Gameessi ispoortii Itoophiyaa Garramoo Damboobaa yeroo yaadatamu

Atileet Garramoo Damboobaa ispoortessaa lammii Itoophiyaa gosa ispoortii biskileetiin haalaan milkaa’edha.

Atileetota Itoophiyaa Abbabaa Biqilaa dura biyya bakka bu’uun Olompikii irratti hirmaatan keessaa tokko.

Ispoortessaan gosa ispoortii garagaraan beekamu kuni rakkoo fayyaan ture dhihoo ganna 90’tti lubbuun isaa kan darbe.

Bara jireenya isaa shaampiyoonaa Itoophiyaa ta’uu dabalatee medaaliyaawwan hedduu injifateera.

Imala xiyyaaraa yeroosii mijataa hin taaneefi guyyootaaf ture taasisuun Olompikiiwwan lama irrattis hirmaate.

Dorgommiifi imala isaa qe’ee isaanii mana citaa gidduugala magaalaa Finfinnee keessaa hanga waltajjii addunyaatti adeemsiseen biyyas boonsee, seenaas dalage.

Maatiin isaa BBC’tti akka himanitti bara jireenya isaa medaaliyaa 30 ol, waancaa 20 ol argateera.

Ispoorteessaan kophee mootii H/Sillaasee dhungachuu isaatti mufate kuni garuu eenyu?

Markaatoo hanga Meelbarn

Garramoon ALI Bara 1925, magaalaa Finfinnee bakka Ameerikaan Gibbii [bal’inaan yeroo ammaa T/Haayimaanot jedhamutti] dhalatee guddate.

Intalli isaa Wasanee Garramoo BBC’tti akka himtetti, ijoollee 13 maatiin isaa Obbo Damboobaa Aqqoofi harmeen isaa Aadde Tolaa Ejeree godhatan keessaa 11ffaarratti dhalate.

Garramoon dorgommii konkolaachisummaafi kaan irra qooda osoo hin fudhatiin dura, wanti keessa isaa hafeefi biyyaafis akka gumaachu carraa baneef gosa ispoortii biskileetiiti.

Yeroos manneen magaalaa Finfinnee keessaa manneen citaadha. Ammayyummaan gara caalu warra Xaaliyaanii ALI bara 1928 biyya weeraranitu fide.

Yeroo ijoollummaa isaa dorgommii Xaaliyaanonni daandii magaalaa Finfinneerratti taasisan argaa ture.

"Akkuma Xaaliyaaniin baheen biskileetii isaanii dhiisanii deeman,’’ jechuun bara lubbuun jiru miidiyaatti dubbate.

Yeroos ijoollee kan ta’e Garramoon tura keessa biskileetii shaakalaa, jaalates. Mana barumsaa Kokaba Tsibaah [naannoo laga Qabbannaa argamu] hordofuu eegale.

Markaatoodhaa Qabbannaa miilaan adeemuun garuu fagoo ture.

"Harmeen kiyya qarshii 30’n naaf bitan [baayiskilii]. Anis ijoollee baayiskiliirra kaa’ee deemuun eegale,’’ jechuun miidiyaa Ashaam jedhamuuf bara lubbuun jiru hime.

Baayiskilii oofaa, hiriyyoota isaa of duuba aansaa imaluun, jaalala duraan baayiskiliif qabu akka gabbifatu gargaare. Sarbaa isaas micciirrate, ittiin jabaate.

Yeroo kanatti dorgommiin adeemsifamuu waan eegaleef dorgomuu eegalee ture.

"Kanneen dhuunfaan dorgoman jiru gaafa jedhamu dhagahee dorgomee, dorgommii jalqabaa torbaffaan xumure,’’ jechuun himti Wasaneen.

Wasaneen seenaa abbaa ishee yeroo himtu gammachuudhaani.

"Taphataa beekamaafi gurra horate ta’e. Keessumaa namoota naannoo Markaatoo [biratti] nama abdataniifi deeggaran ta’e. Deeggarsa haadha isaas qaba ture.’’

Injifannoo waliin maqaan isaas guddatee, milkiinis itti fufe. Barsiisonni isaas osoollee barfatee galee isa obsu.

"Osoon barfadhee dhufes daarektariin naaf eeyyama ture,’’ jechuun Obbo Garramoon milkaa’inni isaa gargaarsa addaa akka argatu akka isa taasise himu.

Bara lubbuun turan seenaa isaanii akka himanitti dargaggoorra ce’un, wal morkii atileetota ciccimoo Ertiraafi kaan irra aanuun irra-deddeebiin shaampiyoonaa Itoophiyaa ta’uu eegalan.

Mootii Itoophiyaa yeroosii H/Sillaasee bira dhihaatanii waancaa lamas fudhatanii turan.

Xalayaa mootichaaf

Osooma kana keessa jiranii waldorgommiin Olompikii jedhamuufi biyya alaatti dorgomamu akka jiru dhagahu. Namoonnis akka dorgoman isaan gorsan.

Haa ta’u malee, namni isaan gargaarus ta’e karaatti dorgomuu danda’an baruun rakkisaa itti ta’e.

Gosawwan ispoortii yeroos Itoophiyaatti eegalan jiraatanis jaarmayaan cimaa garuu hin turre.

Gorsa namootaan xalayaa mootichaaf akka barreessu erga yaada argatee booda qophaa’e.

"Ofiikoo xalayaa barreessee daandii gubbaan isaan eege…. Guyyaa Dilbataa garagaraa si’a sadiif isaan eege. Hin dhufne. Afraffaa irratti dhufan,’’ jechuun hima.

