffannaa kennuu dhaban hidhuu ibsan.

    Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud akkaataa haleellaa kanaa sakatta'uuf jecha Sambata kaleessaa jaarmiyaalee nageenyaa hunda waliin mari'ataniiru.

    Iddoon qarqara galaanaa beekamaan- Lido beach jedhamu magaalaa Moqadishoo bulchiinsa AbdiAziz district jedhamu keessatti argama.

    Bakka aanga'oonni mootummaa hedduun jiraataniidha.

    Bakki kun duraanis xiyyeeffannaa haleellaa al-Shabaab ture.

    Michuun nageenyaa Somaaliyaa, Tarkiin, duula Somaaliyaan shororkeessummaarratti gaggeessitu akka deeggartu karaa ministeera dhimma alaa ishee ibsiteetti.

  9. Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

    Waraanni Yukireen doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu haleeluun mancaasuu beeksise.

    Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame.

    Dooniin Rostov-on-Don jedhamuufi bara 2014 hojii eegale erga misaa’elaan Sevaastoppolitti rukutame booda dhidhimuu waraanni Yukireen ibsa baasen dubbate.

    Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisuu danda’an keessaa tokko jedhameera.

    Ministeerri Ittisa Raashiyaa ammatti dhimma kanarratti waan jedhe hin qabu.

    Aangawoonni Yukireen akka jedhanitti, haleellaan raawwatan sistama farra haleellaa qilleensaa Raashiyaa S-400 jedhaman afur mancaasuus himan.

    Dooniin kuni dolaara miiliyoona 300’tti tilmaamama jechuun ibsan.

    Kiriimiyaan naannawa Yukireen Raashiyaan bara 2014 ofitti dhuunfattedha.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya eegale.

    Dhihaadhaa!

  11. Dhalataa Somaaliyaa hanna laaptoppiin walqabateen waggoota 20 hidhaa jiru

    Abdullahii Sulimaan nama ganna 41 yoo ta’u, dhalataa Somaaliyaa wal-waraansa biyya biyyasaatii jalaa baqate. Amma mana hidhaa UK keessatti argamu keessa jira.

    Sulimaan hanna laaptooppiin dhimma walqabtuun bara 2005 hidhaa seene.

    Namni kun turtii hidhaa jalqaba itti murtaa’e dachaa shaniin caaluu sababa saamicha laaptooppii kanaaf hidhame. Ammas hidhaa bahuutti hin jiru.

    UK Kaardiif kan jiraatu Sulimaan eegumsa hawaasaaf jedhamuun bara 2005 hidhaan itti murameera.

    Murtoon kun yakkamtoota hamoo jedhaman mana hidhaa tursiisuuf jedhamee itti murtaa’e.

    Sulimaan wayita umriin isaa ganna 22 hidhaan waggaa sadii fi guyyoota 276 bara 2005 itti murame.

    Sulimaan hidhamtoota nageenya hawaasaaf yaaddoo uumuu jedhamanii hidhaman 2,734 keessaa tokko. Sulimaan nama ogummaa mana miidhagsuun walqabatu leenji'e ture.

  12. , Qarqara galaana Somaaliyaatti haleellaa raawwatameen namoonni 32 ajjeefaman

    Magaalaa guddoo Somaaliyaa keessatti kan argamu qarqara galaanaa beekamaatti haleellaa warri balleessanii badaniifi hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 32 ajjeefamuu poolisiin beeksise.

    Namoota ajjeefamaniin alatti ammoo kanneen 63 ta’an madaa’uu isaaniifi isaan keessaa muraasni miidhaa irra gahe hamaa ta’uu dubbi-himaan poolisii Abdiifaataah Adeen Hasan hime.

    Viidiyoon haleellaa Moqaadishuu safara Abdiihaziiz jedhamutti raawwatame kana argarsiisu baheera.

