Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garee Itoophiyaa Olompikii Paaris hirmaaturraa hangamtu abdatama?
Olompikiin waggaa afuriin gaafa dhufe fageenya fiigichaa atileetonni Itoophiyaa itti milkaa'aniin ni eegamu.
Baranas Itoophiyaan waltajjii ispoortii addunyaa guddicha kan ta’e kanarratti dorgomtoota 30 ol filachuufi qopheessuun gara Paaris ergiteetti.
Olompikii jalqabaashee bara 1956 hirmaachuu kan eegalte Itoophiyaan biyya atileetiksii Afrikaaf xombora injifannoo ganamaan ibsanidhas.
Ammoo waggoota muraasa darban fageenya ittiin beekamanirratti atileetonni Itoophiyaa milkaa’uu dhabuun ummata keessa mufiifi yaaddoo uumeera.
Barana maaltu eegama? Eenyu maal fiduu danda’a? Atileetonni addatti eegaman jiruu? Fageenyi yaaddessaa ta’e kami? Ummanni abdachuumoo yaadda’uu qaba?
BBC Afaan Oromoo dhimma kana ilaalchisuun gaazexeessitoota atileetiskii Itoophiyaaf barootaaf itti dhiheenyaan hordofan gaafateera.
Olompikiin bara 1896 eegaluus Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Olompikiirratti kan hirmaatte waggoota jahatama boodadha.
Kunis Olompikii Meelbarn, Awustiraaliyaatti bara 1956 dorgomameerratti.
Watajjii guddicha kanarrattis kan gara caalu dorgomtees atileetiksiidhaani. Qabxiin guddaan galmaa’es isaani. Atileetiksii keessaas fiigicha fageenya dheeraadha.
Ammoo Olompikii jalqabaarratti dabalatee Garramoo Damboobaadhaan bishkileetiin dorgomteetti.
Yeroo jalqabaaf Olompikii Tookiyoorratti tekuwaandoodhaan isa hirmaatten ala buunyaafi bishaan daakkiinis yeroo garagaraa hirmaattee beekti.
Gurra Itoophiyaan horatte
Itoophiyaan keessumaa Olompikiirratti fiigicha 5000m fi 10,000m akkasumas maaraatooniin beekamti.
Waltajjii Olompikii kanneenirratti argamuun irra deddeebiin kan taajjaban keessaammoo tokko gaazexeessaa Gaazexaa Bariisaa kan ta'an Tashoomaa Qadiidaadha.
‘’Olompikii gaafa jedhame yoomu Itoophiyaan ni eegamti,’’ kan jedhan Tashoomaan, kunis bara Abbabaa Biqilaa kan eegale akka ta’e eeru.
Itoophiyaan erga Olompikiirratti hirmaachuu eegaltee waltajjiin medaaliyaa irratti hin arganne Olompikii jalqabaa itti hirmaatte qofaadha.
Isaan ala garuu atileetonni Itoophiyaa, biyyaaf qofa osoo hin taane atileetiksii Afrikaafuu faajjiidha.
‘’Abbabaa Biqilaafi Daraartuu kaasuu dandeessa. Faaxumaa Roobaanis Olompikarratti dubartootaan maaraatoonii injifachuun Afrikaarraa kan jalqabaati,’’ jedhan.
Itoophiyaan Olompikiirratti gosi irratti dorgomtu xiqqaadha. Ammoo irra deddeebiin waan milkaa’aa turtef maqaa gaarii horatte.
Itoophiyaan hanga yoonaa Olompikiirratti warqii 23, meetii 12 fi nahaasa 23 walumaagala medaaliyaa 58 argatteetti.
Medaaliyaa warqee keessaa gara caalu atileetota Boqqojjii dhufanitu biyyaaf galmeesse.
Baay’ina medaaliyaa argatteen Itoophiyaan Keeniyaafi Afrikaa Kibbaatti aanun sadarkaa sadaffaarra teesseetti.