Mootichi baatii Hagayyaa keessa gara Bishooftuu adeemuun dabarsu waan jedhamuuf bakka Mashuwaalakiyaa jedhamuutti ture kan isaan eege.

"Harka fuudheen dabarse [jila mootiichaa]. Ergasii saayikilii kiyya nan kore. Land Roovar [gosa konkolaataa] isaanii faana bu’uun eegale,’’ jechuun hima.

Boodarra erga fagoo deeman booda ija isaanii seene. Dargaggoo xalayaa qabatee harka raasu arganii gargaartonni harkaa fuudhan.

Mootii bira dhihaate. Kokkolfaa akka simataniifi waan isaan jedhan akkanaan miidiyaaf himan.

"Addunyaarraa dorgomuu nan barbaada?’’

"Ni dandeessaa?’’

"Eeyyee.’’

"Akka dandeessu akkamiin barte?’‘

‘‘Dorgomtoonni addunyaa sa’aatii tokkotti 42km gulufu. Anis hammana nan fiiga."

‘‘Wal qixadha jechuudha."

‘‘Qilleensi keenya ni jabaata jedhama."

Eegasii gaafa Kibxata ganama masaraatti akka dhihaatu itti himame.

Achittis dhihaatee ‘‘siif eeyyamneerra" akka jedhame bara lubbuun ture irra deddeebiin dubbateera.

Haa ta’u malee, erga eeyyameef booda galata dhiheessee yeroo bahuuf jedhu keessummeessitoonni ‘‘kophee dhungadhu, kophee dhungadhu malee" jedhamuu isaa hima.

‘‘Ani shaampiyoonaadha, akkamitti kophee na dhungachiisu," gaaffiin jedhu sammuutti na dhufe jechuun seenaa isaa himee ture.

Boodarra kophee mootii H/Sillaasee lamaan dhungachuu isaanii dubbatu.

Eegasii ture imalaaf qophaa’uufi garee ijaaruun kan eegale. Yeroos dhaabbati ispoortii jabaan waan hin turreef dorgommiif haala mijeessuun rakkisaa ture.

Imala gara Olompikii

Olompikiin Meelbarn bara 1956’tti Awustiraaliyaatti dorgomame. Itoophiyaanis seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf Olompikii 16ffaa kana irratti dorgomte.

Wal morkii kana irratti Itoophiyaan biskileetiin ala atileetiksiin hirmaatteetti. Walumaa gala atileetonni hirmaatan 12 dha. Kanneen keessaa afur bisikileetiin kan dorgomanidha.

Imalli Itoophiyaadhaa gara Awustiraaliyaa taasifame garuu dadhabsiisaa ture.

Guyyoota torbaaf "xiyyaara mi’a fe’uun agdaamii [teessuma] sibiilaa irratti imalle" jechuun seenaa isaanii himu.

Nyaatiifi boqonnaan gahaa waan hin turreef mijataa akka hin taane dubbatan. Maatiin isaa cukkoo, dorgomtoonni kaan akaayii waan baataniif isa soorachaa imaluu himan.

Akka ragaaleen Olompikii agarsiisanitti, dorgommicha atileetii Xaaliyaanii eegamaa ture Erkolee Baaldiniitu injifate. Fageenyi dorgommichaa 187.73km ture.

Garramoon dorgommii daandiirraa dorgomtoonni 88 biyyoota 28 irraa qooda fudhatan irratti 25ffaan xumure.

'Hin mo'amu ture'

Atileetonni Awurooppaa hedduu isaan booda xumuran jiru. Biyyi Afrikaa hirmaattee dorgommii xumurte garuu Itoophiyaa qofaadha.

Atileetonni Rippablika Afrikaa Kibbaa afur hirmaatan hunduu dorgommicha hin xumurre ture.

‘‘Akka inni nuun jedhetti, osoo leenjisaa, nama isa gorsu qabaatee hin mo’amu ture. Tooftaafi teknikii muraasa wallaale malee ga’umsa ykn dandeettiin isaanii gadi hin turre," jechuun himti Wasaneen.

Masfin Tasfaayee 36ffaa, Tsahaayyee Baahitaa 38ffaan xumuran. Niguusee Mangistuun dorgommicha hin xumurre.

Qabxii atileetonni biyya tokko sadii ta’anii galmeessaniin kennameen, gareen Itoophiyaa dorgommicha sadarkaa 9ffaan xumure.

Atileet Garramoo Damboobaan Olompikii Room bara 1960 dorgomame irrattis saayikilingiidhaan hirmaataniiru.

Haa ta’u malee, dorgommii gidduutti ‚‘‘na xalafanii na kuffisan" jechuun waan irra gahe himu.

‘‘Gateettiifi harki isaa cabee dhufe,’’ jechuun himti Wasaneen.

Waltajjii Afrikaa fi kaan irratti kan milkaa’e Garramoon boodarra gara leenjisummaatti dhufanii leenjisaa turan.

Ogummaan isaanii garuu baayiskilii qofaa hin turre. Booksii ykn bunyaa akkasumas dorgommii konkolaataa irrattis hirmaataniiru.

Maatii isaanii keessaa faana isaanii kan bu’anis turan.

"Saamson Garramawuufi Fireezar Garramaw lamaanuu yeroo dheeraaf biskileetii dorgomaniiru.

"Obboleettiin kiyya biroo Azeeb jedhamtuufi amma lubbuun hin jirre yeroo dheeraaf biskileetii dubartootaan injifattuu turte,’’ jechuun himti Wasaneen.

"Abbaan kiyya jireenya isaa guutuu biskileetiin dabarse. Jireenya biraa hin qabu [ture].’’