    Haleellaa kana kan raawwate kutaa biyyattii gama Kibbaafi giddu-galeessaa harka caalu to’atee kan jiru al-Shabaab ta’uu isaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Al-Shabaab al-Qaa’edaa waliin hidhata kan qabu yoo ta’u, waggoota kurnan darbaniif mootummaa Somaaliyaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin deeggaramu waraanaa jira.

    Erga dhohinsi dhaga'ameen booda dhukaasni wal walirratti gaggeeffamu dhaga'amuu hordofee maaltu akka raawwatamaa jiru baruudhaaf rakkisaa," akka tureefi namoonni hedduun rifachuu namni ijaan arge tokko madda oduu AFPtti himeera.

    Dubbi-himaan kun namoonni tokko tokko haleellaa kanarraa ooluuf lafarra kan ciccisan yoo ta'u, kanneen biroo ammoo baqachuusaanii ibseera.

    "Qarqara galaanichaatti namoota madaa'an argeera. Baayyeen isaanii naasuun iyyaa kan jiran yoo ta'u, namoota du'an adda baasuuf rakkisaa taasisee ture," jedha itti dabaluun.

    Haleellaa kanaaf yoo xiqqaate namoonni shan itti-gaafatamoo ta'uusaanii kan ibse dubbi-himaan kun, warra haleellaa raawwate keessaa tokko ofirratti meeshaa yoo dhoosu kan biroo sadii ammoo ajjeefamaniiru jedhe.

    Namoota haleellaa raawwatan kanneen keessaa tokko garuu lubbuun qabamuu dubbi-himaan poolisii kun dubbateera.

  13. Atileetonni Itoophiyaa Olompikii Paaris 10,000m irratti maal dogongoran?

  14. Itoophiyaan dhiibbaa dinagdee gatii sharafaa jijjiiruun Naajeeriyaafi Masrii mudate dandamachuu dandeessi?

  15. Itoophiyaatti gabaan sharafa alaa jijjiiramuun oomishaalee akkamii qaalesse?

  16. Hojjettoota mootummaa miindaa gadaanaa argataniif daballii %300 taasifne - MM Abiy

  17. Dorgommii fiigicha 10,000m dhiiraan Ugaandaan Warqee injifatte

    Dorgommii fiigicha 10,000m dhiiraan Ugaandaan Warqee injifatte.Jooshiwaa riikardii Olompikii haaraa galmeessuun injifate.Sa'aatiin itti gale 26:43.14Barrihuu Aragaawwii lammaffaa bahuun meedaaliyaa Meetii ijifateera.Meedaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Olompikii Paarisitti argatte ta'eera.

    Hojii garee cimaa hojjechaa kan turaniifi tilmaama injifannoo argatanii kan turan Yoomiifi Qajeelchaafi Salamoon Baaraggaa jahaffaafi torbaffaa ta'uun xumuran.

  18. Pirezedant Joo Baayiden ajjeefamuun hogganaa Hamaas ''marii waraana Gaazaatti dhaabuuf hin fayyadu'' jedhan

    Pirezedantiin Ameeikaa Joo Baayiden ajjeefamuun hogganaa Olaanaa Hamaas Ismaa'eel Haniyaa Gaazaa keessatti marii dhukasaa dhaabuu gaggeefamaa jiruuf ''hin fayyadu'' jedhan.

    Haniyaan Iraanitti daawwannaa gocha aosoo jiruu ajjeefame.

    Hamaas fi michootni Iraan haleellaa kanaaf Israa'eliin gaafatamtuu godhaniiru.

    Israa'el ammatti hin waayee ajjeechaa kanaa hin dubbanne.

    Baayiden yeroo duraaf ajjeecha Haniyaa irratti yaada kan kenna yeroo ta'u, ajjeechaa Haniyaa hordofee muddama Baha Giddugalaatti hammaateen ''hedduu yaaddessaadha'' jedhan.

    ''Bu'uura marii dhukaasa dhaabuu qabna. Inni Biniyaamiin Netaaniyaahuu kana raaawwachuu qaba, isaanis( Hamaas) amma itti adeemuu qabu'' jedhan Baayiden.