Kunneenimmoo Itoophiyaan waltajjii Olompikiirratti hirmaachurra kan darbe fageenya dheeraan akka eegamtu ishii taasisa.
Waan Paarisiiti eegamu?
‘Wanti addaa wanti eegamu hin jiru’’ jedhu Tashoomaan. Ammo atileetota maqaa gurguddaa qabaniifi dorgommiiwwan idil-addunyaarratti milkaa’an eerun akka eegaman eeru.
‘’Qananiisaan fa’a, Yoomiif Qajeelchaan fa’a, Lammeechaa Girmaa fi Gudaaf Tsaggaaye ijoollee dorgommii kanarratti eegamani.’’
Umriin isaa 43 kan ta'e Qananiisaan waggoota 12 booda Olompikiitti deebi’ee dorgoma.
‘’Qananiisaan kanaan dura Olompikii afur irratti hirmaate. Shaampiyoonaa adda addaarratti waan hirmaatef muuxannoo guddaa qaba,’’jechuun ibsu.
Keessumaa garee keessa jiraachuun isaatuu garichaaf ''hamlee ta'aaf'' jedhanii amanu.
‘’Qananiisaan yoo qabxii argate [yoo mo'ate] inni nama jalqabaa isa taasisa jechaadha,'' jechuun dhimma umrii isaa kaasu.
‘’Maammoo Waldeetu hin caala jechaadha. Kanaan dura Maammoo Waldeetu [yeroos umrii 40’n fiigan] umrii kanaan Olompikiirratti hirmaate sadaffaa bahuun nahaasa argatee deebi’e.’’
Maammoo umrii ga’eessa ta’ee kan medaaliyaa argate Olompikii Muunik bara 1972 Jarmanitti gaggeeffameerrattidha.
Gaazexeessaa Taammiruu Alamuu immoo kana dura Faanaa keessa dalagaa ture. Yeroo ammaa jireenyi isaa Ameerikaa yoo ta’u atileetiksii kana itti dhiheenyaan hordofa.
Keessumaa fageenyawwan medaaliyaan itti eegamu jedhe amanu akkanaan ibsa.
''Fiigicha 5000m, 10,000m fi maaraatoonii koorniyaa lamaanuu akkasumas gufachiisa 3000m’n qabxii nan eega.
''Gudaaf, Yoomif, Hagoos, Qananiisaa, Amaane, Tigist Asaffaafi Lammeechaa ga’umsa amma qabaniifi muuxannoo isaanirrraa kan ka'e medaaliyaa keessa seenu jedhee kaniin tilmaamudha.''
Haa ta’u malee, gaazexeessitoonni kuni lamaan morkii biyyoota biraarraa eegamu jabaa akka ta’u eeru.
'Ni qoramu jedheen yaada'
Fiigicha 5,000m fi 10,000m irratti Keeniyaafi Yugaandaarraa morkiin jabaa ni jira.
Keessumaa 5000m irratti ‘’Hagosiin ala [kaan] muuxannoo waan hin qabneef ni qoramu yaaddoo jedhun qaba,’’ jedha Taammiruun.
Atileetin ga’umsa waaraa ta’e qabu jiraachuu isaa shakkuun fageenya kanaan medaaliyaan ni argama jedhee dubbachuu akka rakkatu ibsa.
‘’Atileetota ga’umsa gaarii qabaniifi riikardii addunyaa qaban ni qabna. Isaan ga’umsa isaaniin yoo itti fufan medaaliyaa seenuu danda’u,’’ jechuun tilmaama.
Atileet Gudaaf Tsaggaay kana dura fageenya sadiin jechuunis 1500m, 5000m fi 10,000m’n akka hirmaattu ibsameera.
Eegasii wanti jijjiirame yoo jiraate ifatti Koreen Olompikii waan ibse hin qabu.
