Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olimpikii Paaris 2024 irratti qabxiilee ijoo beekuu qabdan
Olimpikiin Paaris Jimaata Adoolessa 26, 2024 baname – Paaraalimpikiin ammoo torbanoota muraasa dhufan keessa gaggeeffama.
Sirni baniinsaa bidiruuwwan irratti gaggeeffama, akkasumas gosti dorgommii waan akka shubbisaa ‘break-dancing’ yeroo jalqabaaf morkiif dhiyaata.
Taphni Olimpikii fi Paaraalimpikii yoomi? Eenyu fa’itu hirmaata?
Olimpikiin waqtii bonaa Adooleessa 26 hanga Hagayya 11 raawwata. Atileetonni 10,500 gosoota ispoortii 32n kan dorgoman ogguu tahu, medaaliyaawwan 329 morkiif dhiyaataniiru.
Dorgommiin qaama miidhamtoota hirmaachisu Paaraalimpikiin ammoo Hagayya 28 hanga Fulbaana 8 gaggeeffama. Atileetonni 4,400 kan irratti hirmaatan dorgommiin kun, gosoota ispoortii 22 fi medaaliyaan dorgommii garagaraa 549 badhaasaaf qophaa’aniiru.
Olimpiikii irratti biyyoonni 206 atileetota ogguu hirmaachisan, Paaraalimpikii irratti ammoo biyyoota 184.
Magaalaan guddoo Faransaay Paaris dorgommii kanaaf haarayaa miti – baroota 1900 fi 1924 irratti dorgommii kana qopheessiteetti.
Kanaanis magaalaa marroo sadeessoof qopheessitu lammaffaa taati. Magaalaan Landan 1908, 1948 fi 2012 qopheessiteetti.
Taphni Olimpikii inni dhumaa 2021 gubbaa Tokiyootti kan qophaa’ee ture ennaa tahu, sababa weerara Koovidiin wagga tokko harkifatee raawwate.
Bakki itti gaggeeffamu eessa?
Jiddugala Paaris keessa wiirtuulee Olimpikii 15 fi Paaraalimpiikii 11 dorgommii keessummeessu.
Dorgommiiwwan tiraayaatiloon, maaraatonii bishaan daakkii fi Paaraa-tiraayaatiloon laga Seen magaalattii irratti dorgomamu.
Dorgommii atileetiksii ijoon Istaad de Firaans keessa dorgomama. Magaalonni biro jaha ammoo tapha kubbaa miilaa keessumsiisu.
Magaalaa qarqara Galaana Meediteeraaniyaan argamtu Maarseetti, dorgommiin yabala bidiruu (sailing) gaggeeffama.
Ammas dorgommiin bishaanirraa ‘surfing’ Taahitii, bakka Teahupo'o jedhamtutti raawwata. Taahitiin bulchiinsa Faransaay yoo taatu, Garba Paasifiik Kibbaa keessa argamti.
Kanneen dorgommicha qopheessan dorgommiin kun gara caalu ijaarsa amma dura turan keessa kan taasifamu ogguu tahu, kunis baasii qusachuun, faalama hir’isuuf kaayyeeffate.
Iddoowwan dorgommii midhaassuuf baasiin yuuroo biiliyoona 8 bahuutu gabaafame.
Gosoonni ispoortii haaraa dhufan jiruu?
Gosti dorgommii shubbisaa/ragadaa "break-dancing ykn breaking" jedhamu gosa ispoortii Olimpiikii haaraa ta’a. Gosni shubbisaa kun US magaalaa Niiw Yoork keessa 1970’oota keessa jalqabame.
Gosoonni ispoortii Tookiyootti beeksifaman - “BMX, skateboarding, sport climbing fi surfing” jedhaman baranas itti fufu.
Faallaa kanaan garuu Kaaraatee fi beezbooliin ammoo keessaa godaananiiru.
Sirni baniinsaa Olimpikii maal fakkaata?
Sirni baniinsaa Olimpikii irratti kan amma dura beeknu wayita atileetonni istaadiyemii keessa naanna’anidha. Kan Paaris kanaan garuu bishaan irra naanna’u.
Gareeleen biyyootaa laga ‘Seine’ gidduu magaalattii jirurra km6 imaluun daawwattoota nagaa fuudhu.
Achiis istaadiyemii paarkii ‘Trocadero’ jedhamu keessa walitti qabamuun xombora Olimpiikaa qabsiisu.