    Baayiden Kamisa darbe Netaaniyaahuu waliin dubbachuu gaazexessitootatti himaniiru. Dubbii isaaniin ''yaaddoo Iraan irraa aggaamamu kamiifuu Israa'eliin eeguuf waadaa galeera'' jedhan.

  19. Taphattuun bunyaa sekondii 46 keessatti mo'amte morkattuushee dhiifama gaafatte

    Taphattuun bunyaa lammii Xaaliyaan Anjelaa Karini, morkii Olompikaarratti sekondii 46 gidduutti tapha adda kutte, morkattushee Aljeeriyaa Imaanii Kaheliif dhiifama gaafatte.

    Rukuttaa bunyaa jabaa funyaan isheerra bu'een booda dorgommicha ''itti fufuu hin qabu'' jettee kan murteessite Kariinii, taphni adda cituu booda morkattuushee waliin harka osoo wal hin fuudhiin sokkuutti gaabbuu dubbatte.

    ''Burjaajiin ergasii dhalate ture na gaddisiiseera'' jechuun gaazexaa Xaaliyaan Deloo Ispoortitti dubbatte.

    ''Morkattuukoofis nan gadda. Koreen Olompikii idil-addunyaa ulaagaa guutteetti erga jedhee, murteesaa nan fudhadha'' jette.

    Dorgomicha ''lubbuukoof eeggachuun qaba'' jechuun adda kutuunshee murtee sirrii ta'uu himtee, ammoo ta'e jettee morkattuushee osoo harka hin fuudhiin akka hin sokkine dubbatte.

    ''Isheefi namoota kaanis dhiifama gaafachuun barbaada. Dorgommiin Olompiikii koo tasa hafuusaatiin gaddeen ture.''

    Deebistee kan ishii argettu yoo ta'e akka harka ishee fuutus dubbatte.

  20. Dorgommii atileetiksii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa irratti eegaman

    Gulaallii 1500m dhiiraa Olompikii Paaris har’a taasifameen Ermiyaas Girmaafi Saamu’el Tafarraa gulaallii itti aanutti darbaniiru.

    Gulaalliin itti aanu walakkaa maayii ta'a. Atileet Abdiisaa Fayyisaa garuu osoo hin darbiin hafeera.

    5000m dubartoota

    Gulaallii fiigicha 5000m galgala sa’aatii 1:10’tti taasifamuun riikardii addunyaa kan qabdu Gudaaf Tsaggaay, Madiinaa Iisaa fi Ijjigaayyoo Taayyee ni dorgomu.

    Fiigicha kanarratti Siifan Hasaniifi atileetiin Keeniyaa Feeyiz Kipyegoonis ni hirmatu.

    Fiigichi xumuraa 5000m guyyaa Wiixataadha.

    800m dubartoota

    Galgala sa’aatii 2:45 irrattimmoo gulaalliin 800m dubartootaa ni taasifama.

    Kanaanis, fiigicha 800m muuxannoo waggaa dheeraa kan qabdu Haabitaam Alamuu, kan abdatamtu Tsiggee Dhugumaa, fi dorgomtuu cimtuu kan taate Warqinash Mallas ani dorgomu.

    10,000m dhiiraan

    Dorgommiin atileetiksii Itoophiyaan medaaliyaa itti eegdu keessaa tokko galgala sa’aatii 4:20 irratti dorgomama.

    Fiigicha 10,000m dhiiraan Solomoon Baaraggaa, Yoomif Qajeelchaa fi Barrihuu Aragaawwiitu dorgoma.

    Atileetonni sadanuu muuxannoo qabu. Solomoon warqii olompikii tokkitti Itoophiyaan Olompikii Tookiyoorratti argatte isatu injifate

    Atileetota Yugaandaafi Keeniyaa dabalatee dorgommiin kuni morkiin jabaan kan irratti taasifamudha.

    • Garee Itoophiyaarraa qabxii akkamiitu eegama?