Haa ta’u malee Taammiruun, fageenya sadii dorgomu isheerra ‘’osoo tokko yookiin lamaan xiyyeeffattee qophoofte gaarii ture,’’ jedha.
Dorgommiiwwan sadan ‘leenjiifi qophii’ mataa isaanii qabaachuu ibsa.
Keessumaa 1500m fi 5000m gulaallii akka qabu eeruun ‘’karoorashee jalaa balleessuu danda’a’’ yaaddoo jedhu qaba.
Sababa hirmaannaa Gudaafin Firewaynii Hayiluufi Hiruut Mashashaa dorgommiin ala ta’aniiru.
Atileetota eegaman
Atileetiksii Itoophiyaa keessatti keessumaa waggoota dheeraa eegalee atileetonni maqaa horatan ga’umsa addaa warra qabanidha.
Gaafa dorgommii seenan kan mo’an qofa osoo hin taane kan morkataa isaanii fagootti injifatanidha.
Sababa kanaafis fakkaata atileetiin warqii yoo injifachuu baate akka qabxii gaariitti hubachuu dhabuun kan Itoophiyaa keessatti mul’atu.
Biyyoota kaanitti garuu injifachuu miti atileetiin tokko Olompika gubbaa hirmaachuunu akka waan guddatti ilaalama.
‘’Abbabaa eegalee hanga Qananiisaa, Olompikii hanga Shaampiyoonaa Addunyaa warqii fidu jedhamaniiti eegamu.
‘’Sababni isaa Maammoonis yoo mo’u jedhamanii eegaman injifataniima dhufu,’’ jedhu Tashoomaan.
Wanti kuni Miruuts, Hayilee, Daraartuu, Qananiisaa, Masaratiifi Xurunashiifis wal fakkaata.
‘’Kunneen hirmaatan jechuun warqiitu jira jechuudha,’’ kan jedhan Tashoomaan, yeroo dhihoo as garuu atileetonni abdataman tokko yookiin lama qofa ta’aniiru jedhu.
‘’Ummataa miti miidiyaanis kan sirriitti beekuufi qabxii fidu jedhee eegu baay’ee xiqqoodha,’’ jechuun ibsu.
‘’Atileetonni kaan ga’umsa hin qaban jechuu miti,’’ kan jedhan Tashoomaan, ‘’kanneen ala eenyu warqii injifata jennee osoo gaafanne baay’uma rakkisa.
‘’Afaan guutanii abaluun warqii fidu jedhamanii eegaman baay’ee xiqqoodha,’’ jechuun waan taajjaban ibsu.
Taammiruun gama isaan Paaris Qananiisaaf Olompikii isaa xumuraa ta’uu danda’a kan jedhu Taammiruun, ‘’medaaliyaan xumura itti tolcha amantaa jedhun qaba,’’ jedha.
Gama kaaniin, Gudaaf 5000m fi 1500 mana keessaan riikardii addunyaa waan qabduuf akkasumas Tigist immoo maaraatooniin riikardiin addunyaa kan ishee waan ta’ef qabxii eega.
Addisu Yihunee 5000m, Madiinaa Iisaa 5000m, Tsiggee G/Salaamaa 10,000m akkaumas Amaane Bariisoo maaraatoonii kanneen haaraa keessaan kan eegaman akka ta’e eera.
Fiigicha fageenya dheeraan ala fiigicha giddugaleessaanis olompikiiwwan darbanirratti abdiin mul’ateera.
Atileet Lammeechaa Girmaa seenaa waggaa dheeraa dura Shaambal Isheetuu Turaan dalagan deeffachuun Olompikii Tookiyootti meetii biyyaaf fide.
Keessumaa atileetiin kuni fiigicha warri keeniyaa ‘’ispoortii aadaa keenya’’ jedhaniini kan eegasis Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti kan milkaa’e.