Qopheessitoonni dorgommichaa sirna baniinsaa kana hawaasni bilisaan akka hordofu feena jedhu. Kanaanis daawwattoonni miiliyoona walakkaa tahan qarqara lagichaa dhaabbachuun akka hordofan eegama.
Mallattoon Paaris 2024 maali?
Dorgommiin kun mallattoo/fakkoommii "Les Phryges" jedhamu qaba.
Kunis baarnexaa diimaa wayita Warraaqsa Faransaay 1789 keewwatamaa turan "Phrygian" jedhaman irraa fudhatame.
Mallattoon Paaraalimpikii ammoo (gubbaarra gama bitaa) miillisaa tokko kan nam-tolcheedha. Kunis mallattoo isa jalqabaa qaama miidhamummaa agarsisedha.
Raashiyaan ni dorgomtii?
Raashiyaa fi Belaaruus akka biyyaatti garee erguu hin danda’an. Maaliif jennaan, sababa weerara Yukireeniin ogguu tahu, Belaaruus ammoo weeraricha waan deeggarteef.
Haatahu malee atileetonni biyyoota kanneenii akka dhuunfaatti walaba tahuun dorgomuu danda’u.
Ministirri dhimma alaa Sargeey Laavroov Koree Olimpikii Idil-addunyaa (IOC), sababa waraana Gaazaan maaliif Israa’el hin dhorkine jechuun qeeqan.
Pireezidantiin IOC Toomaas Baak akka Rooyitarsitti himanitti, lamaan kana walbira qabuun dogongora jechuun, Israa’el akka hirmaattu mirkaneessaniiru.
Gama kaaniin Gareen Olimpiikii Baqattootaa jedhamuufi atileetonni biyyasaaniirraa buqqa’an kan keessatti hirmaatan jira.
Olimpikii Tookiyoo irratti gareen baqattootaa kun miseensota 29 biyyoota 11 kanneen akka Siiriyaa, Sudaan Kibbaa, Afgaanistaan fi Kaameruun irraa kan of keessatti qabate ture.
Dorgommiiwan kanaaf akkamiin tikkeeta argachuu danda’a?
Tikkeenni Olimpikii fi Paaraalimpikii addunyaa maraaf banaadha – kan dursa dhufee bite dursa argata.
Tikkeetoonni kun kan gurguraman karaa marsariitii Paaris 2024 isa sirriin qofadha.
Dorgommiiwwan hedduuf gamanumaan tikeenni gurguramee obba’eera. Haatahu malee tikkeetonni haaraan yeroo yeroon dabalamaa adeemu.
Dorgommiiwwan Olimpiikiif gatiin inni xiqqaan yuuroo 24 (Birrii 1470) ennaa tahu, Paaraalimpiikiif ammoo Yuuroo 13 (Birrii 797) irraa eegala.
Dorgommiiwwan kanarratti hirmaachuuf garuu akkuma yeroo kaanii biyya biraa ennaa daawwatan viizaan isin barbaachisuu mala.
Dorgommii kana lammileen Faransaay akkamiin simatan?
Yaadni namootaa sassaabame tokko akka mul’isutti jiraattonni Paaris %44 Olimpika qopheessuun “waan badaadha” jedhanii yaadu. Gatiin geejjibaa wayita dorgommichaa dachaan dabala.
Jiraattonni garii tarkaanfiiwwan nageenyaaf fudhatamaniin hin gammanne.
Mandarri Olimpikii fi Paaraalimpikii, akkasumas wiirtuun bishaan daakkii naannoo kaaba Paarisitti argamtu Seine-Saint-Denis jedhamtutti ijaaramaa jiru. Naannoon kun Faransaay keessaa hiyyummaan kanneen beekaman keessaa isa ijooti.
Dhaabbileen qarqaarsaa harka-qalleeyyiin gamoowwan wiirtuu dorgommii kanaatti dhiyeenya jiran keessaa baafamuu hordofee komii dhaggeessisaa turan.
Dorgommiin Olimpikii fi Paaraalimpikii ittaanu eessa?
- 2028 - Los Anjalas, USA
- 2032 – Brisban, Awustiraaliyaa
- 2036 – haga ammaa hin baramne. Indiyaa, Polaand, Meeksikoo fi Indooneezhiyaan fedhii agarsiisaniiru.