Daraartuu Tulluu sirna badhaasaa Atileetotaa irratti nageenyi akka bu'u cimsitee gaafatte

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu, Atileetota dorgommii mana keessaa Beelgireeditti gaggeeffamerratti hiraamataniif sirna badhaasaa Roobii kaleessa, Bitootessa 23, 2022 qophaa'erratti mootummaan fedeeraalaa fi Naannoon Tigraay nagaa akka buusan gaafatte.

Daraartuun atileetota Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaa 18ffaa irratti Itoophiyaan olaantummaan akka xumurtuuf ga'ee olaanaa gumaachaniif badhaasa qophaa'erratti waraanni akka dhaabbatu cimsitee gaafatte.

"Tigraay kaleessas, har'as, boris qaamuma Itoophiyaati. Adaraa keessan yaa hooggantoota keenyaa! Fayyadamtanii osoo hin taane miidhamaatii Itoophiyaa tokko godhaa!'' jechuun dhaamsa dabarsite.

Komaandar Daraartuun dabaluun, ''Abbootii fi harmootiin Tigraay, abbootii fi harmootii keenya. Bor guyyaa biraa akka ta'u ammoo mirkana. Itoophiyaa araaramtee tokko taatee ni dhaabbatti,'' jette.

Atileetonni dorgommii kanarratti hirmaatanii qabxii boonsaa galmeessan sababa waraana Tigraay qormaata keessa galuu kan himte Komaandar Daraartuun, atileetotaannis, ''jabaadhaa, isinitti hin dhagahamin, borimmoo guyyaa biraadha. Qormaata hedduu keessa darbuun alaabaa Itoophiyaa olkaasuu keessaniif hedduu galatoomaa!'' jechuun jajjabeessite.

Dorgommii kana irratti atileetota Itoophiyaaf meedaaliyaa warqee dabalatee kaanis injifatan keessa atileetotni dhalattoota Tigraay ni argamu.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaa Addunyaa 18ffaa Bitootessa 18-20 bara 2022 magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelgireed keessatti gaggeeffamerratti atileetonni Itoophiyaa olaantummaan xumuran.

Dorgommii kanarratti Itoophiyaan warqee afur, birrii sadi fi nahaasa lama, walumaagalattti meedaaliyaa sagal argachuun tokkoffaan xumurteetti.

Leenjisaa atileetota dubartootaa Tigraay irraa dhufanii kan ta'an hiluf Yihdago waltajjii sirna badhaasaa kanarratti ergaa kan Daraartuun walfakkaatu daarsaniiru.

Leenjisaa Hiluuf Yihdagoo, dorgommii kanarratti meetira 3,00n meedaaliyaa worqee kan argatte Atileet Lamlam Haayiluu, meetira 1,500n worqee kan argamsiiste Atileet Gudaaf Tsaggaayee, fi meetira 800n meedaaliyaa birrii kan argamsiiste Atileet Fireewoyinii Haayiluu leenjisaa turan.

Leenjisaa Hiluf atileetonni isaan leenjisan dorgommii kanarratti hirmaachuun dura bakka itti leenjii taasisan dhabanii rakkataa akka turan himan.

"Haala jirurraa kan ka'e tiraakiiwwan irra fiigan hedduun waan hin jirreef , lafuma tiraakii hin qabnerratti shaakalaa turan.,'' jedhan.

Kanarratti dabalataan sababa waraanaa miseensota maatii Tigraay jiran quunnamuun rakkisaa waan tureef ''xiinsammuu atileetotaa akkaan miidhame wal'aanuutu nurra ture,'' jechuun Leenjisaa Hiluf BBCtti himaniiru.

Dorgommii olompikii addunyaarratti meedaaliyaa worqee argachuun Afrikaarraa dubartii jalqabaa kan taate Daraartuu Tulluu, bara dorgomaa turtetti watajjiiwwan bebbeekamorratti maqaa biyyashee waamsisteetti.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ji'ootaaf adeemsifamaa ture keessattis, akkasumas siyaasa Oromo keessattis rakkoon jiru nagaafi mariin akka xumuramu dubbachuun mallattoo araaraa taatee mul'ataa jirti.

Yeroo ammaa Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan taate Daraartuun, ispoortiin alattis waltajjiiwwan garaagaraa irratti waan uummatashee fayyadu hojjechuuun, gaaffii fi yaada dantaa hawaasaa ta'e kaasuun beekamti.