Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daraartuu Tulluu - Xombora injifannoo dubartoota Afrikaa
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Seenaan Daraartuun Tulluun waggoota 30 dura dalagde har’allee akka daraaraa tulluurraa fagoodhaa mul’ata.
Qalbii namootaa ganda baadiyyaa Boqqojjii hawwachuu kan eegalte garuu ijoollummaatti.
Manni barumsaa immoo dhuguma ga’umsa atileetiksii akka qabdu akka hubattuuf ishee gargaare.
Sodaa maatiin dhokachaa dorgommiin dorgomaa turte kanaan na gaha jettee hin yaadne.
Injifannoon waggoota 30 dura Baarselonaatti galmeessite garuu biyya guutuu ishee wal barsiise. Eegasii Daraartuun kan biyyaa taate.
Daandiin, gamoon, dirreen… kaan maqaa isheen mogga’ani.
Seenaan ishee umrii ishee 20’tti galmeessite utubaa seenaa hin jigne ta’ee jira. Atileetiksiin biddeena ta’ef, jireenya ishees jijjiire.
Amma immoo jireenya atileetota kaanii jijjiruuf dalagaa jirti.
Keessumaa barana hooggansa ishee jala gareen atileetiksii Itoophiyaa fiigicha mana keessaa, kan ganna 20 gadiifi shaampiyoonaa addunyaarratti milkii guddoo goonfate.
Dubartii gurraattii Afrikaa jalqabaa Olompika gubbaa warqii argatte kan taate Daraartuu Tulluun waggoota 30 of duuba deebitee waan ture akkanaan BBC’f qoodde. Dhihaadhaa!
'Haadha koo dhokseen deeme'
Boqqojjiitti yeroo barataa tureen fiigicha eegale. Tiksituus ture. Horii deebisuuf, bishaan waraabuuf, ollaaf yoon ergamu, mana barumsaas yoon dhaqu nan fiiga.
Fiigicha birattimmoo farda gulufuu nan jaaladha. Mana barumsaatti umrii kiyya 15’tti fiigicha eegale. Kunis qabxii barnoota ispoortiif ture.
Fiigichaafi gugsii fardaaniin bashannana. Ani beekamaafin fiige miti. Garuu biddeena naaf ta’e.
Waggaa 35 ol dura yeroon biyyatti fiigicha eegalu dubartiin qoloo uffattee barumsa yookiin heerumtee jiraatti.
Malee akka guddina keenyatti uffata gabaabaa [qumxaa] uffattee bahuu maatiin hin jaalatu. Haati kiyya akka dubartii kamuu safuudhaan akka guddadhu barbaaddi.
Yeroosimmoo dubartiin qumxaadhaan dhiira waliin fiiguun akka dubartii baalageetti waan ilaalamuuf haadhakootti osoon dubbadhees waan naaf hin eeyyamneef nan dhokse.
Garuu abbaafi obbola dubaraa kiyyatti akkasumas harmee Kiristaanaa kiyyatti himee gara Finfinnee adeemee kilaba seene.
Hirriba dirree keessa rafe yoomu hin dagadhu
Olompikiin hangam guddaa akka ta’e waan hin beekneef ani Baarselonaa akkuma dorgommii kaaniin yaade. Garuu sirriitti qophoofne. Leenjisaan koo muuxannoo nama qabanidha.
Homaa hin yaaddofne, tokkoffaa ijoolleen ture. Injifachuufi injifachuu dhabuun na hin yaaddessine. Ta’us, ga’umsa gaariirran ture.
Olompikii dura Tookiyootti fiigee 8ffaa baheen ture. Akka Tookiyoo xumura geessee akka hin dhaabbanne, warra fiigan faana bu’in jedhame. Tilmaama na jala hin bahu jedhu hin qabuun ture.
Anaaf gulaalliinis [yeroos 10,000m gulaallii qaba ture] xumurris na yaaddessine. Irrattimmoo atileetota na dorgoman hinbeeku.
Ani waanuma leenjisaan kiyya dalagi naan jedhaniin dalaga.
Ani hirriba nan jaalla, boqochuu nan jaaladha. Gaafa dorgommii [Baarselonaa] wanti addaa raawwadhe hin jiru.
Dorgommii dura hanga yeroon shaakala taasisnu gahutti istaadiyeemii keessa rafuu kiyya nan yaadadha.
Hirriba gaariin rafe. Leenjisaa kiyyatuyyuu hirribaa na dammaqse. Wanti Baarselonaa irraa dagadhe hedduu jiraatus, isa kana garuu hin dagadhu.
