Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taateewwan ajaa'ibsiisoo Olompikiin Tookiyoo 2020 Covid-19 qofaan akka hin yaadatamne taasisan
Tookiyoo 2020 olompikiiwwan kaan irraa adda ture. Kunis sababa weerara Covid 19 keessatti qophaa'eef qofa miti.
Dorgommiiwwan torban lamaaf turan weerara dhukkubichaa to'achuuf jecha deeggartoota malee dorgomamaa ture.
Ta'us garuu taateewwan ajaa'ibsiisoo fi hamilee namatti horan hedduun ta'aniiru. Kana jechuun Olompikiin baranaa Covid-19 qofaan hin yaadatamu jechuudha.
Dorgomtoota umurii xiqqaa qalbii hawwatan
Jalqaba dorgommichaa irratti atileetonni sadi qalbii namoota hedduu dorgomicha hordofanii hatanii turan.
Dorgommii 'Skateboarding' karaarraa kan dubartootaatiin atileetonni injifatanii waltajjii badhaasaa dhuunfatan sadanuu umuriin isaanii 20 gadi ture.
Moomijii Nishiyaa Jappaan irraa Warqee yoo injifattu, umuriin ishii 13dha. Seenaa Olompikii keessatti atileetii umurii xiqqaa meedaaliyaa warqee injifatte taateetti.
Lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii kan argatte lammiin Biraazil Raayisaa Le'aalis akkasuma umuriin ishii ganna 13.
Lammii Biraazil umurii xiqqaan medaaliyaa Olompikii argatte taateetti.
Sadaffaa baatee meedaaliyaa nahaasa kan argattee Fuunaa Nakayaamaa umuriin ishee ganna 16.
Isaan kana qofa miti atileetonni umuriin isaanii 20 gadii gosoota dorgommi bishaan daakaa, atileetiksii, jimnaastikii fi kaaniin meedaaliyaa warqee argatan danuudha.
Atileetiin Chaayinaa Quwaan Hongichaan dorgommii 'diving' ykn utaalanii bishaan lixuun meedaaliyaa warqee injifatte umuriin ishee ganna 14.
Kufanii ka'uu fi olompikii tokkorratti medaaliyaa sadii
Atileetiin Neezarlaandis dhalattuu Itoophiyaa taate Siifan Hasan olompikii tokko irrattii gosa dorgommii fiigichaa sadiin medaaliyaa argachuun seenaa arma dura atileetonni kaan dalagan qooddachuu dandesseetti.
Atileetiin kun gosoota fiigichaa sadiin kan dorgomte yoo ta'u sadaniinuu meedaaliyaa injifatteetti.
Fiigicha meetira 5000 fi 10,000nin meedaaliyaa warqee, meetira 1500nin ammoo meedaaliyaa nahaasaa injifatte.
Fiigichi meetira 5000 gulaallii marsaa tokko, kan meetira 1500 ammoo gulaallii marsaa lama qaba. Siifan walumaagalatti Olompikii Tookiyoo irratti meetira 24,500 fiigde.
Atileet Siifan Haasan meedaaliyaa sadii injifachuu ishee qofa osoo hin taane fiigicha meetira 1500 gulaallii marsaa lammataa wayita meetirri 400 hafu kuftus kaatee 1ffaa bahuun xumuruu isheeti.
Gosoota dorgommii fi tooftaawwan amma dura hin mul'atiin
Gosootni dorgommii afur kan amma dura Olompikii irratti hin mul'atiin Olompikii Tookiyoo irratti dorgomamaniiru.
Isaanis: Kaaraatee, 'skateboarding', 'sport climbing' fi 'surfing' jedhamu.
Olompikii kanarratti yeroo duraaf dorgommiiwwan akka bishaan daakaa fi fiigicha ulee wal harkaa fuudhuu saala lamaanuu waliin hirmaachiseera.
Dorgomiin bishkiliitii qilleensarraa utaalchisuu 'BMX freestyle' dorgommii haarawa barana dabalame yoo ta'u, namootni hedduun dorgommii kana ilaaluuf seera Covid cabsuun bakkeetti walitti qabamaa turan.