Lammeechaan fageenyichaan abbaa rikardii addunyaa waan ta’ef riikardiin ‘’nu harka jira’’ kan jedhan Tashoomaan isaaniis qabxii ni eegu.
Erga Shaambal Isheetuu Turaan 3,000 gufachiisaan bara 1980 Olompikii Moskoo irratti nahaasa injifatan booda hanga Lammeechaan dhufutti atileetiin Itoophiyaa milkaa’aa hin turre.
‘’Ni deemu osooma gulaalli hin darbiin deebi’anii dhufu. Lammeechaa Girmaan kan abdatamudha.
‘’Isaan ala maaraatoonii, 5000m fi 10,000m dha,’’ jechuun Tashoomaan ibsu.
Wanti haaraa tarii barana mul’achuu malu keessaa tokko fiigicha fageenya gabaabaanis waan abdii horu Olompikiirratti mul’achuu mala.
Taammiruun atileet Tsiggee Dhugumaa 800m akkasumas Birqee Hayyaloom 1500m’n eera.
'Atileetonni Mufatan jiru’
Morkattootaan ala akkaataan filannoo atileetiis baranas kanneen dubbii kaasan keessaati.
Waggoota sadan dura dhibdeen Koree Olompikii fi Federeeshinii Atileetiksii gidduu ture bara bifa jijjiirratus atileetonni komatan turani.
‘’Osoo rakkoon jiruuti atileetonni kan deeman [gara Olompikii]. Kanaafi takka takka ummanni abdii kan kutatu.
‘’Sababni isaa hookkarriifi walii galteen dhibuun atileetotarratti dhiibbaa olaanaa uuma,’’ jechuun qabxiirratti dhiibbaa qabaachuu akka malu eeru Tashoomaan.
Taammiruunis gama isaan ‘’waldhibdeen filannoo atileetiirratti uumamu qabxiirratti dhiibbaa fida. Hanga yoonaa atileetonni mufatan, qofaa isaanii kan leenji’an jiru,’’ jedha.
‘’Ifatti dubbachuuf Gudaaf fageenya sadiin dorgomuu ishee akkasumas fageenya lamaan dorgomuuf fedhii kan qaban Yoomiifi Tsiggeen dhowwamuun isaanii komii uumeera,’’ jedheera.
Dorgommiin guddaan hanguma dhihaate wal himachuun yoo itti fufe ‘’atileetiksiin balaarra jira,’’ jedhu Tashoomaan.
Medaaliyaa xiqqaataa jiru
Qabxiin Itoophiyaa Olompikiirratti galmeessitu keessumaa waggoota 12’n darban gaduma xiqqaataa adeemee.
Fakkeenyaaf Olompikii Landan bara 2012'tti irratti Masarat 5000m’n, Xurunash 10,000m'n, Tikkii Galaanaa maaraatooniin warqii injifatanii turan.
Meetiin lamaafi nahaasi sadiis achuma Landanitti galmaa’eera.
Olompikii Riyoo bara 2016 dorgomameen immoo Almaaz Ayyaanaan 10,000m warqii tokkicha gonfatte. Meetii lamaafi nahaasi shanis argameera.
Olompikii Tookiyoo 2020’n immoo Solomoon Baaraggaan 10,000’n warqii takkattii biyyattiif argamsiise.
Tookiyootti osoo waltajjii Abbabaan miilaan fiige waan ta’ef qabxii fiduuf osoo yaadamuu maaraatoonidhaan medaaliyaa miti atileetonni fiiganii xumuruu rakkataniiru.
Warqii Solomoonin ala medaaliyaawwan kaanis lakkoofsi isaanii xiqqaateera – meetii tokkoofi nahaasa lama qofa turan.
Qabxiin kuni hawaasa atileetiksii jaalatu biratti yaaddoo jabaa uumeera. Barana akkam ta'a laata? Gaazexeessitoonni dubbisne carraa gaarii jedhaniiru.