Barsiifatnikoo gaafa dorgommii careen nyaadha shaakala nan hojjedha achii nan boqodha. Laaqana nyaadhee boqodhee achii dhidhiqadheen kadhadhee dorgommiif baha.
Guyyaa dorgommii akka Tookiyoo [dorgommii Baarselonaa dura taasifame] akka hin taane of eeggadhu naan jedhan leenjisaan kiyya. Yoo sitti cime bahii fiigi, akka hin hadoodne naan jedhan.
Walumaan gammadne
Atileetiin Afrikaa Kibbaa Elenaa Meeyar [kan ni injifatti jedhamte] osoo marsaan kudhan hafuu dursitee baate. Ani suuta jedhee marsaa sadiimoo afur boodan itti gahe.
Ani leenjisaa kiyya baay’een jaaladha, baay’ee nan kabaja. Waan isaan naan jedhan sammuutti qabadhee fiigaa ture.
Baarseloonaa ho’atu ture. Ho’a sanaan tishartii dabalee uffadheen fiigaa ture. Xumuruuf 400m gaafa hafu bahee fiigee akkan injifadhu yaadaan ture. Miira gaarii keessan ture.
Ergan injifadhe booda waliin gammachuu ibsine. Lamaan keenyayyuu Afrikaarraa dhufne. Yeroos warri Afrikaa Kibbaa yeroo jalqabaaf Appaartaayidii booda Olompikii gubbaa hirmaatani.
Ishee waliin wal beekuu baannus ispoortiin kan obbolummaa waan cimsuuf waliin gammachuu ibsanne.
Hanga fiigicha dhaabdutti – isheetu na dura fiigicha – wal agarra ture. Yeroo xumuraaf Afrikaa Kibbaa Doktarri Kabajaa yeroo naaf kennamu keessummaa taatee dhuftee wal agarre.
Baay’ee adda ture, hanga har’aa na gammachiisa. Yeroo biyyatti deebi’u akka goota biyyaatti na simatani. Simannaan yeroosii yoomuu hin dagatamu.
Yeroos qarshii guddaan badhaafame, loltuu waanan tureef sadarkaan kiyyas ol guddate. Ummatni Itoophiyaa hunduus na bare. Waaqaas haa galatu yeroon suni baay’ee adda ture.
'Olompikiin addadha'
Yeroos magaalaa Baarselonaa hin daawwanne. Ammas ta’e dur yoo biyya bakka buunee fiigne kan fiigicha ofii fiige kan hin fiigne jajjabeessa.
Wanti tokko atileetota Itoophiyaa itti galateeffadhuus kanadha.
Baarselonaatti manni nyaataa inni sa’aatii 24 banaa ta’un isaa yeroos baay’ee na ajaa’iba ture. Namni garagaraa ol baha gadi bu’a, mana nyaataa seenee baha. Lakkoofsi namaa hin xiqqaatu ture.
Namoota hedduu walitti fida waan ta’eef anaaf Olompikiin addadha.
'Fakkeenya ta’un legaasii kiyya'
Atileetota Itoophiyaaf fakkeenya ta’un legaasii kiyya jedheen yaada.
Ummata biyyakoottis addunyaattis kan wal na barsiise dorgommii Baarselonaadha. Gammachuu kiyyan ala injifannoon kiyya Baarselonaa dubartoota Itoophiyaaf karra bane.
Kuni yeroo hundaa na gammachiisa. Kanaaf hanga yoonaa dubartootni atileetii ta’an baay’atani.
Baarselonaan kan jalqabaa haa ta‘u malee eegasii dorgommii hedduu injifadheera.
Inumaa fiigicha keessaa bahee gara hooggansa ergan dhufee dhihoo gaafa Amerikaatti [Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Oregoon] injifannee deebinu Baarselonaan yaadadhe.
Baran fiiguufi amma simannaan akkanaa taasifamuu isaatti baay’ee na gammachiisa. Waaqayyootu carraa akkanaa namaa kenna.
Yeroon ani dabarse anaaf waan guddaadha. Yeroo ture sirriittin fayyadame. Waggaa soddoma har’a taa’ee yoon yaadadhu baay’ee na gammachiisa.
Maatii kiyya keessaa namoonni fiigichaan beekaman jiraachuun eeyyama Waaqaati malee iccitii biraa hin qabu.
Ani hojii kiyya baay’een jaalla, nan dhamaha. Sirriittin leenjii kiyya hordofa.
Dhamahuu qabda, obsuu qabda. Akka milkooftummoo Waaqayyoo kadhachuu qabda.