Dorgomtuun Gireet Biriteen Shaarlote Woorziingitan agarsiisa adda ta'e agarsiisuun meedaaliyaa warqee injifatteetti.
Atileetiin tun yeroo duraaf digirii 360 of duuba garagaluun dinqisiifannaa abbootii murtii argatte. Qabxii dhiirotaanis ta'e dubartootaan isa olaanaa ta'e 97.50 argatte.
Meedaaliyaa warqee qooddachuu
Dorgommiin utaalcha olaanaa atileetonni lammii Qaxaar fi Italii meedaaliyaa warqee qooddachuun xumurame.
Dorgommii dadhabsiisaa sa'aatii lama fudhateen atileetonni lamaan qabxiin gargar bahuu hin dandeenye. Lamaanuu meetira 2.37 kan utaalan yoo ta'u, sanaa ol utaalanii wal injifachuu hin dandeenye.
Boodarra atileetonni lamaan meedaaliyaa warqee qooddachuuf waliigaluun seenaa dalaganii jiru. Dinqisiifannaa guddaas ittiin horatan.
Seenaa Olompikii keessatti yeroo duraaf namni lama waliin injifatee meedaaliyaa warqee fudhate.
Kabaja ispoortessaa
Atileetonni US Ayizaayaa Jeweet fi kan Bootsiwaanaa Nijeel Amoos dorgommii fiigicha 800 irratti erga wal gufatanii kufanii booda, wal gargaaranii lafaa ka'aniiru.
Irree wal qabanii erga wal kaasanii booda suuta waliin fiiganii xumuran.
Atileetii dorgommicha mo'ate sakandiiwwan 54 boodatti hafuun kan xumuran yoo ta'u, yeroon homaa miti jechuun booda miidiyaaf ibsa kennan.
Seenaa hojjechuu: Meedaaliyaawwan jalqabaa
Hidiyiliin Diyaaz Filippiinsiif meedaaliyaa warqee isa jalqabaa argamsiisuun seenaa dalagdeetti. Atileetiin kun ulfaatina kaasuu kiiloogiraama 55nin dorgomte.
Diyaaz sababa weerara koronaaf jecha biyyaa baatee Maleezhiyaa jiraachaa turte.
Atileetiin maatii hiyyeeyyii irraa dhalatte kun, erga bara 2019 maatii ishee hin agarre.
Gama kaaniin Beermudaan biyya uummata xiqqoo qabdu yeroo duraaf meedaaliyaa warqee argatte taateetti.
'Meeshaa dhoksaa' dhahachaa ture
Atileetiin Biritish gosa dorgommii 'Diving' meedaaliyaa warqee argate Toom Daalii dorgommii jidduun shurraaba dhahaa ture.
Meeshaa dhoksaa dhahachaa jira ittiin jedhan namoonni.
Boodarra saree isaatiif shurraaba tolchaa akka ture marsaalee hawaasaa irratti barreesseera.
Dursa fayyaa sammuuf
Simoon Baayils dursa fayyaa sammuusheef akka kennitu ibsuun dorgommii jimnaastikii xumuraa irratti akka hin hirmaanne beeksiftee galata hedduu argatte.
"Fayyaa sammuuf dursa kennuu qabnan jedha, kana ta'uu baannaan ispoortii itti bohaartee, itti milkaa'uus hin dandeessu," jette.
Gaaffii 'natti heerumtaa?'
Olompikii Jappaan irratti atileetiin tokko gaaffi 'natti heerumtaa?' dhiyaateef simatteetti.
Atileetiin Argantiinaa Maariyaa Belen Peereez meedaaliyaa argachuu baattullee harka duwwaa hin galle.
Gaaffii kana kan dhiyeesseef leenjisaa fi hiriyaa ishee yeroo dheeraa kan ta'e Lukaas Sawusidodha.
Taateen kun laatiin Ameerikaa keessatti ijoo dubbii ture.